-Raashiyaan biyyoota Afrikaatiif idaa doolaara biliyoona 20 haqxe
Finfinnee: toophiyaafi Misir addummaa dhimma ijaarsa Hidha Guddichaarratti qaban mariidhaan furuuf waliigalteerra gahuusaanii Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan. Raashiyaan Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaatiif idaa doolaaraa 20 haquunshii ibsame.
Waltajji dinagadee Raashiyaa-Afrikaa Kamisaafi Roobii darbe Raashiyaa, Magaalaa Soochiitti geggeeffamerratti kan hirmaatan Doktar Abiyyi, kanuma maddiitti dhimma ijaarsa Hidha guddichaarratti pirezidaantiiMisir, Abdulfattaah Alsiisii wajjin mari’ataniiru.
Ministirri Muummeen ibsa maricha booda gaazexeessitootaaf kennaniin Pirezidaanti Alsiisii wajjin dhimmoota biyyoota lamaan fayyadamoo taasisanirratti mari’achuusaanii beeksisaniiru.
Biyyoonni lamaan walta’iinsaan karaa isaan lamaanuu injifatoo taasisuun hojjechuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.
Kana malees muka dhaabuudhaan hidhichi rooba ga’aa akka argatu gochuuf haalatti wajjummaan hojjechuun danda’amurrattis Pirezidaanticha wajjin mari’achuusaanii dubbataniiru.
Miidiyaaleen biyyoota lamaan jidduutti walitti bu’iinsa uumuuf tattaafataa turan xiqqaachaa akka dhufu kan eeran ministirri muummeen, misoomniifi piojektichi si’aayee ummatoonni biyyoota lamaanii fayyadamumoo akka ta’an nan amana jedhaniiru.
Jidduseenummaa qaama sadaffaa jiraachuurratti gaaffii dhiyaateef irratti deebii kennaniin mariin siyaasaa hojii koree teknikii kan hingufachiisne ta’uus dubbataniiru.
Gama biraatiin Raashiyaan Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaatiif idaa doolaar biliyoona 20 haquushii ibsite.
Pirezidaantiin Raashiyaa, Vilaadimiir Putiin haasawa yaa’ii Raashiyaa-Afrikaarratti taasisaniin biyyisaanii idaa biyyoota Afrikaarraa qabdu akka haqxu beeksisaniiru.
Biyyattiin kana kan taasisteef arjummaaf ykn gadditeefii otoo hintaane biyyoonni Afrikaa idaa isaanirra jiruuf idhalasaa kanfaluuf humna waan hinqabneefi, jedhaniiru. Biyyoota Raashiyaan idaasaanii haqxeef keessaa Itoophiyaan Maadagaaskaariif Taanzaaniyaan ni eeramu.
Jijjiirraan daldalaa Raashiyaafi Afikaa jidduu jiru waggoota shanan dhufan keessatti dachaadhaan akka dabalus pirezidaantichi beeksisaniiru.
Raashiyaan idaa doolaara Ameerikaa miliyoona 163.6 Itoophiyaarraa qabdu kan haqxu karaa Sagantaa Liqii Raashiyaa Misoomaaf jedhuun ta’uun beekameera.
Oduudhuma walqabateen Tibbana si’a jalqabaaf yaa’iin biyyoota Afrikaa magaalaa Sochii, Ruusiyaatti adeemsifameerratti kanarratti Pirezidaatiin Ruusiyaa Vilaadmar Puutiin gaggeessitoota biyyoota Afrikaa 35 ta’an waliin walarguun dhimmoota siyaas-dinagdee cimsuun danda’amurratti bal’inaan mari’ataniiru.
Yaa’icharratti Ruusiyaan hariirooshee durii Sooviyeeti durii biyyoota Afrikaa waliin qabdu akka haareffattuuf kan ishee gargaare yoo ta’u, keessumaa ammoo ardii Afrikaa keessatti sirna gabaa si’ataa ta’e akka uumtuuf carraa kan uumu ta’uun beekameera.
Yaa’icharratti kan hirmaatan Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmadis pirezidaanticha wajjin waliigalteewwan addaddaa mallatteessaniiru. Kanaanis anniisaa niwukilarii karaa nagaan itti fayyadamuuf biyyootni lameen walta’insaan kan hojjetan ta’uu beeksisaniiru.
Bara kanarraa jalqabees Ruusiyaan wiirtuulee meeshaalee anniisaa niwukilaarii omishanii biyyattiif dhiyeessan ijaarsisuuf kan karoorfatte ta’uun ibsameera jechuun madden oduu gara garaa gabaasaniiru.
Bariisaa Onkololeessa 15/2012
7 Comments to “Itoophiyaafi Misir addummaa hidhicharratti qaban mariidhaan furuuf waliigalan”