Omishtummaan baranaa haala kanaan dura argamee hinbeekneen dabala jedhame

Barri baajataa xumurame kun dame qonnaatiif seenaa haaraa qabatee kan dhufe yemmuu ta’u, haalli roobaa iddoo heddutti bifa wal fakkaatuun argamuusaatiin barichi seenaa qonnaa keesatti bara quufaa kan isa taasisu ta’uu Biiroon Qonnaa Qabeenya Uumamaa Oromiyaa ni ibsa.

Jalqabbirraa kasee haalli qophiin qonnaan bulaafi hooggansi sadarkaadhaan jiru omisha baranaa dabaluudhaaf taasifame bu’aa olaanaadhaan goolabamuusaa kan himan hoogganaan biirichaa Obbo Dhaabaa Dabalee,  injifannoon kun guutuu akka ta’uuf immoo sassaabbii omishaa qisaasamarraa bilisa ta’e hordofuun dirqama ta’uusaa dubbatu.

Barana akka naannichaatti omishni midhaanii kuntaala miiliyoona 186 ni argama jedhameet kan eeggamu ta’uu kan himan Obbo Dhaabaan bara darbe sassabbamee kan ture garuu kuntaala miiliyoona 155 qofa ta’uu ibsu.

Omishtummaan baranaa kun isa darbeen yemmuu madaalamu immoo dhibbentaa 16.9 n caalmaa kan qabu ta’uus ni eeru.

Callaa olaanaan barana argame kun qindoomina hooggansaafi kutannoo qonnaan bulaan jijjiiramaaf qaburraan kan dhufe yemmuu ta’u, kilaastaraan omishuun dabaluunsaafi galteewwan qonnaan yeroon dhihaachuunsaanis omisha argameef shoora olaanaa taphachuusaanii himu.

Hanga bara darbeetti biyya alaatii galaa kan ture garbuu biiraa biyya keessatti omishuuf sochiin bal’aan adeemsifamaa turuusaatiin yeroo ammaa guutummaatti biyya keessatti dhiheessuun danda’amuusaas ibsaniiru.

Bittaa galtee qonnaa bara ittaanuu saffisiisuuf sochiin eegalamuunsaas himameera.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

2 Comments to “Omishtummaan baranaa haala kanaan dura argamee hinbeekneen dabala jedhame”

  1. Pingback: check out here

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *