Irreechi Hora Finfinnee sabootaafi sablammoota waliin faayamee kabajama

-Jiraattotni Finfinnees tumsuu akka qaban gaafatame

Finfinnee: Ayyaanni Irreecha baranaa akkaataa Caffeen Oromiyaa murteesseen Fulbaana 24 bara 2012 Hora Finfinneetti, Fulbaana 25 bara 2012 ammoo Bishooftuu, Hora Arsadeetti sabootaafi sablammootaan faayamee kan kabajamu ta’uun beekameera.

Walittiqabaan koree ayyaanichaafi barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa, Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa gaafdeebii Sanbata darbe Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, waggoota 150 booda ayyaanni Irreecha baranaa Hora Finfinneetti kan kabajamu waan ta’eef ummata Oromootiif hiika guddaa qaba. Ummatichi sirnoota darban keessa eenyummaasaatiin (seenaa, aadaa, afaaniifi duudhaa) daran hacuucamuurra  darbee wareegama lubbuu kaffalaa tureera.

Finfinneen handhuura Oromiyaa taatuyyuu Oromootni hedduun jireenya hawaas-dinagdeefi siyaasaan irraa dhiibamaa har’a gahaniiru jedhanii, bakka dur ummatni Oromoo itti irreenfatu ‘Horri Finfinnee’ dagatamee akka baduuf irratti hojjetamaa tureera.

Haa ta’u malee seenaa badaa yeroo dheeraa booda barana gaaffiin ummata Oromoo deebii argatee Hora Finfinneetti akka kabajamuuf murtaa’uunsaa gammachuu guddaadha; seenaa jaarraa tokkoofi walakkaaf  booji’amuun  deebitedhas jedhan.

Ayyaanichi guyyaa ummatni Oromoo bacaqii gannaa darbee booqaa birraatti bahuusaatiif uumaasaa galateeffatu waan ta’eef seenaa Oromoo waliin kan walqabatu ta’uus ibsaniiru. Kanaaf sirna miidhagaafi hawataa kanarratti ummatni Oromoo biyya keessaafi ala jiraatu,  sabootaafi sablammootni, akkasumas turistoota dabalatee namootni miliyoona saddeetii ol ni hirmaatu jedhamee eegama jedhan. Kanaafis qophii barbaachisaan gama abbootii Gadaafi mootummaa naannoo Oromiyaa, akkasumas Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin taasifamaa akka jiru dubbataniiru.

Sirna kabaja ayyaanichaarratti rakkoon nageenyaa akka hinuumamneefis foolleewwan kuma kudhan godinaalee Oromiyaa hundarraa kan calalamaniif leenjiin kennamaa jiraachuu himaniiru.

Milkaa’ina ayyaanichaatiif qeerroofi qarreen, abbootiin Gadaa, abbootiin qabeenyaa, hojjettootni mootummaa, jiraattotni magaalaa Finfinneefi kutaaleen hawaasaa marti tumsa gochuu akka qabanis gaafataniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

3 Comments to “Irreechi Hora Finfinnee sabootaafi sablammoota waliin faayamee kabajama”

  1. Pingback: fake news

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *