Ejjennoo waloon Oromoo ceessisuuf gadaan tokkummaa jaarmayaa siyaasa Oromoo amma

Oromoon miira tokkummaa dhabuusaarraa kan ka’e jaarraa tokkoofi walakkaaf hacuuccaafi gadi qabaa hadhaa’aa keessa tureera. Sabni kun saba bal’aa ta’ee utuu jiruu waliigaluu dhabuurraa kan ka’e jijjiiramni gama siyaasaatiin Oromiyaa keessatti calaqqisaa ture shira diinaatiif ulaa banee ture.

Adeemsi akkanaa egeree Oromootiif yaaddessaa ta’ee waan mul’ateef marii bal’aa yeroorraa yerootti gaggeeffamaa tureen garaagarummaa  ilaalcha siyaasaa sababa godhachuun faayidaan Oromoo akka hinugguramne miira tokkummaatiin socho’uun murteessaa ta’ee argameera.

Haaluma kanaan dhaabbileen siyaasa Oromoo marii walitti fufaa ji’oota shaniif gaggeessaa erga turanii booda faayidaa Oromoorratti ejjennoo walfakkaatuun Oromoo ceessisuuf tibbana waliigaluun, kanas mallattoodhaan mirkaneessaniiru.

Sirna mallattoo kanarratti ejjennoo paartiileen maqaa Oromootiin socho’an irra gahan kan dubbisan xiinxalaan siyaasaafi daarektarri OMN Obbo Jawaar Mohaammad Oromoon siyaasaan, dinagdeen, hawaasummaan cimee akka hindhaabanneef sababa kan ta’e tokkummaa dhabuu jaarmayaalee siyaasa Oromoo ta’uu eeran.

Kaayyoon jaarmayaalee siyaasa Oromoo Oromoon gama hundaan of ijaaree akka dhaabatuuf kan ijaarame ta’us garaagarummaa ilaalcha siyaasaa xixiqqaa sababa godhachuun waldhabdee uumamaa tureen faayidaan Oromoo maseenaa jiru hedduu ta’uus ibsaniiru.

Waldhabdeen akka furamuuf mariin jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo ji’oota shanii oliif taasifamaa turuus eeranii, yeroo ammaattis ejjennoo waloon Oromoo gama maraan ceessisuuf miirri kutannoo mul’achuunsaa jajjabeessaa ta’uu himaniiru.

Waldhabuun jaarmayaalee siyaasa Oromoo gaaffiin Oromoo akka hindeebine, Oromoon laaqii hiyyumaa keessatti akka kufu taasiseera kan jedhan Obbo Jawaar, ejjennoon waloo amma mallattaa’e hojiitti hiikamee  Oromoo garaa  ciibsuu akka qabuuf kutannoon jiraachuu akka qabu dhaamaniiru.

Ministiri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad gamsaaniin ejjennoo waloo jaarmayaalee siyaasa Oromoo gidduutti raawwatame ilaalchisuun haasaa taasisaniin, Oromoon saba guddachaa jiru waan ta’eef hojii addaa hojjechuuf waliin deemuun barbaachisaa ta’uu akka malu himaniiru.

Waldhabdeen garaagarummaa siyaasaa bu’uura godhachuun mudachaa jiru sadarkaa marii yaadaatti akka furamu aadeffachuun barbaachisaa akka ta’es eeranii, gochi humnaan deemamu gaaga’ama waan fiduuf ilaafi ilaameen furaa deemamuu akka qabullee dhaamaniiru.

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Obbo Lammaa Magarsaa gamasaaniin ajandaan jaarmayaa siyaasa Oromoo, Oromoo ceessisuuf qofa kan dhaabatu hanga ta’etti waloon dhaabachuun barbaachisaadha jedhan. Walitti bu’insi sababa garaagarummaa ilaalcha siyaasaatiin uumamuu diinaaf karaa saaqaa jiraachuus dubbataniiru.  

Yeroo ammaatti siyaasa Oromoo jilba buusuuf humnoonni gara garaa jiraachuus himanii, balaa kana jalaa baraaramuufi Oromoo ceessisuun kan danda’amu yoo waliin dhaabatame qofa ta’uu ibsaniiru.

Dhimmi Oromummaa jaarmiyaa siyaasaa olitti kan ilaalamu ta’uullee kaasanii, garaagarummaan ilaalchaa walnujifachiisu osoo qaama 3fa bira hingahiin ofumaa furachuutu furmaata jedhaniiru.

Waliigalteen irra gahame amanamummaadhaan yoo milkaa’e egereen Oromoo kan cimu ta’uus ibsanii, tasgabbiidhaan of ilaalaa of madaalaa deemuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Jaarmiyaaleen Oromoo tokkummaa Oromootiif kan yaannu yoo ta’e iddoo 30tti walqooduufi walmormuun tokkummaa Oromoo waan miidhuuf ejjennoo walfakkaatuun Oromoof tumsuun barbaachisaa ta’uu Obbo Lammaan dubbataniiru.

Kun ta’ee osoo jiruu waldhabdee jaarmiyaalee siyaasaa gidduutti uumamuun lubbuun lammiilee Oromoo baduun, qe’eerraa buqqa’uun hafuu akka qabus eeranii, rakkoo jiru yaadaan furaa deemuun dhimma yeroo fudhachuu hinqabneedha jedhan.

Jaarmiyaaleen maqaa Oromootiin socho’aniifi beekamtii qaban marti ejjennoo walfakkaatu qabachuun nageenya Oromiyaa mirkaneessuuf miirri kutannoo agarsiifame jajjabeessaa yoo ta’u, hojiitti hiikanii aantummaa sabichaatiif qaban agarsiisuun dhimma dagatamuu hinqabaneedha jedhameera. 

Waasihun Takileetiin

    Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 24/2012

Recommended For You

One Comment to “Ejjennoo waloon Oromoo ceessisuuf gadaan tokkummaa jaarmayaa siyaasa Oromoo amma”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *