Finfinnee: Nabiyyuu Mohaammad Nabiyyoota ykn ergamtoota rabbi ummata Musliimaatiif erge keessaa isaan xumuraati.
Hordoftoota amantii Islaamaa hedduu biratti jaalala olaanaa kan qaban Nabiyyuu Mohaammad, waantonni isaan bara jiruusaanii hojjatan hunda akka fakkeenya gaariitti fudhachuun immoo hordoftoota amantichaatiif diirqama.
Garaa garummaa Nabiyyuu Mohaammad nabiyoota isaan dura turanirraa qaban keessaa inni guddaan, Musliimaan ala amantiin biraa akka hinjiraanneef guyyaa tokko yaadaniis ta’ee Rabbiisaanii dhimma kanaaf kadhatanii kan hinbeekne ta’uutu himama. Kanaafis nabiyyii jaalalaa, tokkummaafi kabajaa jedhamuun beekamu.
Guyyaa dhalootasaanii yaadachuuf kan kabajamu ayyaanni Mowlidaa, hordoftoota amantichaatiif garuu dirqama osoo hintaane fedhaan kan kabajamu ta’uu Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Muftii Hajii Omar Indiris ni dubbatu.
Haalli nageenyaa biyyattiin yeroo ammaa keessa jirtu yaaddessaa ta’uusaatiin ayyaanichi miira walkabajuu, waldanda’uufi tokkummaa biyyaa cimsuun kabajamuu akka qabu himanii, abbootiin amantiis oduu qofaan osoo hintaane hojii qabatamaadhaan mul’isuu akka qaban gaafataniiru.
Tokkummaafi nageenyi biyyattii yeroo gaaffii keessa gala jirutti ajandaan abbootii amantiis ta’e kan hawaasa guutuu biyyattii nageenya buusuurratti xiyyeeffachuu akka qabuufi hordoftootni amantii Musliimaas yeroo ayyaanicha kabajanitti dhimma nageenyaafi tokkummaa biyyaatiif iddoo guddaa kennuu akka qaban dhaamaniiru.
Namoota dhibaman ‘ziyaaruun’, kanneen hidhaman gaafachuun, dhiifama waliif gochuufi isa rakkate gargaaruun dirqamoota guyyichaati.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012
5 Comments to “Mawlidni baranaa haala tokkummaa biyyattii cimsuun akka kabajamu gaafatame”