“Irreecha Hora Finfinnee waggaa 150 booda kabajuun ummata Oromoo maraaf injifannoo guddaadha” -Hayyuu Seenaa Obbo Alamaayyoo Hayilee

Keessummaan keenya har’aa hayyuu seenaa Obbo Alamaayyoo Hayileeti. Obbo Alamaayyoon yeroo ammaa Giddugala Aadaa Oromootti, Qorataa Seenaafi Dursaa Garee Seenaati. Gaafdeebii isaan torban darbe Gaazexaan Bariisaa wajjin dhimmoota seenaa Oromoo, Sirna Gadaafi Irreecharratti taasisan akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bakka dhalootaafi haala barnootaa keessan gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?

Alamaayyoo Hayilee, Alii, Nagawoo, Gaariin jedhama.  Haati kiyya ammoo Warqee Gabbisaa, Gadaa jedhamti. Bara 1955, Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Ejereettan dhaladhe. Abbaafi haati kiyya ilmaan 11 kan qaban yoo ta’u, ani maatii kiyyaaf  ilma afraffaadha. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa hanga kutaa 9fatti bakkuma dhaloota kiyyattan baradhe. Kutaa 10fa hanga 12fa ammoo magaalaa Finfinneetti hordofeen bara  1972 barumsa kiyya sadarkaa lammaffaa xumuruun  Yunivarsiitii Finfinnee seenuun Industiriyaal Teknolojii baradhee dippiloomaadhaan eebbifamee hojiidhaaf gara Ertiraa deeme.  

Ertiraa waggaa sadiifi walakkaa ergan hojjedhee booda jijjiiramaan Finfinneetti deebi’ee Injineeriingiidhaan barumsa kiyya ittifufe. Waggaa tokkoof baradhee carraa barumsa alaa argadhee gara Yukireen deeme. Qormaata kutaa 12fa ergan fudhee waanan tureef mootummaan yeroo sana barumsa damee hawaasummaa akkan baradhu waan nataasiseef waggaa ja’aaf Saayinsii Siyaasa Hawaasummaa (“Socio Political Science”) baradhee Maastarsii ykn Digirii 2fan eebbifamee gara biyyaatti deebi’e.

Gara biyyaatti erga deebitanii booda maal hojjechaa turtan?

Barumsa kiyya biyya alaa xumuree akkuman gara biyyaatti deebi’een bara 1987 Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatti miindeffamee Godina Iluu Abbaa Booraatti Qorataa Hambaafi Seenaa ta’een hojjechaa ture. Godinicha keessa eddiin waggaa sadii hojjedhee booda Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa waa’ee Seenaa Oromoo akka qorannuuf hayyootaaf waamicha dhiyeesse.

Biirichi hayyoota 12 walitti qabuudhaan waa’ee Seenaa Oromoo akka qorannuuf ji’a tokkoof nu marisisee kallattiilee gara garaatti bobbaane. Yunivarsitii Finfinneetti ji’a tokkoofi walakkaaf ragaalee adda addaa sakatta’uus eegalle. Isa booda karoora yeroo dheeraafi yeroo gabaabaa qopheeffannee hayyoota 12 taanee gara hojiitti seenne. Namoota lama lama taanee bakka ja’atti qoodamuun kallattiilee gara garaatiin qorannoo adeemsisuu jalqabne. Gara hojiitti utuu hinseenin dura kitaabota adda addaa dubbisnee wantoota seenaan Oromoo keessatti gadfageenyaan  hinbarreeffamne  afoola Oromoorratti xiyyeeffachuun maanguddootarraa qoranne.

Ani Boorana, Gujii, Shawaa Kaabaa, Iluu Abbaa Booraa, Yajjuufi Raayyaa keessa naanna’uun seenaa Oromoo qoradhe. Hayyoonni kuunis kallattiiwwan gara garaatiin qorannoo kana kan adeemsisan yoo ta’u, gara Wallaggaa,  Harargee, Arsii, Baale, Karrayyuufi Gujii deemuudhaan seenaa Oromoorratti ragaa walitti qabanne. Ragaalee waggoota afuriif wantoota barreeffamaniifi maanguddootarraa funaannanne bifa kitaabaatiin akka qophaa’u taasifne. Hojii ragaalee qindeessuu kana namoota afur taanee hojjechaa turre. Namoota afran keessaa tokko ana.

Seenaa Booranaa, Walloo Raayyaa, Tuulamaafi Iluu Abbaa Booraa anatu qindeesse. Hidda latiinsaafi dhaloota Oromoo kallattiilee maraa walitti fidnee bakka tokkotti qindeessinee hojjenne. Pirofeesar Tasammaa Taa’aa, Doktar Taaddasaa Bariisoofi Doktar Biraanuu Lammeessoo hayyoota hojii kana irratti adda durummaan nu gorsaafi nu gargaaraa turaniidha.

Ragaalee funaanne qindeessuudhaan kitaaba ‘Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16fa’ jedhamu Afaan Oromoo, Amaariffaafi Ingiliffaan bara 1996 maxxansiifne. Kitaabni kun hanga ammaatti gulaallii afuraffaarra jira. Kitaabni yeroo jalqabaa fuula 300n maxxanfamee bahe gulaallii yeroo gara garaa taasifameen fooyya’ee yeroo ammaa fuula 500 ta’eera.

Ammaan booda kitaaba kanarratti jijjiiramni biraan hinjiraatu.  Kitaaba kana yeroo gaaffii ummataatiin yeroo afraffaaf irra deebinee maxxansiisuuf qophiirra jirra. Kana malees kitaaba Seenaa Oromoo hanga Jaarraa 20fatti jedhamus barreesseera. 

Qabiyyeen kitaaba Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16fatti  jedhamu  maal irratti xiyyeeffata?

Qabiyyeen kitaabichaa  eenyummaafi hidda latiinsa Oromoo ibsuurratti xiyyeeffata.  Oromoo ta’ee kan walirraanfate jira. Fkn Walloon Amaara jedhame. Nuti garuu hiddi latiinsa Torban Walloo, Kurnan Raayyaa, Arfan Yajjuu, Daamoot Oromoo ta’uu qorannoo seenaa taasifneen mirkaneessineerra.  Kurnan Raayyaa warra Beereefi Aabbuu jechuun bakka lamatti qoodamu. Kitaabni Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20tti jedhamu ammoo Oromoon jaarraa 16fa dura eessa ture kan jedhuuf deebii kenna.  Oromoon biyya kanaaf keessummaa utuu hintaane durumaa kaasee biyya kana keessa kan ture ta’uu ragaadhaan deggeree mirkaneessa. Oromoon biyya kanaaf keessummaa utuu hintaane daggal saaqiifi abbaa biyyaa ta’uu hubachiisa.

Oromoon damee ummata Kuush jedhamurraa qofaatti bahe. Oromoon miliniyeemii (barkumee) shanaffaafi ja’affaa keessa oggaa ummatni  Kuusha kallattiiwwan adda addaatti qoodamu ummata Beejaa, Affaar, Somaalee, Beenii Amiir faana  qofaatti bahe.

Ummattoonni kunneen utuu ummatni Kuush addaan hinqoodamin dura walumaan turan. Miliniyeemii shanaffaafi ja’affaa keessa Peershiyaafi Girikootarraa karaa galaana Meditiraaniyaanii godaansa guddaatu ture. Godaansi kun ummata Kuush Afrikaa keessa jiru gad dhiibaa ture.  Peershiyaanonniifi Giriikonni ummata Kuush saamuudhaan Raayyaa Waraanaa isa taasifachaa turan. Arba isaaniis saamanii  leenjisanii jala dhokatanii akka taankii ammaatti itti fayyadamuudhaan wal waraanaa turan.

Bara ‘Alaksaandar Ze Gireet’ Afrikaa kaabaa weerare ummatni Afrikaa Oromoo dabalatee Kuush addaan bahaafi gadi fagaatanii Nuubiyaafi Itoophiyaa biyya tulluuwwaniifi gaarreen itti baay’atutti qoodaman. Afaan ummata Kuush tokko tures addaan faffaca’e. Afaan Oromoofi Afaan Somaalee yoo ilaalle yeroo dhiyoo akka addaan ba’uusaanii kan ittiin beeknu jechoonni baay’ee walfakkaatan qabaachuusaaniitiini.  Afaan Koonsoos dhiyeenya kana Afaan Oromoorraa adda bahe. Afaan Somaaleefi Oromoo %35,  Afaan Koonsoofi Oromoo ammoo %50 walfakkaachuun afaanotni kunneen waggoota 500 dura walirraa adda bahuusaanii agarsiisa.  Kun ummatoonni kunniin dur afaan tokko dubbachaa akka turan mul’isa.

Oromoon durumaanuu jiraataa Afrikaa kaaba bahaa kan ture yoo ta’u, yeroo booda damee bahaa, lixaa jedhamuun adda adda bahe.  Booranni warra Borootti aanu ta’e. Barreentuun ammoo warra Bariitti aanu ta’e. Kanarraa ka’uun Booranaafi Barreentuu jedhamee bakka lamatti addaan qoodame.

Kun ammoo tooftaa sirna Gadaa ittiin ijaaru taasifate. Gadaan mootummaa hawaasa kanaati. Gadaan kun ummatni bakka tokkotti yeroo baay’atu gaa’ilaafis ta’e waltumsuuf  akka tolutti addaan qooda. Shamarran Boorana keessaa Barreentuutti heerumuudhaan Barreentuu keessaa Booranatti heerumuudhaan maatiin kun akka walhidhamu taasisa. Kitaabni Seenaa Oromoo Hanga  Jaarraa 16fa qubsumaafi  hidda latiinsa Oromoo ibsa. Oromoon dur irraa kaasee biyyuma kana keessa jiraachaa akka ture mul’isa.

Kitaabni Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20fatti jedhu ammoo  waa’ee seenaa Oromoo karaa Iluu, Bahaa, Harargee, mootota Shanan Gibee, Leeqaa Naqamtee, Qeellem, Oromootni karaa Goojjam ce’an eenyu, Oromoota Walloofi moototasaanii, buqqa’iinsa Oromoo, babal’ina amantiifi waa’ee seenaa Oromoo hanga mootii Iyyaasuutti ture tokko lamaan kan ibsuudha.

Kitaabotni seenaa kunneen sirriitti ummata bira gahaniiru jechuun ni danda’amaa?

Kitaabotni kunneen sirriitti ummata Oromoo bira gahaniiru jechuun hindanda’amu. Maxxansi kitaabota kunneeniis altokkotti kuma 10 ol darbee hinbeeku. Kitaabonni maxxanfamanis karaa biiroofi waajjiraalee Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa ummata bira akka ga’u ta’e. Waajjiraaleen Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa kitaabota kunneen tuulanii kaa’an malee gurguranii ummata bira akka gahu hingoone.

Waajjiraaleen kaan ammoo gara Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatti deebisanii galchan. Akkaataan kitaabonni seenaa kunneen ittiin raabsamaa turan daran dadhabaadha.  Kitaabonni ummata bira akka ga’aniif sirriitti hinhojjetamne. Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaas kitaabolee kunneen konkolaataa tokko guutuu Biiroo Barnoota Oromiyaatiif kennee ture. Biiroon Barnoota Oromiyaa garuu maal irraan akka gahe hinbeeku.

Gara fuulduraatti raabsi kitaabaa karaa dargaggoota sabboontota gurmaa’anii ummata bira akka ga’u taasisuu barbaachisaadha. Gatiin kitaaba tokkoo qarshii 120 yoo ta’e, gatiisaa gad buusanii qarshii 100n dargaggoota gurmaa’aniif kennuudhaan ummata bira akka ga’u taasisuun barbaachisaadha.  Kun dargaggoonni carraa hojiifi galii akka argatan taasisuurra darbee kitaaboleen sirriitti ummata bira akka ga’u taasisa. Manneen kitaabaa Oromiyaa keessa jiranis kitaabicha fudhatanii ummatni akka dubbisu utuu ta’ee gaarii natti fakkaata.

Kitaabni biraa barreessitan yoo jiraate?

Kitaaba Sirna Gadaa Siyaasa Oromoo Tuulamaa jedhamus barreesseera. Matadureen kitaabichaa “Sirna Gadaa Oromoo Tuulamaa” jedha.  Qabiyyeensaa Sirna Gadaa Oromoo maraarratti xiyyeeffata. Kitaaba kana garuu qofa kiyyan barreesse. Muuxannoon kitaaba duraarratti argadhes kitaaba kana qopheessuu keessatti nagargaareera. Kitaabni Sirna Gadaa kunis Afaan Oromoo, Amaariffaafi Ingiliffaan maxxanfameera.

Sirni Gadaa of jalatti  damee hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa qaba. Damee dinagdee jalatti waa’een qabeenya dhuunfaafi waliinii ni argama. Araddaa, loon, ooyiruu, qabeenya ykn dinagdee dhuunfaa yoo ta’u, biyya, bosonni, bishaan, dirreen ammoo qabeenya waliiniiti.

Gadaan jireeenya hawaas dinagdeefi siyaasaafi amantii Oromoo of keessatti hammatee jira. Damee siyaasaa keessatti Gaammee, Dabballee, Kuusaa, Raaba, Doorii, Gadaa (Luba) jedhee  umuriidhaan addaan qooduudhaan Oromoon akkamitti gara aangootti akka dhufu kan agarsiisu yoo ta’u, sadarkaaleen Gadaa kunniin mana barumsaati. Sadarkaalee Gadaa keessa dabarru hundumaatti muuxannoo jireenyaa hedduu horanna. Gadaan sirna dimokraatawaa ummatni Oromoo waggoota kumaatama dura irraa kaasee ittiin of bulchuudha.

Oromoon mootummaasaa bifa Federaalaatiini kan ijaare. Macci seera tumuun of danda’ee bulcha. Booranni, Tuulamni, Karrayyuunis akkasuma of danda’ee seera tumee of bulcha. Sirna Gadaatiin, Afaaniin, Waaqatti amanuusaaniitiin garuu tokko. Gadaan sirna guutuudha. Caaseffama Sirna Gadaa keessatti Abbaan Bokkuu akka qaama olaanaatti mootummaa geggeessa, Abbaan Muudaa amantii geggeessa. Abbaan Gadaa ammoo hawaasa geggeessa.  Abbaa Gadaa jalatti ammoo Abbaa Duulaa, Abbaa Seeraa, Abbaa Alangaa, Abbaa Sa’aa, Abbaa Nagaa kanneen jedhaman ni jiru. Sirni Gadaa sirna mootummaa ammayyaawaa caalaa dimokraatawaadha.

Sirna Gadaa keessatti nama rakkate gargaaruun baratamaadha. Namni rakkatee dhufee ulee irkifate tokko Oromoo yoo ta’e irkifataa ta’a. Yoo alagaa ta’e dullacha qalanii meel’acha ta’a. Turee ilma moggaasaa maatii ta’a. Isa booda iddoo kennuufiidhaan hirphi godhameefi intala sanyii ofii fuutu keessaa fuusisuudhaan ilma taasifatu.

Maatiis horatee miseensa Gadaa keetii ta’a. kun Oromoon alagaayyuu ofitti qabee kan jiraatu ta’uu agarsiisa. Duudhaalee sirna Gadaa keessaa dhaloota ammaatiif kan fayyadu waltajjiitti baasanii keessumaa aangoo nagaan waliif dabarsuun barbaachisaadha.  Biyyi haadha. Haati baduu ishee namni fedhu hinjiru. Biyya kan geggeessu hunduu akka nama haadha isaaf yaaduutti hojjechuufi geggeessuu qaba.

Muuxannoon Sirna Gadaa keessa jiru jireenya hawaasaa sirriitti fooyyessuu danda’a.  Sirana Gadaa keessa aangoo karaa nagaan waliif dabaruu, walgargaaruu, waliif na’uutu jira. Muuxannoo sirna Gadaa keessa jiru siyaasaafi jireenya ammayyummaatiifuu faayidaa olaanaa qaba. Kanaafuu dhuudhaalee Sirna Gadaa siyaasa ammayyaatiif bu’aa buusan waltajjiirratti fidnee ittifayyadamuun barbaachisaadha.  

Kana malees kitaaba kiyya sadaffaa “Sakatta’a Oromoo” ykn ‘Oromo Review’ jedhamu Afaan Oromoofi Amaariffaan barreesseera. Kitaabni kun waa’ee hundeeffama Magaalaa Finfinnee, Sirna  Gadaa, Irreechaa tokko lamaan ibsa. Yeroo ammaa ammoo kitaaba kiyya afraffaa ‘Seenaa Oromoofi Hundeeffama Magaalaa Finfinnee’ jedhamu barreessee maxxansiisuuf qophiirran jira.  Kana malees kitaaba koo shanaffaa Ardaalee Jilaa Oromoo Tuulamaa jedhamu Magaalaa Galaan wajjin Caffee Tumaarratti barreesses gara fuulduraatti ni maxxanfama.

Gara fuulduraatti ammoo kitaabolee biroo barreessuuf karoora qabdumoo akkami?

Gara fuulduraatti kitaabota biroo Sirna Gadaafi Gurmeessii Lolee Oromoofi Seenaa Oromoo Warjii jedhamu barreessuuf qophiirran jira. Oromoon Warjii eenyu kan jedhu kitaaba Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16fa keessatti qoratamuu kan qabu ragaa guddaa of harkaa qabna. Ani waggaa 24f  seenaa Oromoo qo’achuufi barreessuurratti xiyyeeffadheen hojjechaa jira.

Irreechi yoom, akkamitti jalqabame?

Irreechi utuu Kuushonni adda adda hinqoodamin waggoota kuma 12n dura Naannawa Sulula Abbayaatti jalqabame. Ilmaan Oromoo keessaa obbolaan lamaan walitti bu’anii angafni quxusuu dhahee ajjeese. Ateet kan jedhamtu awwaala obboleessasheerra Odaa dhaabde. Odaa kanas bishaan Abbayyaa obaaftee kunuunsitee guddiste.

Waggaa waggaadhaanis Odaa sana jalatti obbboleessashee yaadachuudhaaf jila raawwatti ykn ni ayyaaneffatti turte. Yeroo booda maatiin obboloota lamaanii Odaa sana jala taa’anii araaraman.

Ateet maatiin araaramuuaaniitti daran gammadde. Maatiin sun gaafa Ateet obboleessashee yaadachuuf jalatti jila raawwatu ishee waliin dhaquu jalqaban. Bakki kun iddoo irreechaafi araaraa ta’e. Odaanis yeroo sanaa jalqabee muka araaraafi seeraa ta’e; yeroo sanaa jalqabee gaaddisa araaraa ta’e. Maqaa Ateetiin Ateeteen moggaafamtee guyyaa sanaa jalqabdee yaadannoofi eegduu maatii taate. Odaanis muka jala taa’anii araara buusaniifi seera itti tuman ta’e.

Ayyaanni Irreechaa kun guyyaa Oromoon eenyummaasaa itti yaadatee waaqaafi lafaaf, waliisaatti araaramuudha.  Irreechi guyyaa tokkummaafi guyyaa Oromoon gamtaan bahee Waaqa ittigalateeffatuudha.

Irreechi Hora Finfinneefi Harsadii akkamitti jalqabame?

Irreechi Hora Finfinnee waggoota 150 dura bara Mootiin Minilik Tulluu Inxooxxoo irraa bu’ee Finfinnee qubatu akka dhaabatu ta’e. Sirni Gadaas akka dhaabbatu ta’e.  Yeroo sanaa jalqabee Hora Finfinneerratti irreeffachuun dhaabate.  Maatiin Oromoo garuu dhoksaadhaan araddaasaaniirratti irreeffataa turan.  Hora Finfinneerratti irreeffachaa kan ture Oromoo Gullallee, Galaaniifi Eekkaati.  

Horri Finfinnee hora warra Muudaa waan ta’eef hangafa. Muudni kun kan warra Marii Galaani. Horri Harsadii ammoo kan Ada’aa turte. Daggal saaqiin gosti Oromoo naannawa Finfinnee ture Gullalleedha. Gullalleedhaa gad ammoo utuu hinfagaatin Galaantu ture. Laga Qabbanaa’aatiin gama ammoo Oromoo gosa Eekkaatu ture.

Irreecha Hora Finfinnee waggaa 150 booda kabajamuun ummata Oromoo maraaf gammachuufi injifannoo guddaadha.  Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee kun jaarraa tokkoofi walakkaa booda deebi’ee kabajamuunsaa aadaan keenya kufee ture iddootti deebi’uusaa kan agarsiisu, yaadannoo abbootiifi akaakayyuu keenyaati. Irreechi guyyaa araaraa, nagaa, eebbaafi galateeffannaati.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012

Recommended For You

4 Comments to ““Irreecha Hora Finfinnee waggaa 150 booda kabajuun ummata Oromoo maraaf injifannoo guddaadha” -Hayyuu Seenaa Obbo Alamaayyoo Hayilee”

  1. Pingback: Brandy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *