Doktar Abiyyi Ahimad badhaasa Noobeelii Nagaa bara 2019 injifatan

Finfinnee: Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad badhaasa Noobeelii Nagaa bara 2019 injifachuu isaanii Koreen Badhaasa Noobeelii Noorweey beeksise.

Doktar Abiyyi tattaaffii waggaa tokkoof walakkaa keessatti nageenya biyyattiis ta’e gaanfa Afrikaa mirkaneessuuf, araara buusuuf, miira waldanda’uufi tokkummaa akkasumas, yaada idaa’amuu uumuuf taasisaniin keessumaa ammoo  waldhabdee waggoota 20f Itoophiyaafi Eertiraa gidduu ture nagaan akka xumuramu taasisuusaaniitiin, hojiilee rifoormii isaan erga aangoo qabatanii as raawwataniin, hojiilee gurguddoo isaan naannawaa gaanfa Afrikaatti nagaan buusuufi walta’iinsa biyyoolessaa fiduuf taasisan badhaasicha injifachuu danda’uusaanii koreen badhaasichaa ibseera.

Dhaabbileefi namoonni dhuunfaa 301 badhaasa Nageenyaa Noobeeliif kan kaadhimaman yoo ta’u, Itoophiyaarraa yeroo jalqabaaf Doktar Abiyyi Ahimad Alii badhaasicha injifataniiru. Badhaasniifi beekamtiin kun kan Ministira Muummee qofa osoo hintaane kan ummata biyyattii maraa ta’uu Waajjirri Ministeera Muummee ibseera.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

3 Comments to “Doktar Abiyyi Ahimad badhaasa Noobeelii Nagaa bara 2019 injifatan”

  1. Pingback: tải sunwin
  2. Pingback: Stapelstein

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *