Jeequmsa sammuu

Namoonni jeeqama sammuu qaban akkaataa itti yaadan, itti hubataniifi amalasaanii ilaalchisee rakkinni isaan qaqqabuu danda’a. Jecha gara biraatiin yaadni, hubannoofi amallisaanii waldhahaa ta’a jechuudha. Kunis walitti dhufeenya nama wajjin qabaatan, jiruufi gammachuu jireenyasaanii garmalee xuqa.

Jeeqama sammuu qabaachuun namichaaf rakkina, maatiisaafis rakkina. Haa ta’u malee garuu waan itti qaana’an miti.

Jeeqama Sammuu Maaltu Fida?

Jeeqama sammuu qabaachuun balleessaa nama kamuuyyuu akka hintaane hubachuun hedduun gaariidha. Yeroo tokko tokko akka waan dhiiga badaa, dheekkamsa ykn ija budaa wayii irraa dhufetti amanama. Karaa gara biraa garuu sababoonni hedduun jeeqama sammuu akka fiduu danda’an amanama.

Mallattoon dhukkubichaa kanneen armaan gadiiti

  • Olka’iinsa dhiibbaa dhiigaa,
  • Ol ka’iinsa rukuttaa onnee,
  • Dhukubbi garaa (akka haqqisuu namatti dhagahamuu)
  • Kirkiruu qaamaa
  • Boqonnaa dhabuun namatti dhaga’amuu,
  • Hirriba dhabuu
  • Ulfinni qaamaa hir’achuu;
  • Humna dhabuu;
  • Of ajjeesuuf ykn du’uu hawwuu;
  • Yakka hojjechaaf namatti aggaamuu;
  • Abdii dhabuu fa’i

Dhukkubba akkanaarraa fayyuuf wal’ansa argachuun barbaachisaadha. Dafanii wal’ansa argannaan dafani fayyuun ni danda’ama.

Maddi: siifsiin.com

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *