Araadaan Afaan Oromootiin barnoota kennaa jirti

Finfinnee: Manneen barnootaa mootummaa sadarkaa tokkoffaa barattoota Afaan Oromoo simachuun barsiisaa jiran 126 keessaa manni barumsaa Itoophiyaa Tiqdam, kan kutaa bulchiinsa magaalaa Araadaatti argamu isa tokko.

Qajeelfama qaxxaamuraa bulchiinsa magaalichaarraa darbeen barattoota Afaan Oromoo 121fi Amaariffa 287 waliigalaan barattoota 408 barsiisaa akka jiru hubachuun danda’ameera. Raayyaan barnoota Afaan Oromoo kutaa magaalichaas qindoomina olaanaadhaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Barataa Abrahaam Tsaggaayee mana barumsichaatti kutaa 7fa barachaa kan jiru yoo ta’u, handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin carraa barnootaa argachuusaatti guddaa gammaduusaa dubbata. Ji’a Onkoloolessa jalqabaarraa kaasee barnootni sirnaan kennamaa akka jirus himeera.

Rakkoon nageenyaa barnoota gufachiisu hanga ammaatti kan hinjirre ta’uu ibsee, tajaajilli geejiba barattootaa addaan cituunsaa garuu yaaddoo guddaa keessa na galcheeraa jedha. Mootummaan yeroo dhiyootti osoo nuuf furee ammoo caalaatti haalli kan mijatu ta’uus dubbateera.

Barattuu Seenaa Mulaatuus akkuma Abrahaam kutaa 7fa kan barattu yoo ta’u, addaan cituu tajaajila geejiba barattootaa qofatu isheefi maatiishee rakkisuu dubbatti.

Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin barnootni kennamuun gaaffii waggoota dheeraa ummatni Oromoo gaafachaa tureef bu’aa tokko ta’uus himteetti. Dhalattootni Oromoo eenyummaasaanii dagatan hedduu waan ta’aniif akkumashee kaka’umsaan afaan dhalootaasaanii barachuuf murteessuu akka qaban dhaamteetti.

Daarektarri mana barumsichaa Obbo Boggaalaa Alamaayyoo akka ibsanitti, jalqabbiin barnoota Afaan Oromoo sadarkaa gaariirra waan jiruuf hojiin barsiisuu siyaa’inaan gaggeeffamaa jira. Akaakuu barnootaa hundaan barsiisotnis ramadamanii hojjechaa kan jiran yoo ta’u, dhiyeessiin meeshaalee barnootaas hanga tokko guutameera jedhan.

Waajjira Barnootaa Kutaa Magaalaa Araadaatti ogeessi sagantaa barnootaa Afaan Oromoo Obbo Diinaa’ol Caalaa akka jedhanitti, kutaa magaalichaatti manneen barnootaa mootummaa sadarkaa 1fa 10 keessatti barattootni 673 Afaan Oromootiin barachaa jiru.

Akka kutaa magaalaa Araadaatti barana karoorri qabamuu baatus fedhiin barattootaarratti hundaa’uun barnoota jalqabsiisuuf dirqamneerra jedhan. Walqabannaan raayyaa barnootaa Afaan Oromoos olaanaa waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama fiduuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Dura buutotni manneen barnootaa mootummaa kutaa magaalichaas caalaatti Afaan Oromootiin barnootni akka hinkennamneef gufuu ta’aa jiraachuu himanii, hrakkoo kana furuuf dabalataan qindeessitootni afaanicha danda’an adeemsumaan ramadamaa jiraachuu eeran. Jalqabbii sirriitti cimsuuf ammoo hojjettootni mootummaa, abbootiin qabeenyaafi kutaaleen hawaasaa marti tumsuu akka qaban gaafataniiru.

Gama biraatiin dheengadda Mana Barumsaa Sadarkaa Tokoffaa Afaan Burqaa Waayyuu Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftootti argamu kan daaw’atan kantiibaa ittaanaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa rakkoolee yuniformiifi rakkoolee biroo barattoonni, maatiifi manneen barnootaa adda addaa kaasan yeroo gabaabaa keessatti furuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

4 Comments to “Araadaan Afaan Oromootiin barnoota kennaa jirti”

  1. Pingback: fake advertising

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *