Baayooteknolojiin hojii saayinsii addunyaa ni sochoosa” -Doktar Taaddasaa Dhaabaa

Finfinnee: Gara fuulduraatti barri amma Teknolojii Qunnamtii Odeeffannootiin hogganamaa jirtu guutummaatti baayooteknolojiidhaan akka sochootu Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti, Daarektoreetiin Baayooteknolojii ibse.

Daarektarri daarektooretichaa Doktar Taaddasaa Dhaabaa gaafdeebii gaazexaa Bariisaa wajjin Kibxata darbe taasisaniin akka jedhanatti, saayinsiin baayooteknolojii gama omishaafi oomishtummaa dabaluutiin faayidaa olaanaa qaba. Biyyoonni addunyaa badhaadhan, kanneen akka Amerikaafaa bu’aa dameen kun qabu hubachuun xiyyeeffannoo waan itti kennaniif galii Itoophiyaan akka bajata waggaatti qabattuu ol argachaa jiru.

Baay’ina ummataa dabalaa jiru wajjin walqabatee rakkoowwan dabalaa jiranis furuun kan danda’amu saayinsiin hiikoo itti kennuu yoo jiraate qofa ta’uu eeranii, kanaaf ammoo furmaanni  jaallannuus jibbinuus baayooteknolojii ta’uu himaniiru.

Gama Itoophiyaatiinis faayidaa dameen kun qabu hubatamee xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jiraachuu kan himan daarektarichi, hanqinoota gama teknolojiifi humna namaa leenji’eetiin jiru furuuf haalonni mijatoon guutamaa jiraachuu eeru. Waggoota kudhanii gadittis hanga biyyoota damee baayoteknolojiidhaan badhaadhee ta’uu baatus waan bu’a qabeessa hojjechuuf abdii akka jiru addeessaniiru.

Gama kanaanis oomishaafi oomishtummaa dabaluun faayyadamummaa ummataa dabaluu cinaatiin bittaa keemikaalootaafi leecalloowwan garagaraaf sharafa alaa ba’u hambisuun akkasumas, omishawwaniifi bu’aalee omishaa alatti erguun galii argachuun akka danda’amu Doktar Taaddasaa ibsaniiru.

Ta’us faayidaa dameen kun qabu hubachuu dhabuurraan akka waan miidhaa geesisuutti yaadoonni ka’aan jiraachuu eeranii, namoonni biyyattii damicharra jiranis ilmaanuma ummataa waan ta’aaniif waan ummata miidhu waan hinhojjennees sodaa qaban akka dhiisanii dhaamaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012

Recommended For You

2 Comments to “Baayooteknolojiin hojii saayinsii addunyaa ni sochoosa” -Doktar Taaddasaa Dhaabaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *