Qaamolee badii raawwatanirratti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jira

Finfinnee: Oromiyaatti walitti bu’iinsa torbee darbe mudateen gaaga’amni guddaan qaqqabeera. Ergasii as garuu badiin caalu akka hinuumamneef abbootiin Gadaafi amantii walta’insaan araara buusaniiru. Mootummaanis qaamolee badii raawwatanirratti tarkaanfii seeraa duubatti hindeebine fudhachaa akka jiru beeksiseera.

Waajjira Ministira Muummeetti Sakireetariyaatiin Pireesii Obbo Nugusuu Xilaahuun dheengadda gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, walitti bu’iinsa mudateen lubbuun lammiilee 78 darbeera; qabeenyi hedduus manca’eera. Sababuma kanaani shakkamtootni 407 to’annoo seeraa jala oolfamaniiru.

Badiisa guddaa qaqqabuu malus hir’isuuf caasaan nageenyaa federaalaafi Oromiyaa humna guutuudhaan hojjechuusaanii ibsaniiru. Caalaatti ammoo walitti bu’iinsa uumame tasgabbeessuuf maanguddootni biyyaa, dargaggoonniifi qaamoleen hawaasaa biroon tumsa olaanaa taasisaniiru. Kanaaf ammoo mootummaan galata guddaa qabaa jedhan.

Rakkoo uumameen lammiilee lubbuusaanii dhabaniifi qaamnisaanii miidhameef, akkasumas qabeenyisaanii jalaa barbaadaa’eef mootummaan RFDI kan gadde ta’uusaa ibsanii, qaamolee kal­lattiifi al kallattiin badii raawwatanir­ratti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jiraachuus dubbataniiru.

Sababa walitti bu’insichaan lammii­lee miidhaman baraaruufis mootum­maan kutaalee hawaasaa garagaraa waliin deggarsa barbaachisu taasisaa akka jirus ibsaniiru. Rakkoo uumame waaraan furuuf ammoo mootummaan marii hawaasaa bal’inaan gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, fuldurattis cimee kan itti fufu ta’aa jedhan.

Ji’oota 18n darban keessa sababoota walitti bu’insaan shakkamtootni kuma sadiifi 221 to’annaa seeraa jala oolfa­muusaanii kan yaadatan Obbo Nugu­suun, kanneen keessaa namootni kuma lama ta’an mana murtiitti himatamaa akka jiran dubbataniiru. Shakkam­tootni tibbana qabamanis erga seeraan qoratamanii booda adabbii seeraa ni argatuu jedhaniiru.

Biyyattii keessatti mootummaan lama jira jedhamee odeeffamaa kan jirus sir­rii miti jedhanii, darbee darbee garuu dargaggootni keenya hubannoo malee miiraan gaggeeffamaa akka jiran ib­saniiru. Rakkooleen uumamaa jiranis suuta suuta sirreeffamuunsaanii waan hinoolleedhaa jedhan. Mootummaan­nis tarsiimoo obsaan bira darbuu kees­saa bahee tarkaanfii madaalawaa kan fudhatu ta’uus hubachiisaniiru jechuun Televizhiniin Itoophiyaa gabaaseera.

 Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012

Recommended For You

9 Comments to “Qaamolee badii raawwatanirratti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jira”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: m358
  3. Pingback: Jaxx Liberty
  4. Pingback: click resources
  5. Pingback: altogel

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *