Hanga bara 2030tti carraan hojii miiliyoona 20 uumuuf karoorfame

Finfinnee: Hojii dhabummaa hammaachaa dhufe hir’isuuf hanga bara 2030tti carraa hojii miiliyoona 20 ta’u uumuuf karoorfamuu Komishiiniin Carraa Hojii Uumuu Federaalaa beeksise.

Dargaggoonni walitti bu’iinsa hinmalle keessatti akka hirmaataniif wantoota sababa ta’an keessaa inni guddaan hojii dhabdummaa ta’uu kan himan Ministira Muummee Ittaanaan Obbo Dammaqaa Mokonnin, sochiin carraa hojii bal’inaan uumuu gara hojii qabatamaatti galamuu konfiransii carraa hojii uumuu yeroo jalqabaatiif taa’amerratti ibsaniiru.

Namni hojii qabu yeroo hunda haala ittiin bu’aa qabeessummaasaa dabalu malee jeequmsaafi wantoota hinmalle keessatti hirmaachuuf yeroo kan hinqabne ta’uufi mootummaan immoo dargaggoota qofaaf osoo hintaane nageenya biyyaa mirkaneessuuf jecha dhimma carraa hojii dargaggootaaf uumuu akka hojii ijootti itti adeemaa kan jiru ta’uu dubbataniiru.

Kanaaf immoo carraan hojii qixa ta’e dorgommii bilisaatiin dargaggootaafi dubartoota hundaaf akka mijatuuf yeroo kamiyyuu caalaa hojjatamaa jira.

Komishiinichi carraa hojii bal’aa uumuudhaaf karoora waggaa 10 baafatee hojjachaa jiraachuu kan himan immoo Komishiinarri komishiinichaa Doktar Efreem Taklee, bara bajataa eegalame qofatti carraawwan hojii miliyoonni sadii uumuuf karoorfamuu dubbatu.

Egereen biyyattii harka dargaggootaa keessa kan jirtu waan ta’eef carraan hojii uumamu irra jireessaan kan dargaggootaa akka ta’es himaniiru.

 Adeemsi carraa hojii uumuu kun immoo qindoomina cimaa qaamolee hundaa kan gaafatu waan ta’eef keessattuu dameen dhuunfaa sochii kana keessatti shoora olaanaa taphachuu kan qabu ta’uu dhaamu.

Yeroo ammaa dameen dhuunfaa namoota miiliyoona 1.8 ta’uuf carraa hojii uumeera.

 Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

3 Comments to “Hanga bara 2030tti carraan hojii miiliyoona 20 uumuuf karoorfame”

  1. Pingback: sex phim

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *