Kitaabni IDA’AMUU siyaas-dinagdee Itoophiyaa ibsuurratti xiyyeeffatee har’a eebbifama

Finfinnee: Kitaabni mataduree IDA’AMUU jedhuun Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin barreeffame har’a kan eebbifamu yoo ta’u, mataduree IDA’AMUU  jedhuun  siyaas-dinagdee Itoophiyaa kan ibsu ta’uu Waajjira Ministira Muummeetti Gorsaan Dinagdee ibsan.

Gorsichi Doktar Namarraa Maammoo ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, kitaabichi waanuma hawaasa keessa jiru kan ibsu yoo ta’u, falaasamaafi ‘ayidolojiis’ qabateera.

Kitaabni IDA’AMUUn kutaalee guguddoo afur kan of keessaa qabu ta’uus ibsanii, inni jalqabaa bu’uura ida’amuu yoo ta’u, boqonnaawwan afur of keessaa kan qabuufi gaaffiilee  hiikaansaa maalii? Maalirraa dhufe? Maaliif barbaachise?  Kaayyoofi akeeka akkamiif itti fayyadamna? Akka sirni dimokraasii biyya kana keessatti ijaaramuuf maaltu barbaachisa?  isa jedhu addeessa.

Kutaa lammaffaan ammoo waa’ee rakkoo siyaasa biyyattiifi furmaatasaa boqonaawwan ja’aan kan kaasu ta’uus himanii, kunis gaaffiilee warraaqsa barattootaa bara 1960 irraa eegalee biyyii kun ‘ayidoolojii’ siyaasaa akkamii keessa ceetee akka dhufte, ayidoolojiiwwan kunneen hundi immoo maaliif ceesisuu dadhaban kanneen jedhanfaa kan deebisu ta’uu ibsu.

Akka ibsa Doktar Namarraatti, ida’amuun akka caaseffama qindaa’aatti dadammaqiinsa siyaasaatiif oola malee akka namoonni sodaa siyaasaa qaban tokko tokko jedhanitti akeeka seeraafi heera bakka bu’uu hinqabu. Seerri federaalizimiifi bulchiinsi sirnaa akkuma jirutti ittifufa.

Kutaa sadaffaan boqonnaan afuriin waa’ee dinagdeerratti kan xiyyeeffatu ta’uu kan kaasan gorsichi, kunis biyyattiin sirna dinagdee akkamii hordofaa turte, maal maal of keessatti qaba? Rakkoon mudate maali? wanti hojjetame maali? kanneen jedhan xiinxaluudhaan rakkoolee dinagdee hojidhabdummaa, qaala’ina hojii, omishtummaa waliin walqabate madaallii gadi dhiisuu dinagdee gooroo (‘macro economy’) ilaaluun haala furuun itti danda’amu kan eeruudha jedhu.

Inni afraffaafi inni xumuraammoo dhimma hajaa alaa ta’uu eeranii, yaadama idaa’amuu kana Itoophiyaan imaammata hajaa alaa akkamii hordofti kan jedhu boqonnaa lama qabata.

Walumaa gala kitaabichi boqonnaawwan 16 kan qabu yoo ta’u, afaanoota sadii, Afaan Oromoo, Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliziin qophaa’a kan jedhan Doktar Namarraan, inni har’a eebbifamu isa Afaan Oromoofi Afaan Amaaraatiin qophaa’e yoo ta’u, inni Afaan Ingilizimmoo hiikkaarratti argama. Kitaabni Afaan Oromoo fuulawwan 360, kan Afaan Amaaraa fuulawwan 300 gadi akka qabu kaasanii, haala barreeffamaarraa malee yaadoonni kitaaboota laman keessa jiran tokkuma ta’uu ibsu.

Kitaabichi har’a ganamarraa kaasee naannoo Tigiraay  irraa kan hafe magaalotaafi godinoota naannolee biyyattiitti kan eebbifamu yoo ta’u, Oromiyaatti godinoota 20fi magaalota 19 keessatti ni iftooma jedhamee eegama. Koppii miliyoona tokko kan qabuufi manneen maxxansaa biyya keessaafi alatti kan maxxanfame Kitaabni IDA’AMUU qarshii 300n kan gurguramu yoo ta’u, galiinsaa babal’ina manneen barnootaa baadiyyaaf akka oolu Pirees Seekireetariyaatiin Waajjira Ministira Muummee ibseera.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012

Recommended For You

3 Comments to “Kitaabni IDA’AMUU siyaas-dinagdee Itoophiyaa ibsuurratti xiyyeeffatee har’a eebbifama”

  1. Pingback: hihuay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *