Afaan ofii barachuun hanga kamiitti?

Finfinnee: Akka hayyootni afaanii ibsanitti, afaan kamuu barachuun dhalootaan ykn uumamaan kan kennamu osoo hintaane shaakalaan kan argamuudha. Daa’imni tokko yeroo jalqabaatiif garaa haadhashee keessaa wayita baatutti kan boossu yoo ta’u, kunis addunyaa kana waliin walbaruushee kan agarsiisuudha jedhu.

Adeemsa keessas afaan dhalootaashee haadhasheerraa shaakalaa deemuun kan barattu yoo ta’u, waliin jireenya hawaasaa keessatti ammoo kanuma gabbifachuun hanga afaan  lammaffaa  barachuutti kan ariifatan ta’uunis ni eerama. Misiis Toltuu Tufaa garuu faallaa argannoo hayyootaa kanaan Afaan Oromoo sirnaan barachuushee hubatameera.

Wiixata darbe Gaazexaa Bariisaa waliin turtii taasisteen akka ibsitetti, isheen dhalattee kan guddatte abbaashee Obbo Abdulwahaab Mohaammad Tufaafi haadhashee Aadde Nuuriyaa Tufaarraa magaalaa Melboorni, Awustiraaliyaatti. Obbo Tufaan lammii Itoophiyaa dhalataa Oromoo yoo ta’an, haatishee garuu lammii Turki.

Maatiinshee Magaalaa Melboornitti walitti dhufuun gaa’ela kan dhaabbatan yoo ta’u, isheenis achumatti dhalattee guddachuushee dubbatti. Awustiraaliyaatti afaan hojiis ta’e barnootaa Ingiliffa ta’uyyuu gargaarsa abbaasheetiin Afaan Oromoo barachuun salphaa ta’uu qabatamaan mul’isuushee ibseetti.

Gaaffii, “Afaan ofii barachuun hanga kamiitti?” jedhuufis deebii yoo kennitu, “Ani hawaasa Ingiliffa dubbatu gidduuttan dhaladhee guddadhe; ittiinis baradhe. Abbaan koo Oromoo waan ta’eef akkan Afaan Oromoo baradhuuf quuqama addaa qaba ture; itti cichees na barsiise”.

“Waggoota kurnan sadan darban dura Oromootni Awustiraaliyaa keessa jiraatan daran muraasa turan. Inni garuu osoo haalaan hindaangeffamiin dhimmamee afaansaa na barsiise; anis ciminaan baradhe. Kanaaf afaan dhalootaa koo hintaane garuummoo kan abbaakoo tattaaffii abbaa kootiin baradhee hanga kitaaba maxxansiisuutti gahe” jechuun dubbatteetti.

Afaan ofii barachuun afaanichaan waliin dubbii uumuu qofa osoo hintaane gara afaan qorannootti guddisuunis murteessaa akka ta’e ibsiteetti. Kanarraa ka’uun wayita ammaa qorannoowwan seenaa, aadaafi duudhaa Oromoo Afaan Oromootiin adeemsisaa akka jirtu himteetti.

Akka ibsasheetti, hanga har’aatti Afaan Oromootiin kitaabilee barreeffamoota gaggabaaboo qabatan 17 maxxansaaf geessifteetti. Qabiyyeen kitaabota kanneeniis caalaatti daa’imman kan giddugaleeffatan yoo ta’u, akkaataa itti qubeessuu baratan, halluu diban, waliin dubbataniifi bobbocuu itti barataniidha jetti.

Wayita ammaas fedhiin ummata Oromoo bal’inaan gara kam akka ta’e qorachaa jiraachuusee dubbattee, keessumaa ogbarruu Oromoo guddisuuf karoora qabaachuushee himteetti. Hayyootni Oromoos deggarsa barbaachisu naa gochuu qabuu jechuun gaafatteetti.

Sadarkaa tokkummaan ummata Oromoo irra jirus abdachiisaa ta’uu himtee, akkuma kanaan ittifufuu akka qabus gorsiteetti. Nageenyi, jaalalliifi badhaadhinni ummata Oromoos hawwiishee ta’uu dubbatteetti.

Takkaalliny Gabayootiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 8/2012

Recommended For You

5 Comments to “Afaan ofii barachuun hanga kamiitti?”

  1. Pingback: sex video
  2. Pingback: Anabolic Steroids
  3. Pingback: about

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *