Finfinnee: Biyya dhiigaafi lafee saboota, sablammootaafi uummattoota hedduutiin ijaaramte keessatti sirna bulchiinsaa hunda dhuunfatuufi hammatu ijaaruuf jaarsummaa hinbarbaachisu.
Sirnoonni bulchiinsaa waggoota dheeraaf Itoophiyaa keessatti hojirra oolaa turan biyya sab-daneessa kana aadaafi eenyummaa saba tokkoo jalatti ijaaruuf yaaluusaaniitiin hanga ammaatti biyya hunduu walqixa keessatti of ilaaluufi aadaan hundaatuu qixa calanqisu uumuun hindanda’amne.
kufaatii mootummaa Dargii booda yeroo jalqabaatiif sirna federaaliizimii hojirra kan oolche ADWUIn, federaaliizimicha dimokraasiin alatti hojirra oolchuuf yaaluusaatiin garuu guutummatti fudhatama hinarganne.
Itoophiyaa hundaaf taatuufi hunduu keessatti of argu ijaaruudhaaf federaaliizimii dhugaa diriirsuun murteessaa ta’uu kan himan Yunvarsiitii Wallaggaatti, Barsiisaan Saayinsii siyaasaa Galataa Gammachuu, jijjiirama waggaa tokkoo keessatti haalli mijataan federaalizimii dhugaa hojirra oolchuuf gargaaru jiraachuusaa ibsu.
Akka ibsa Barsiisaa Galataatti, hojiirra oolmaa sirna federaalizimii ilaachisee yaadoota lamatu jiru isaanis hojirra ooleefi hin oolle kan jedhuudha. Federaaliizimiin hojiirra ooluufi dhabuusaa adda baasuuf garuu utubaawwan sirnichaa sadii jiraachuu qabu. Isaan keessaa inni jalqabaa garaa garummaan jiraachuu amananii beekkamtii kennuu yemmuu ta’u, inni lammataa immoo wal qixxummaan jiraachuudha. Utubaan inni sadaffaa immoo waliigalteen jiraachuusaa mirkaneessuudha.
Ulaagaalee kanneeniin yemmuu madaalamu yeroo ammaa sirni federaaliizimii guutummaatti hojiirra ooleera jechuuf kan nama rakkisu ta’uusaafi jijjiirama kana keessatti dirreen dimokraasii banamuunsaa garuu daandii saaquu kan danda’u ta’uu ibsu.
Rakkoo guddaan gufuu federaalizimii ta’aa jiru garaa garummaa fudhatanii beekamtii kennuufii dhabuu akka ta’e kan himan immoo Yunvarsiitii Wollootti Barsiisaa sirna Federaalizimii Gargaaraa Profeesaraa Sabsib Addisuu bakka garaa garummaan jiraachuu amananii hin fudhatinitti sirna hundaaf ta’u ijaaruun ulfaataa ta’uu dubbatu.
Garaa garummaan uumama waan ta’eef isa balleessuuf yaaduun uumamaan walitti bu’uu ta’uusaafi isarra garuu hunduu kan waliisaa walii kabajuun furmaata ta’uu ibsu.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012
5 Comments to ““Itoophiyaa hunduu keessatti of argu ijaaruuf federaalizimii dhugaa diriirsuutu dursa” -Hayyoota”