Sirna Gadaa Oromoo keessatti ayyaanni Irreechaa iddoo guddaa qaba. Durirraa kaasee Oromoon waytiin gannaa darbee birraan yoo bari’u, malkaafi tulluutti walga’uun Waaqasaa galateeffata.
Jaarraawwan hedduuf Hora Finfinneefi Arsadeefaatti walga’uun irreenfachaa kan ture yoo ta’u, sirna mootota Itoophiyaa darban keessa garuu dhiibbaawwan addaddaa irratti taasifamaa tureera. Keessumaa ammoo Irreecha Hora Finfinneerratti akka hin irreenfanneef dhorkamaa tureera; akka dagatus taasifameera.
Wagguma waggaan ayyaana Irreechaa ummata Oromootiin kabajamu ilaalchisee walittiqabaa koree Irreessa Hora Finfinneefi Arsadee, Abbaan Gadaa Tuulamaafi Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Goobanaa Hoolaa torban darbe turtii gaazexaa keenya wajjin taasisan akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Hunda dura yeroo qabdan aarsaa gootanii Gaazexaa Bariisaa wajjin turtii taasisuuf eeyyamamoo ta’uu keessaniif maqaa Kutaa Qophii Gaazexaa Bariisaatiin isin galateeffanna.
Seenaa keessan gabaabinaan nuu ibsituu?
Maqaankoo Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa Irreessoo jedhama. Barreessaa Gamtaa abbootii Gadaa Oromoo, Abbaa Gadaa Tuulamaafi walittiqabaa koree Irreessa Hora Finfinneefi Arsadeeti. Bara 1943tti Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Dugdaa, Ganda Warabboo jedhamutti warra Booraa Gadaarraan dhaladhe.
Maatiin koos qonnaan bultoota waan ta’aniif akkuma ilmaan qonnaan bultoota kamuu hojiiwwan qonnaa hojjedheen keessa darbe. Barnoota koo sadarkaa 1fa manneen barnootaa Burqaa Caffee, Maqiifi Boteettan hordofe. Kutaa 10fa hanga 11fatti ammoo mana barumsaa Kaatolikii Aanaa Booraa Botee keessatti argamuttan hordofe. Kutaa 11fa osuman barachaa jiruu sababa harka qal’inaatiin dadhabee gara hojii qonnaatti deebi’e.
Bara Abbaan Duulaa Gammadaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa turan qonnaan bultoota Oromiyaa keessaa adda durummaan badhaafaman keessaa tokko ta’ee meedaaliyaa warqee sadii argadheera. Adaamaatti Abbaa Duulaa harkaa si’a lama, Bahaar Daaritti ammoo ministira muummee duraanii Obbo Mallas Zeenaawwii harkaa yeroo tokko badhaafameera. Kunis hojii qonnaarratti ciminaafi kutannoodhaan hojjechaa turuu koo kan agarsiisuudha.
Akkamiin muudama ‘Abbaa Gadaa’ argattan?
Umrii ijoollummaa koorraa jalqabee maatii, ollaafi hawaasa naannawa keenyaa biratti hedduun jaalatama. Maatiin koos namoota rakkatan daran gargaaraa waan turaniif maatii hiyyeessotaa jedhamuun beekamu. Anis guddadhee ergan bultii dhaabbadhee booda keessumaa namoota harka qal’eeyyii waanuman qabuun gargaaruuf duubatti jedheen hinbeeku. Haati warraa koos haadha hiyyeessaati. Namoota rakkatan gargaaruurratti harka dachaan na caalti.
Namoota rakkatan gargaaruu qofaa osoo hintaane kanneen waldhabanis karaa nagaatiin araarsuudhaan hawaasa koo akkanumaan tajaajilaan ture. Kanarraa kan ka’e jaalala maatii, ollaafi hawaasa naannawa jiran horachaan deeme. Hanguma har’aatillee hunduu na barbaada! (kolfa). Jaalala namaa haalaan horachuu danda’eera, kanaafan kolfe. Kunimmoo birriifi warqeerra caala. Kanaaf ammoo rabbiin galateeffadha.
Maanguddootni naannawa keenyaa waa’ee Sirna Gadaa Oromoo wayita waliin haasa’an gurra koo qeensee dhaggeeffachuun jaaladha. Kunis sirnicha akkan caalaatti qoradhee beekuuf na gargaareera. Kunimmoo caalaatti namoota naannawa keenyaa akkan gorsuuf, deggaruufi gara misoomaatti qajeelchuuf na kakaaseeras.
Adeemsa keessa bu’aawwan hedduu galmeessisuu waanan danda’eef hawaasni naannawaa koo aangoo Abbaa Gadaatiif akkan kaadhimamu na filatan. Achumaan Odaa Nabeefi Caffee Dongoraa deemee muudama Abbaa Gadaa argadhe.
Caffee Tumaatti ammoo wixinee sirni Birmajjii darbuusaafi Sirni Melbaa ol jechuusaa mul’isu qopheeffadhe. Sirni amma keessa jirrus Melbaa waan ta’eef sirna kooti jechuudha. Biyya anatu bulcha, labsii anatu labsa; kan duulchisu; araarsus anuma, (kolfa).
Irreecha barana Hora Finfinneetti kabajamu akkamitti ilaaltu?
Waggoota dheeraa booda Irreechi barana Finfinneetti kabajamuunsaa ummata Oromootiif hiika guddaa qaba. Anis ijuma kanaanin ilaala. Akkatti Oromoon Irreessa ilaalu adda. Ummatni Oromoo dukkana keessaa gara ifaatti bahuusaa malkaafi tulluuwwanitti walga’ee uumaasaa galateeffachaa har’a gahe. Kanaaf Oromoo biratti Irreessa jechuun galata, nageenya, jaalala, jiruufi jireenya ummattootaati.
Sirni kabaja Irreessa baranaa ammoo Hora Finfinneerratti waan gaggeeffamuuf adda jechuun ni danda’ama. Kunis seenaa jaarraa tokkoofi walakkaaf awwaalamtee turte qabsoo hadhaawaadhaan iddootti deebifachuun waan danda’ameefi.
Akkaataa Caffeen Oromiyaa murteesseen Fulbaana 24 bara 2012 Hora Finfinneetti, Fulbaana 25 bara 2012 ammoo Hora Arsadeetti haala ho’aadhaan kabajama. Kanaaf gammachuu guddaatu nutti dhaga’ama, Rabbiif yaa galatun jedha.
Irreechi Oromoof seenaa ykn duudhaa moo amantiidha?
Irreechi irree ummata Oromooti, seenaafi duudhaa ummata Oromootis yoo jedhame kan haalamu miti. Oromoon ummata seenaa, aadaafi duudhaa waraabamee hindhumne qabuudha. Yoo dubbatame, yoo qoratameefi barreeffamellee dhumuu hindanda’u jechuu kooti. Anis ummata kanarraa dhalachuu kootti hedduun gammada.
Seenaan jaarraa tokkoofi walakkaa booda awwaalamtee turte wareegama qaaliitiin waan deebiteef, Irreechi baranaa Hora Finfinneetti kabajama. Namni Oromoo ta’e ammoo lagaan, amantiin, gosaafi ilaalchaan osoo walhinqoodiin sirna kabaja kanarratti argamuuf dirqama qaba. Kunis seenaa, aadaafi duudhaa keenya ta’uu kan mul’isuudha malee sabootaafi sablammoota kan miidhu miti. Mirga abbaa biyyummaa keenya mirkaneeffachuunis walumaan jiraachuu hubachuunis dirqama.
Sirna kabaja Irreechaarratti eenyu faatu hirmaata?
Irreecharratti hirmaachuuf namoota ilaalchaan, umriidhaan, gita korniyaatiin, gosaafi amantiidhaan qoqqooduun hinjiru. Namni Oromoo ta’e marti biyya alaas ta’e keessa jiraatu Irreecharratti hirmaachuuf dirqama qaba; hanga rakkoon addaa isa hinqunnamnetti jechuu kooti. Horri Finfinnee ammoo seenaa yeroo dheeraa booda deebite waan ta’eef ija siyaasaatiin hiikkaa guddaa qabaachuusaa daqiiqaa tokkoofillee dagatamuu hinqabu.
Haa ta’u malee nageenya waliin walqabatee Irreecha baranaarratti daa’imman of hindandeenye qabatanii hirmaachuuf yaaluun hingorfamu. Hangas mara sodaachisaa ta’uu baatus daa’imman xixiqqoon Hora Finfinneefi Arsadeerratti osoo argamuu baatan gaariidha. Sodaa nageenyaatiif malee seerri ni dhorka jechuu akka hintaane garuu hubatamuu qaba. Walumaagalatti garuu Irreecha baranaarratti namootni miliyoona saddeetii ol ni hirmaatu jedhameetu eegama.
Qophiin taasifamaa jiru akkamiin ibsama?
Milkaa’ina ayyaana kanaatiif qophiilee barbaachisoon ji’a Hagayya jalqabaarraa kaasee taasifamaa tureera; ammas ittumafufee jira. Kanaanis koreewwan addaddaa hundeeffamuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Ministeera Aadaafi Turizimii, Komishinii Poolisii Oromiyaafi qaamolee nageenyaa Finfinneefi federaalaa, akkasumas Waajjira Kantiibaa Finfinnee wajjin hojjechaa jirra. Kanaaf Irreechi baranaa mudaa tokko malee akka milkaa’uuf abdiin qaba.
Gaheen abbootii Gadaa hoo?
Ayyaana kana milkeessuuf abbootiin Gadaa qooda olaanaa qabu. Keessumaa Oromootni Hora Finfinneetti Irreecha irreenfataa turan dhiibamaa waan turaniif salphaatti akka dagatan ta’eera. Barana ammoo seenaan awwaalamte waan deebiteef, horteen Oromoo kanneen akka Tufaa Munaa, Qajeelaa Dooyyoo, Guddataa Araddoo, Shabbuu Ejersaa, Soraa Loomee, Qaxalee Jaatanii, Jamoo Dabalee, Galatee Isheeteefi Abeebee Tufaa adda durummaan hirmaachuu qabu. Abbaan Malkaas kanneenuma keessaa barbaadamaa jira.
Sirna Gadaa Oromoo keessattis abbootiin Gadaa tokkummaa ummata Oromoo cimsuuf gahee olaanaa qabu. Sirna kana keessattis barmaatileen miidhaa qaban yoo jiraatan akka sirreeffamuuf kan hojjetan ta’uun beekamuu qaba. Godinaalee Sirni Gadaa keessatti laafettis caasaalee mootummaa wajjin qindoominaan hojjechaa turreerra; ittuma fufnas.
Irreechi Hora Finfinnee bakka kamitti kabajama?
Bakkumasaa duriitti kabajama. Dur ummati Oromoo Hora Finfinneetti loowwansaa yaafachuun obaafataa ture. Naannawi kun ammoo har’a ‘Filwuhaa’ irraa kaasee hanga Doloolloo Biddeenaa (Addababaayii Masqalaa) jedhamee kan beekamu yoo ta’u, kutaa Bulchiinsa Magaalaa Qirqoos keessatti argama. Bataskaana Isxifaanos duuba jechuudha. Bakkichis ta’e horri kun har’a qulqulluu waan hintaaneef deggarsa Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee taasiseen sirreeffamaa jira. Kanaafis hoggantoota magaalattii deggarsa taasisaa jiran galateeffachuun fedha.
Foolleewwanirraa maaltu eegama?
Irreechi kun waggoota kurnan lamaan darbaniif Bishooftuutti kabajamaa tureera. Sababa rakkoo nageenyaatiin hirmaattoti hedduun dararamaa turaniiru. Bara darbe garuu foolleewwan Oromoo ittigaafatamummaa fudhatanii nageenya waan eegsisaniif haala ajaa’iba ta’een milkeessuun danda’ameera. Baranas kan bara darbee caalaa miidhagsuuf foolleewwan Oromoo kuma 20 ta’an godinaalee Oromiyaa hundarraa filatamaniif leenjiin kennameera. Kanaaf foolleewwanis ta’e qeerroowwan marti qaamolee nageenyaa wajjin qindoominaan hojjetanii kaayyoo ayyaanichaa milkeessuu qabu. Tarii Tuttuqaawwan yoo mudatanillee obsaan bira darbuu qabu.
Irreechi hariiroofi tokkummaa sabootaa cimsuu keessatti gumaacha akkamii qaba?
Sabootniifi sablamootni Itoophiyaa walkeessa galaniiru. Waan waljaalataniif eenyummaa waliiwaliisaanii kabaju. Sirna kabaja Fiichee Cambalaalaa, Ashandaa, Masqalaafi kan biroorrattis kan calaqqisaa tureefi jiru kanuma. Ummatni Oromoos wayita Irreecha kabaju qofaasaa kabajata osoo hintaane sabootaafi sablammoota biyyattii karaa hirmaachiseeni. Kunimmoo hariiroos ta’e tokkummaasaanii caalaatti kan cimsuudha jechuun ni danda’ama.
Sababni waldhabiinsa abbootii Gadaa, gidduseenummaan mootummaa waan jiruufidha jedhama. Kun hammam sirriidha?
Kun dogoggora guddaadha. Bu’uurumarraa Sirni Gadaa kun hambaa addunyaa waan ta’eef yuneeskootti galmaa’eera. Kunis hawaasi addunyaa sirna kana kunuusuufis ta’e eegumsa gochuuf dirqama qaba jechuudha. Yuneeskoon mootummaa RFDItti, mootummaa federaalaa ammoo Ministeeraa Aadaafi Turizimiifi Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti kennan jechuudha.
Kunis mootummaan ittigaafatamummaa qabaachuusaa kan mul’isu yoo ta’u, wantoota qajeeluu qaban wayita hojjetutti gidduu seenuunsaa waan hinoolleedha. Wayita kana namootni hubannoo hinqabne mootummaan harka keessa galfateera jechuun oduuwwan sirrii hintaane afarsu. Abbootiin Gadaa marti mootummaa waliin hojjechuuf dirqama akka qabanis hubatamuu qaba. Yeroowwan darban keessa abbootiin Gadaa tokko tokko “Anatu caala” jechuun ofumaan of muudanii rakkoo uumaa turaniiru. Sirna Gadaa keessatti garuu Abbaan Gadaa tokko isa biroo hincaalu. Fuulduratti kun akka irra hindeebineef mootummaa wajjin hojjechaa jirra.
Rakkoowwan uumaman maal fa’i?
Caaseffama Sirna Gadaa keessatti abbootiin Gadaa maal hojjechuu akka qabaniifi hojjechuu hinqabne ifaan taa’eera. Abbaan Gadaa, abbaa nageenyaati, abbaa araaraafi jaalalaa, akkasumas tokkummaa ummata Oromoo eegsisuufi hariiroo saboota biroo wajjin ummatichi qabu cimsuufis gahee olaanaa qaba. Sirna Gadaarratti hubannoo dhalootaa gabbisuu keessattis adda durummaan hojjechuu kan qabu abbootii Gadaati.
Waggoota muraasa darban keessa garuu abbootiin Gadaa tokko tokko kana osuma beekanii cinaatti dhiisuun dogoggooroota hedduu hojjechaa turaniiru. Fakkeenyaaf, karaa qaxxaamuraatiin beekamtii argachuuf jecha walirratti duulaa turaniiru. Kanarraa kan ka’es abbootii Gadaa saddeettanuu gidduutti walitti bu’iinsi uumamaa tureera. Ammas darbee darbee calaqqisaa jiraatus yeroo booda ni furama jedheen abdadha. Kanaafuu abbootiin Gadaa qoodasaanii beekanii ofumaan bahachuu qabun jedha.
Gamtaafi tokkummaan abbootii Gadaa amma maalirra jiraree?
Akka Oromiyaatti Sirni Gadaa ardaalee Jilaa saddeet (Boorana, Gujii, Karrayyuu, Macca, Tuulama, Ituu, Siikkoofi Mandoo) qaba. Ardaaleen jilaa saddeettanuu abbootii Gadaa mata mataasaanii qabu. Isaan kunneen walitti dhufuun Gamtaa Abbootii Gadaa Oromiyaa kan hundeessan yoo ta’u, walta’insaan rakkoolee ardaalee jilaa keessa jiran furaa jiru.
Kaayyoonsaanii inni guddaan garuu tokkummaa ummata Oromoo cimsuudhaan gara sadarkaa oliitti akka ce’uuf hojjechuudha. Qixa kanaan hojjechaa waan jirruuf itti milkaa’aa jirra. Rakkooleen darbanii darbanii mudatan adeemsa keessa ni furamu jennee abdanna.
Ayyaanichi Finfinneetti kabajamuun jiraattota magaalittiirratti dhiibbaa qabaa?
Dhiibbaa tokkollee hinqabu. Nuti, ummati Oromoo durumaa kaasee hammataadha malee saba kamuu ofirraa dhiibnee hinbeeknu; gara fuulduraattis hin dhiibnu. Qaamoleen tokko tokko garuu faayidaa siyaasaa ittiin argachuuf jecha holola oofuun jiraattota magaalittii dogoggorsuu ni malu. Jiraattonni magaalattii hundi ololli hafarfamu sirrii akka hintaaneefi olola malee qabatamaa akka hintaane hubachuu qabu. Irreechi aadaafi duudhaa Oromoo waan ta’eef wagguma waggaan sabootaafi sablammoota waliin faayamee kabajamaa tureera; baranas kan kabajamu ummattoota Itoophiyaa maraa waliini.
Kanaaf ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneetti kabajamuun jiraattota magaalittiirrattis ta’e sabootaafi sablammoota biyyattiirratti dhiibbaa akka hinqabne jala muramee beekamuu qaba. Irreechi nageenyaafi jaalala waan ta’eef tokkummaa sabootaafi sablammootaa kan cimsuudha. Kanaafuu jiraattotni Finfinnee kallattii hundaan tumsa gochuu qabu.
Hirmaannaan abbootii qabeenyaa maal fakkaata?
Dhuguma dubbachuuf taanaan Irreecha baranaa milkeessuuf kaka’umsarraa jalqabee hirmaannaan abbootiin qabeenyaa Oromoo taasisaa jiran daran nama dinqisiisa. Keessumaa abbaa hiyyeessaa kan ta’an Obbo Dinquu Dayyaas garaan keenya daran itti ciiseera. Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee wajjin ta’uun iddoo Irreechi itti irreenfatamu qopheessuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jiru. Maallaqa guddaa ramaduunis miidhagsaa jiru. Kanaafis maqaa ummata Oromootiin isaan galateeffachuun fedha.
Abbootiin qabeenyaa Oromoo kaawwanis hedduu hirmaachaa jiru. Gaafa Irreechi kabajamus baasiiwwan jiran haguuguuf hedduunsaanii waadaa seenaniiru. Kanaafis galata argachuu qabu. Waaqni Oromoos caalaatti akka isaan eebbisu hawwii keenya. Maalumaafuu warri kaanis tumsa hunda gochuu akka qaban dhaamuu feena.
Haala maatii keessanii osoo nutti himtanii?
Ani amma imala jireenya koo gara xumurachuutti deemaan jira. Abbaa ijoollee 13ti; dhiirota sagaliifi dubartoota afur jechuudha. Maqaansaaniis Danaasaa, Guutaa, Badhaaneefi Gaaddisaafaa jedheen moggaase. Isheen quxusuun ammoo Hinquufanii jedhamti.
Jaalala Oromoon dhala horachuuf qabu olaanaa ta’uu agarsiisuuf jennee haala kanaan moggaafne. Kanneen keessaa shanansaanii baratanii digrii jalqabaa kan qabatan yoo ta’u, kaan ammoo akkuma koo hojii qonnaatiin of danda’anii jireenyasaanii gaggeeffachaa jiru. Kanneen hundaaf Rabbin galateeffadha.
Ergaa dabarsitan yoo qabaattan?
Ummatni Oromoo, sabootaafi sablammootni Itoophiyaa marti bacaqii gannaa nagaan darbitanii baga booqaa birraatiin nagaan isin gahe jechuun barbaada. Irreecha Hora Finfinnee barana kabajamu milkaa’inaan xumuruuf hunduu tumsa gochuu akka qabus waamicha koo dhiyeessaa, barichi bara nagaa, badhaadhinaafi milkaa’inaa akka ta’un hawwa.
Irreecha Hora Finfinneetti Fulbaana 24 bara 2012 kabajamurratti hunduu hirmaatee jaalalaafi aantee ummata Oromoof qabu mul’isuuf dabaleen waamicha koo dhiyeessa.
Horaa Bulaa!
Takkaalliny Gabayyootiin
(Suurri Tsahaayi Nugusee)
6 Comments to ““Irreecha Hora Finfinneetiif qophiileen hundi xumuramaniiru” -Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa”