Dambiin fooyyessa Bulchiinsa Investimantii Oromiyaa ragga’e

Finfinnee:Manni Marii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa (kaabineen) walga’ii idilee bara hojii 5fa waggaa 5fa Fulbaana 7 bara 2012 geggeesseen wixinee Dambii Bulchiinsa Investimantii Naannichaa irra deebiin  fooyyessuuf  qophaa’erratti mari’achuun raggaasise.

Dambicha irra deebiin fooyyessuun kan barbaachiseef investimantiin sadarkaa misooma naannichaa deggeruufi ummata keenya fayyadamaa taasisu akkasumas ga’ee investimantiin dinagdee keessatti qabu fooyyessuufi investimantii harkisuurratti kan xiyyeeffatedha.

Keessumaa qonnaan bulaan investimantiif lafasaarraa buqqa’uuf beenyaan kaffalamee geggeeffamuu qofa otoo hintaane investimantii keessatti sheerii qabaatee fayyadamaa akka ta’u haala kan mijeessuudha.

Qonnaan bulaafi horsiisee bulaa adda duree ta’aniifi waldaalee IMX ce’an gara misooma investimantiitti akka dhufan haala mijeessuurrattis kan xiyyeeffateedha.

Investimantiin Oromiyaatti geggeeffamu carraa hojii uumuun fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuu keessatti gaheesaa akka bahatus ni taasisa.

Gama biraatiin dambichi hanqinoota bulchiinsa investimantii keessa turan bu’uurarraa furuun lafa investimantii karaa bu’a qabeessa ta’een faayidaarra akka oolu taasisuurratti kan xiyyeeffateedha.

Adeemsa kenninsa eyyama investimantii harkifataa ture fooyyessuun tajaajila saffisaa kennuun investimantii naannichatti harkisuu akkasumas hirmaannaa hawaasni naannawa investimantii keessatti qabu akka fooyya’u haala mijeessuuf dambicha irra deebiin fooyyessuun barbaachiseera.

Hojmaataafi bulchiinsa lafa investimentii wajjin walqabatee hudhaalee mul’atan furuun qindoomina qaamolee hojicha keessatti qooda fudhatanii cimsa.

Bu’uuruma kanaan Manni marii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa wixinee dhiyaaterratti bal’inaan erga mari’atee booda
Dambii Bulchiinsa Investimantii Naannichaa Irra Deebiin Fooyyessuuf Qophaa’e lakkoofsa 208/2012 ta’ee akka ragga’u sagalee guutuun murteesseera jechuun kan gabaase Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaati.

Charinnat Hudeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

2 Comments to “Dambiin fooyyessa Bulchiinsa Investimantii Oromiyaa ragga’e”

  1. Pingback: click to read more

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *