Jawaariin ajjeesuu miti, warra nu ajjeese waliinuu jiraachaa jirra.

-warri shira kana xaxanis ija seeraan akka ilaalaman qabsaa’aa jirra.

-Ministira Muummee Itoophiyaa Dr Abiyyii Ahmad

Rakkoo nageenyaa tibbana akka Oromiyaatti mudate waliin walqabatee qondaaltonni mootummaa Naannoo Oromiyaa marii hawaasaa taasisaa turaniiru.

Ka’umsa rakkoo kanaaf sababa kan ta’e aggaammii ajjeechaa Xiinxalaa siyaasaa Jawaar Mahaammadirratti raawwate yoo ta’u yaalicha keessaa mootummaan harka qaba komiin jedhu ka’aa tureera.

Dhimma kana ilaalchisuun marii hawaasa Baha Oromiyaa waliin Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiyyii Ahmad fi Ministirri Raayyaa Ittisa biyyaa Obbo Lammaa Magarsaa taasisaniin shiricha keessaa harka akka hinqabne ibsaniiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiyyii Ahmad komii dhimma Jawaarirratti isaanirratti ka’e ilaalchisuun deebii kennaniin Jawaariin ajjeesuu mitiitii warra kanaan dura ajjeechaa qaqqabsiisaa ture waliinuu jiraachaa jirra jedhaniiru.

Abiyyii Ahmad saba Oromoo jijjiiruuf hoogganaa hirriba dhabudha malee imaanaa Oromoo dabarsee laata jedhamee komiin ka’aa jiru sirrii akka hintaane Dr Abiyyiin kaasaniiru.

Oromoon aangoo argate malee hojjetee Oromoo fayyadee hinjiru kan jedhan Dr Abiyyiin hunduu laphee qulqulluutiin saba kana tajaajilee ceessisuuf tumsuu akka qabu dubbataniiru.

Jawaar akka biyya seenuufis kan haala mijeesse nuyi,nageenyasaa qabatamaa taasisuufis eegduus kan ramade mootummaadha kan jedhan Dr Abiyyiin yaada paarlaamaarratti ka’e waliin walbira qabamee komichi ka’uu himaniiru.

Kuni ta’us akka Jawaar ajjeefamuuf karoorri gamasaan akka hinjiraanne kanamalees mootummaansaanii kan ajjeesu osoo hintaane olaantummaa seeraaf kan dhaabate dimokiraasii dhugaa ijaaruuf hoogganaa tattaafataa jiru akka ta’e ibsaniiru.

Paarlaamaarratti komii ani miidiyaarratti kaase uummata shakkii keessa galcheera kan jedhan Dr Abiyyiin dhibbeentaa 70 miidiyaaleen biyya keessaa hedduu paaspoortii biyya alaan hojjetu yaanni jedhu OMN ilaallata jedhamee hiikamuunsaa sirrii akka hintaane dubbataniiru.

Yeroo ammaa komiin yoo ka’u kun uummata Oromoo ilaallata jedhanii ofitti maxxansuun hafuu akka qabullee Dr Abiyyiin kaasanii dogoggora dhimma Jawaar wajjin walqabatee mudate deemsaan ilaalla jedhaniiru.

Jawaariin ajjeesuufis,hidhuufis dararuufis kaayyoo hin qabnu kan jedhan Dr Abiyyiin Jawaaris,Abiyyis,Lammaanis yoo gaarii hojjetan jajjabeessuu,yoo rakkoo uuman gorsuu,yoo yakka dalagan seeraatti butuudha malee wal ajjeessuf karoorri akka hinjirre ibsaniiru.

Wal ajjeesaa deemama taanaan warra kaleessaarraa maaliin adda baana kan jedhan Dr Abiyyiin dimokiraasii hirmaachisaa ta’e lafa qabsiisuuf tumsa walinii barbaada jedhaniiru.

Kanamalees gaaffiin uummata Oromoo yeroo dheeraa akka deebi’uufis gadi fageenyaan irratti hojjetamaa jiraachuu yoo ibsan yeroo dhiyootti hojiitti hiikamee kan mul’atu ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Obbo Lammaa Magarsaas gamasaaniin dubbii dubbataniin qabsaa’ota Oromoo walitti qabnee biyya ijaaruuf malee wal ajjeessuuf aggaammii hinqabnu jedhaniiru.

Qabsaa’ota kana keessaa Jawaar Mahaammad isa tokko yoo ta’u aggaammiin ajjeechaa isarratti qaqqabe gaddisiisaa ta’uu Obbo Lammaan ibsaniiru.

Namoonni gochaa badisaa kana raawwatan seeratti akka dhiyaataniif qabsaa’aa jiraachuu kan ibsan Obbo Lammaan lubbuun Jawaar Mohaammad nama yartuu harkatti akka hindabarreef durumaa eegumsi akka ramadamuufii kan taasise mootummaadha jedhaniiru.

Jawaariin dabalatee qabsaa’onni Oromoo martiyyuu Oromiyaa ceessisuuf harka walqabatanii akka hojjetaniif gara biyyaatti waamamuu Ministirichi yoo ibsan har’a wal ajjeesuuf shirri walirratti xaxamu tokkollee hinjiru jedhaniiru.

Gaaffii Oromoonni kaasan karaa saayinsawaa ta’een deebisuuf humna qabaniin kan hojjetan ta’uu Obbo Lammaan yoo himan shakkii tokko malee Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa akka ta’u dubbatniiru.

Qabsoo dhimma faayidaa Oromoorratti taasifamu mara keessatti hayyoonni Oromoo tokkummaan qindooofnee waliin hojjechuutu furmaatadha kan jedhan Obbo Lammaan wal ajjeesaa wal hir’isaa biyya ijaaruuf hawwii akka hinqabne himanii jiru.

Kanamalees olaantummaan sabaa akka jiraatu akkasumas sirna durii deebisuuf carraaqama jira jedhamee komiin ka’ullee ejjeennoo isaanii akka hintaane kaasaniiru.

Yeroo ammaattis mariiin hawaasaa Godinaalee Oromiyaa gara garaa keessatti qondaaltota ol’aanoo waliin taasifamaa kan turee fi kan jiru yoo ta’u haala nageenya Oromiyaa qabatamaan mirkaneessuu fi gaaffii Oromoo deebisuuf hojjetamaa akka jiru Obbo Lammaan dubbataniiru.

Kun ta’us qondaaltota ODP gidduus rakkoon akka jiru kaasanii hooggansisaanii bara dukkanaa keessa rasaasa dura dhaabatee gahumsaan keessa darbe hudhaalee xixiqqaa kana furuun Oromiyaa ceessisuuf gahumsi jiraachuu ibsaniiru.

Sosochii gama kanaan taasifamu kana milkeessssuu keessaatti hawaasni deeggarsa aantummaasaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.  

 Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012

 Waasihun Takileetiin

Recommended For You

2 Comments to “Jawaariin ajjeesuu miti, warra nu ajjeese waliinuu jiraachaa jirra.”

  1. Pingback: noonoo.org

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *