Finfinnee: Yunivarsiitiin Bulee Horaa barumsa sirna Gadaarratti xiyyeeffate ykn ‘Introduction to Gada System’ jedhamu akka koorsii tokkootti kennuuf qophii xumuruusaa ibse.
Kanaafis bara darberraa eegalee qophiin taasifamaa turuu pirezidaatiinii yunivarsiitichaa, Doktar Caalaa Waataa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin himan. Koorsicha jalqabuuf barattoota yunivarsitichaafi hawaasa wajjin mariin geggeeffamuus eeranii, qorannoo dhimmicharratti adeemsifameenis waa’ee Sirna Gadaa barachuuf fedhii guddaan jiraachuu kan hubatame ta’uu beeksisaniiru.
Sirni barnootasaas hayyootaan qophaa’uu himanii, sirnicharratti qaamoleen adda addaa akka yaada kennan taasifamuu ibsaniiru. Kanuma bu’uura godhachuunis koorsicha barana barattoota waggaa jalqabaatiif kennuuf qophiin xumurameera jedhan. Barattoota kaaniifis sadarkaa gabbisa hubannootti kan kennamu ta’uus pirezidaantichi addeessaniiru.
Koorsichis kutaalee gara garaa shanirratti kan xiyyeeffatu ta’uu himanii, isaanis maalummaafi qabiyyee, safuufi hiika sirna Gadaarratti, lammaffaan Gadaafi bulchiinsa dimokraasii, akkasumas eegumsiifi kunuunsi naannoo sirnicha waliin eessatti akka walitti dhufaniifi maal akka fakkaatan, ‘Gadaa and democracy, Gadaa and Governance, Gadaa and Environment’ kan jedhufaa of keessaa qaba jedhaniiru.
Seeneetiin yunivarsitichaas qabiyyee kanneen mirkaneessee mojuliin qophaa’aa jiraachuu Doktar Caalaan ibsanii, kunis hanga Fulbaana 24 bara 2012 xumuramee barumsaaf ni qaqqaba jedhaniiru.
Barumsa dareetiin alattis Gumii Dagaagina Afaaniifi Aadaa Oromoo wajjin ta’uun waa’ee Oromummaarratti xiyyeeffannaafi gadifageenyaan hubannoo qabsiisuuf kan kennamu ta’a jedhaniiru.
Kanuma milkeessuufis barataan, barsiisaafi hawaasni walqabatee akka dhaabatu kan taasisu ta’uu eeranii, yeroo barumsichi kennamutti abbootiin Gadaa Oromoo mara afeeruun tokkummaa sirna Gadaa keessa jiru akka barattoota hubachiisan ni taasifama jedhaniiru.
Barumsicha sadarkaa digirii lammaffaanis kennuuf qorannoon mataduree “Masters in Gadaa and Peace Building” jedhuun geggeeffamaa jiraachuu kan eeran Doktar Caalaan, Gadaan dhimma nageenyaa keessatti bakka guddaa waan qabuuf xiyyeefannaadhaan irratti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Yunivarsitichi jijjiirama akka biyyaatti eegalame ceessisuu keessattis shoorasaa bahataa jiraachuu dubbataniiru.
Hariiroon yunivarsitichaafi hawaasa naannawaa jidduu jiru daran fooyya’aa ta’uus dubbatanii, hawaasni sochii yunivarsitichaa keessatti karoorarraa eegalee akka hirmaatu taasifamaa jiras jedhan.
Manni marii gorsitoota abbootiin Gadaa, abbootiin amantii, jaarsoliin biyyaafi dargaggoonni keessa jiran hundaa’uu eeranii, isaan wajjin ta’uun hojjetamaa jiraachuufi kanaanis milkaa’inni gaariin galmaa’uu addeesaniiru.
Qaamni rakkoo uumu yoo jiraate hawaasni abbummaan fudhatee akka irratti hojjetuuf gumaacha guddaa taasisuusaa addeessanii, qaama yunivarsitichi tarkaanfii irratti fudhaterratti hawaasnis alatti qoqqoobbii irra kaa’uun tarkaanfii fudhachuusaa beeksisaniiru.
Qophiin barumsa baranaatiif taasifamus haala gaariidhaan adeemsifamaa jiraachuu Doktar Caalaan eeranii, yeroo kamuu caalaa hawaasa wajjin akka qaama tokkootti hojjetaa waan jirruuf hojii baruufi barsiisuu nagaa qabeessa ta’e geggeessuuf karoorfamuusaa himaniiru.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012
5 Comments to “Yunivarsiitiin Bulee Horaa koorsii Sirna Gadaarratti xiyyeeffatu barana barsiisuu eegala”