Ijiptoonni mul’ata waliinii akka qabaataniif Itoophiyaan kallattiilee hundaan socho’uu qabdi jedhame

Finfinnee: Piropozaaliin haaraa Ijipti Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa (Abbayyaa) irratti dhiyeessite waliigaltee duraanii kan cabseefi mootummaa Itoophiyaatiin fudhatama akka hinqabneedha Ministeerri Bishaan, Jallisiifi Inarjii tibbana kan beeksise.

Ministirri ministeerichaa, Doktar Injinar Silashii Baqqalaa dhimma hidhichaa ilaalchisuun ibsa Roobii darbe miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, Ijipti piropozaalii haaraa hidhicharratti dhiyeessiteetti.

Walga’ii ministiroota dhimma bishaanii Itoophiyaa, Sudaaniifi Ijipti gaggeeffamerratti adeemsa hidhichaarratti yaada haaraa mataashee dhiyeesiteetti jedhan.

Piropozaaliin haaraa kunneenis dhimmoota adda addaa kanneen akka guutinsa bishaanii hidhicharratti, Itoophiyaan waggaatti bishaan meetir kiyuubii biliyoona 40 akka gadhiistu, bishaan Hidha Aswaan ol ka’iinsaa meetira 165 ol yoo ga’u, hojiin hidhichaa bishaan gadhiisuu qofa akka ta’uufi kkf gaafachuushee dubbataniiru.

Mootummaan Itoophiyaas, piropozaaliin Ijipti hidhicharratti dhiyeessite, waliigaltee itti fayyadama bishaanii Laga Abbayyaa kanaan dura mallatteeffame kan cabseefi faayidaa Itoophiyaa kan tuqu waan ta’eef fudhatama hinqabu jechuusaa ministirichi himaniiru.

Itoophiyaafi Ijipti gidduu rakkoo siyaasa otoo hintaane rakkoo teknikii ta’uufi walduraa duubaan mariidhaan furamaa akka jiru dubbataniiru.

Hidhicha ilaalchisuun dhimma Itoophiyaafi Ijipti gara siyaasaatti harkisuufi rakkooleen akka uumamaniif miidiyaaleen biyyoota alaafi hawaasummaa afarsan fudhatama hinqabu jedhan.

Haa ta’u malee gaaffiileen gama Ijiptiin ka’an akka jiran himanii, kunis rakkoofi gaaffiilee teeknikii akka ta’e himaniiru.

Kanaafis piropozaaliin dhimmoota adda addaa of keessatti qabatu gama biyyoota sadaniin akka dhiyaatuufi koreen saayinsiifi qorannoo loogmaleessi akka ilaaluuf Fulbaana 19 hanga 22 bara 2012tti akka mari’atan Doktar Injinar Silashiin dubbataniiru.

Gama biraatiin dhimma hidhichaarratti hayyoonni yaadota adda addaa kan kaasan yoo ta’u, digirii lammaffaasaanii Ijiptitti kan hojjetan hayyuun saayinsii siyaasaa Piroofesar Mararaa Guddinaa akka jedhanitti, lagni Abbayyaa Ijiptootaaf jireenyasaanii  waan ta’eef amantaan irraa qaban adda. Kanaafis Itoophiyaan kana hubachuun adeemsa hundarratti xiyyeeffannoon socho’uu akka qabdu dubbatu.

“Dhiibbaa alaa dandamachuun kan danda’amu siyaasi mana keessaa yoo sirreeffameedha. Wanti mana keessaa hinsirranne dhiibbaa bakkeerraa dhufu ofirraa qolachuuf rakkisa. Ammas Itoophiyaa keessa qaawwii bal’aan jira. Qaawwawwan kunneen cufuun isa jalqabaafi murteessaadha. Ummanni Itoophiyaas qaamni hidhicha tuqu yoo dhufe ‘qabeenya keenya’ jedhanii akka dandamataniif qopheessuun barbaachisaadha” jedhu Pirofesar Mararaan.

Kallattii hundumaan waliigaltee biyyaalessaa uumuun murteessaadha jedhanii, Ijiptoonnis qaawwa akkasiitti fayyadamanii dhiibbaa akka hinuumneef ofeeggannoo taasisuun murteessaa akka ta’e ibsaniiru.

Akka ibsa pirofesarichaatti, Itoophiyaan laga Abbayyaa otoo qabduu waaggoota 50 oliif beela’aa kan turte yoo ta’u, Ijipti siyaasa Itoophiyaanonni otoo beela’anii bishaanichatti bashannana jedhu daangaa akka qabu yoo hubachuu baatan Itoophiyaan hubachiisuu qabdi..

Kanaaf waliin ta’uun magariisa taasisuufi ittifayyadamni madaalasaa eegggate akka jiraatuuf hojjechuu qabu kan jedhan Pirofesar Mararaan, Ijiptoonni mul’ata dhuunfaasaanii hir’isanii mul’ata waliinii akka qabaataniif Itoophiyaan kallattii hundumaan socho’uu qabdi jechuun ibsaniiru.   

Raawwachiisaan hojii waajjira teknikii Ardii Naayil Bahaa Obbo Faqahmad Nagaash gamasaaniin Ijipti dhimmicha eessayyuu yoo geessite furmaanni isaan biraa hinargamu jedhan. Furmaanni marii biyyoonni sadan taasisaniin kan argamu ta’uus eeraniiru jechuun Gaazexaan Addis Zaman gabaaseera.

Wayinisheet Kaasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

2 Comments to “Ijiptoonni mul’ata waliinii akka qabaataniif Itoophiyaan kallattiilee hundaan socho’uu qabdi jedhame”

  1. Pingback: auto detailing

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *