“Dhiigummaa caalaa injifannoo Oromoon qe’eesaatti argate nugammachiisnaan irreecha dhufne” -Saboota hortee Kuush

Finfinnee: Ijaaramuu mootummaa haaromsaa kanaan walqabatee sirni kabaja Irreechaa Hora Finfinnee waggoota 150f ugguramee ture barana geggeeffamuunsaa dhiigaan tokko ta’uu caalaa akka isaan gammachiise sabaafi sablammiileen dubbatan.

Bulchiinsa Godina Halaabaatti Ittigaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Obbo Sharafaddiin Shiifaa ayyaana Irreechaa yeroo dheeraan booda Hora Finfinneetti tibbana kabajamerratti argamuun akka jedhanitti, kabajamuun Irreecha Hora Finfinnee dhiigummaa sabni Halaabaa Oromoo waliin qabuun olitti waan isa gammachiiseef ayyaanicharratti hirmaatan.

Ayyaanni Irreechaa turtii waggoota 150 booda Finfinneetti kabajamuunsaa jijjiirama guddaa ta’uus eeranii, ummatni Halaabaas gammachuu Oromoo kana kansaa godhee aantummaasaa agarsiisuusaa dubbataniiru.

Hariiroon saboota lamaanii dhiigummaan alatti fuulduratti gama siyaasaan, dinagdeefi hawaasummaatiin walutubuun Itoophiyaa haaraa ijaaruuf kutannoon jiraachuus ittigaafatamtichi eeraniiru.  

Magaalaa Hawaasaarraa kan dhufan Obbo Waldayyasuus Yoseef gamasaaniitiin ayyaana Irreechaa Hora Harsadiirratti argamuun uffataafi sirba aadaatiin sirnicha miidhagsuusaanii himanii, ilmaan Kuush marti dimokraatawoo ta’uusaaniis dubbataniiru.

Irreecha baranaa seenaa Oromoo keessatti iddoo addaa qabu kanaaf ummanni Sidaamaa kuma 20 ta’u Finfinneetti argamuusaa kan himan dursitootni garichaafi miseensotni Ejjettoo (dargaggoota Sidaamaa) kunis hirmaannaa irreecha bara darbe ture harka sadiin kan dabalu ta’uu ibsaniiru.

Irreecha hora Arsadee bara darbeerratti ummanni Sidaamaa kuma shan ta’u hirmaachuu kan yaadachiisu miseensi Dargaggoo Saamu’eel Edamoo, barana garuu guyyaa Oromoon iddoo irraa dharaan dhiibamee turetti irreecha kabajamuuf  xiyyeeffannoo cimaa kennuudhaan baay’ina hirmaattotaa dabaluun kan argaman ta’uu ibsa.

Ji’oota lamaan dura ayyaana bara haaraa ummata Sidaamaarratti ummanni akka Oromootti baay’inaan argame kan hinturre ta’uufi ummata  Oromoo yeroo hunda gaaddisa isaaniif ta’uuf yeroo hunda iddoo olaanaa akka kennan dubbata.

Gabrummaan ummattootni lameen jala turan walfakkaachuunsaa fincila walfakkaataa akka gaggeessaniif kan isaan dirqamsiise ta’uu kan himu dargaggoon kun, tarsiimoo qabsoo walfakkaataa qabaachuu qofa osoo hintaane, ilmaan maatii tokkoo, aadaafi duudhaa walfakkaataafi ollaa amanamoo walii ta’uunsaanii  walitti dhufeenya cimaa akka qabaataniif kan isaan gargaaru ta’uus ni ibsa.

Walitti dhufeenyi ummattoota obbolaa lameenii  tokkummaa biyya kanaatiifis murteessaa ta’uu kan himu immoo Dargaggoo Zarihun Tsaggaayeeti.

Sirni Gadaa Oromoo hammataa ta’uusaafi irreechis qaama Gadaa waan ta’eef sabaafi sablammoota biyya kanaa keessaa kan hinhirmaanne xiqqaa ta’uufi  warri hafanis Oromoon hammachuu didee osoo hintaane, ofiisaaniitiif hammatamuu warra hinfeene qofa jechuun ibsa.

Waasihun Takileefi Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Onkololeessa 1/2012

Recommended For You

5 Comments to ““Dhiigummaa caalaa injifannoo Oromoon qe’eesaatti argate nugammachiisnaan irreecha dhufne” -Saboota hortee Kuush”

  1. Pingback: golden visa
  2. Pingback: UNIGRAM
  3. Pingback: sell drugs

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *