Ministirri Muummee Doktar Abiyyi badhaasa 14fa argatan

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad yeroo aangoo waggaa tokkoofi ja’a jaha keessatti kan Dimokraasii Afrikaa dabalatee badhaasota 14 injifatan.

Badhaasa dimokraasii Afrikaa kana Ministira Muummee Abiyyi wajjin kan injifatan  lammii Naayijeeriyaa, Bolaa Tinubuu dursaa paartii Pirogereesiiv Kongireesiiti.

Akka gabaasa tibbana qaama badhaasa kana qopheesserraa argameetti namoonni lameen hojii Dimokraasii Afrikaa keessatti fiduuf hojjetaniin injifatan.

Dursitoonni lameen hojii sirna dimokraasii cimsuufi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf biyyoota isaanii keessatti waan gaarii hojjechuusaanii dura taa’aan qaama badhasicha qopheesse (Waldaa Gorsitoota Siyaasaa Afrikaa) Mistar Kehindee Bamingbetan beeksisaniiru.

Keessumaa Doktar Abiyyi sirna dimokraasi diriirsuun, mirgi namoomaa akka eegamu gochuu, bilisummaan miidiyaa akka dhugoomuufi Gaanfa Afrikaatti nageenyi akka bu’uuf waan guddaa hojjechuusaanii Mistar Bamingbetan ibsaniiru.

Mr. Tinubu’n gama isaaniitiin Filannoon Pirezidaantummaa Naajeeriyaa kan yeroo Muhaammad Buhaariin filatamanii dimokraatawaa akka ta’uufi biyyoota Afrikaa biroo keessattis mirgi namoomaa akka kabajamuufi dimokiraasiin akka babal’atu hojii guddaa hojjetaniiru jechuun miidiyaaleen gara garaa gabaasaniiru.

Doktar Abiyyi ji’oota 17n darbanitti badhaasota 1. African Garand medal, 2. Golden Plate Award, 3.African leader ship magazine person of the year,4.Chatam House,5.UNESCO peace Prize, 6. Katarian Award, 7. Peace National Award UAE, 8. Peace Prize process Award,9. Nishan Award From Saudi Arabia,10. PHC Leader ship One by one, 11. Media House Award, 12. World Tourism Award 13. Hessian Peace Awardiifi 14. Kan Dimokraasii Afrikaa ammaa kana injifataniiru.

Charinnat Hudeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

5 Comments to “Ministirri Muummee Doktar Abiyyi badhaasa 14fa argatan”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: ruay
  3. Pingback: rove brand

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *