Haleellaan saaybarii dhibbeentaa 90n hanqina itti fayyadamaatiin qaqqaba

Finfinnee: Haleellaan saaybarii dhibbeentaa 90 rakkoo itti fayyadamaan walqabatuun kan uumamu ta’uu Ejensii Nageenya Marsariitii Odeeffannoo Itoophiyaa beeksise.

Daarektarri Ittaanaan Ejensii Nageenya Marsariitii Odeeffannoo Itoophiyaa Injinar Warquu Gaachanaa ibsa Jimaata darbe dhimmicharratti kennaniin haleellaan Saaybarii yeroorraa yerootti dabalaa jiraachuu himaniiru.

Haleellaan saaybarii qaama alaa dhufutti dabalee rakkoo itti fayyadama meeshaalee elektirooniksiin kan walqabatu ta’uu eeranii, babbal’achuu tajaajila elektirooniksiin walqabatee rakkinichi sadarkaa yaaddessaarra gahuu ibsaniiru. Kunis ammoo hojii guyyuu lammiileen kan uumu ta’uu dubbataniiru.

Rakkoo haleellaan kun qaqqabsiisurratti lammiileef gabbisni hubannoo ga’aan hinkennamu taanaan dhiibbaan qaqqabu daran olaanaa ta’uus Inijiinar Warquun himanii, haleellaan alaa aggaamamu kamuu karaa salphaan dhaloota hubaatiif ni saaxila jedhaniiru. Aggaammii qolachuufis tika nageenya daataa dhaabbilee xiyyeeffannoon hojjetamuu ibsaniiru.

Of eeggannoon gama kanaan taasifamaa ture laafaa ta’uusaatiin miidhaan qaqqabe jiraachuus eeranii, fuulliwwan marsariitii  hawaasaa 300 ol haleelamuu beeksisaniiru.

Kana malees kallattiilee gara garaatiin haleellaawwan saaybarii adda addaa 791 ol qaqqabeera kan jedhan Injinar Warquun, saamicha odeeffannoofi maallaqaa akkasumas dhiibbaan dinagdee biyyaarraan gahu olaanaa ta’uu eeraniiru. Ejensichi erga hundaa’ee as aggaammii haleellaa saaybarii Itoophiyaarratti xiyyeeffate hedduu maseensuus dubbataniiru. Haleellaa saaybarii rakkoo itti fayyadamaan qaqqabu kana dhibbeentaa 80 ol maqsamaa jiraachuu addeessaniiru.

Aggaammii kana qolachuuf hojiin daddammaqinsaa Kibxata darberraa eegalee hanga boruutti turu dhaabbilee 1100 caalaniif kennamaa jiraachuu himanii, kunis rakkinichi karaa salphaan akka maqfamu gochuu keessatti gumaacha olaanaa qabaata jedhaniiru. Gabbisa hubannoo kanarratti ogeeyyonni miidiyaafi aartistoonni akka hirmaatan taasifamuu eeraniiru.

Keessumaa wayita bilbila mobaayiliifi kompiitara fayyadamnu faayiloota akka feeteen banuun, deebisanii cufuu dhiisuun, wayita daataan walii daddabarfamu haleellaan lo’ee seenu olaanaa ta’uu Injiinar Warquun ibsaniiru. Filaashotattis sirnaan  fayyadamuu akka barbaachisu eeraniiru.

Wayita faayiloonni garanaa garasitti dabarfamanitti lootee seentonni saaybarii qophaahanii kan eeggatan ta’uus himanii, namoota daataan darbuuf adda baasuufi hatattamaan dabarsanii appilikeeshinii (meeshaa) ittiin dabarsan sana cufuun murteessaa ta’uu beeksisaniiru. Ragaaleen namoota dhuunfaa hatamuun of eeggannoo dhabuurraa kan maddee ta’uus ibsaniiru.

Sochiin gama kanaan jalqabame akka si’atuuf ejensichi dhaabbilee telekoomii, ibsaa, baankiifi kanneen biroo dhimmichi kallattiin ilaallatu marti of eeggannoo akka godhataniif waliin kan hojjetan ta’uu himameera.

Torban  Nageenya Saaybarii kun akka addunyaatti yeroo 16faf kabajamaa kan jiru yoo ta’u, Itoophiyaatti kan jalqabaa ta’uun eerameera.

Waasihun Takileetiin

Suurri Iyyoob Tafariitiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You

3 Comments to “Haleellaan saaybarii dhibbeentaa 90n hanqina itti fayyadamaatiin qaqqaba”

  1. Pingback: Shakira

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *