Ambo: Mallattoo amala gaarii barattoonni Yunivarsiitii Amboo agarsiisaa jiran gamanumaa jajjabeessaa ta’uu Pirezedaantiin Yunivarsiitii Amboo dubbatan.
Pirezidaantichi Doktar Taaddasaa Qana’aa ibsa naamusa barattootaarratti Gaazexaa Bariisaaf laataniin jijjiiramni mul’achaa jiru jajjabeessaa ta’uu himaniiru.
Akka ibsasaaniitti yunivarsiitiin bakka barattoonni jireenya hawaasummaafi naamusa gaarii itti horatan yoo ta’u, isa kana hojiitti hiikanii argamuuf tattaaffii barattoonni taasisan dhaabbilee barnoota olaanaa biroof fakkeenya kan ta’uudha.
Barattoonni yunivarsiitichaa bara barnootaa 2012 wayita Yunivarsiitii Amboo seenuu dhufan rifeensasaanii sirreeffatanii akka galan taasifamuu pirezidaantichi ibsaniiru.
Haala kanaan barattoonni hundi jalqabbichatti gammaduun rifeensasaanii
seeraan sirreeffatanii galuu kan himan pirezidaantichi, keessoo naamusaaniis akka of ijaaraniif giddugalli aadaafi aartii ijaaramuu ibsaniiru.
Giddugalichi barattoonni sabaafi sablammii gara garaa keessaa babba’an aadaafi eenyummaasaanii bakka itti agarsiisaniifi waljijjiiraniif kan fayyaduudha jechuun ibsaniiru.
Giddugalli aadaa kun maqaa Looreet Tsaggaayee Gabramadiniin kan moggaafame ta’uu pirezedaantichi eeranii, waltajjii barattoonni sabaafi sablammii itti hariiroosaanii cimsatan ta’ee tajaajila jedhaniiru.
Barattoonni gahumsa aartiifi aadaan of ijaaranii fakkeenya gaarii abbootii darbanirraa dhaaluun ilaalchota yaraa maqsuun miira waldanda’uufi tokkummaa akka horatan hordoffiifi deeggarsi karaa aartii akka kennamu kan taasifamu ta’uus himaniiru.
Waljijjiirraan aadaa kun kan hinbeekne walirraa baruuf biyya ofiis waliin ijaaruuf karaa saaqa kan jedhan pirezedaantichi, seenaa odeessuurraa bahanii seenaa akka hojjetaniif deeggarsi taasifama jedhaniiru.
Aadaa, safuuf duudhaa walii beekuun of eeggannoo tokkoo tokkoo sabaaf sablammiin waliif taasisu akka cimullee giddu galichi shoora kan taphatu ta’uu Pirezidaantichi ibsanii jiru.
Jalqaba waggaa kanaarraa kaasee jijjiirama naamusaa barattoonni Yunivarsiitti Amboo agarsiisaa jiran kun gammachiisaa ta’uu pirezedaantichi himuun itti fufiinsa akka qabaatuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Garaagarummaan afaanii, aadaafi amantii jiraatus miidhagina kan jedhan pirezidaantichi, miirri waldanda’uufi waliif yaaduu itti fufiinsa akka qabaatuuf damee aartiifi aadaa kana babal’isuun dhimma dagatamuu hinqabnedha jedhaniiru.
Bariisaa Onkoloolessa 22 /2012
Waasihun Takileetiin
One Comment to “Amala gaarii barattoonni Yunivarsiitii Amboo agarsiisaa jiran ni jajjabeeffama Doktar Taaddasaa Qana’aa”