“Biyya tokko keessatti yaadni ‘dabarsanii kennuu’ jedhamu hinjiru” – Abbaa Alangaa waliigalaa Federaalaa, Birhaanuu Tsaggaayee

Torban torbaniin namoota  ogummaawwan adda addaa qaban, hayyoota seenaafi aadaa, akkasumas kanneen muuxannoo jireenyasaaniirraa waa barachuu danda’amu Gaazexaan Bariisaa keessummaa godhatee dubbistootasaa biraan  gahaa tureera.

Maxxansa kanaanis gaafdeebii nama jijjiirama ammaan tana biyyi qabattee jirtu keessatti Waajjira Abbaa Alangaa Federaalaa hogganaa jiran, Obbo Birhaanuu Tsaggaayee wajjin taasisne qabannee dhiyaanneerra.

Guyyoonni jahan baatii Qaam’ee darbee moggaasawwan adda addaa jechuunis guyyaa Badhaadhinaa, Sabboonummaa, Nageenyaa, Dimokraasii, Haqaafi Tokkummaa Biyyaalessaa jedhamaniin qophiilee gara garaatiin waa’elchamanii kabajamaniiru.

Guyyoota kanneen keessaa kallattiin keessummaa keenya kan ilaallatu Guyyaa Haqaa Qaam’ee 5 bara 2011 kabajame ka’umsa godhchuun dhimmoota damee haqaatiin keesumaa hojiilee jijjiiramaa as raawwatamaniifi hojjetamaa jiran wajjin walqabatanirratti abbaa alangaa kana keessummaa taasifanneerra. Ibsa isaan nuu kennan matadureewwan xixiqqoodhaan qoodnee dhiyeessineerraa dubbisa gaarii.

Hojiilee gama haqaatiin waggaa tokko keessatti raawwataman ilaalchisee

Waggaa tokko darbe keessatti hojii gaariin damee haqaatiin hojjetameera jennee eerru inni jalqabaafi ijoon rakkoon damee haqaa keessa jiru maal akka ta’e addaan baafachuu keenya. Kanaanis rakkoon sirna haqaa keessa jiru maalinni, dhimmoonni ummanni komiifi gaaffii irratti dhiyeessaa jiruu  maal fa’i? kan jedhu oggaa ilaallu baroota darbanitti haalli biyya keenya keessa tureefi waanti ummanni gaafachaa ture maalinni jennee ennaa ilaallu kan akka komiitti ka’aa ture gaaffii dimokraasii ta’uusaati kan hubanne.

Bu’uurri gaaffii dimokraasii ammoo dhimma olaantummaa seeraati. Olaantummaan seeraa kan jennu namoonni seeraafi seera qofaan akka qajeelfaman, haqa akka argataniiifi seera kabajanii akka socho’an akkasumas mirga lammii keessumaa ammoo mirgoota heeraan mirkanaa’an sirnaan akka hojiirra oolan gochuudha.

Namni waan dubbateef hudhamaa turuu

Gama kanaan oggaa ilaallus keessumaa namni dubbachuusaafi sababoota birootiin hidhamaa ture. Kana sirreessuufis hojiileen heddu kan hojjetaman yoo ta’u, labsii dhiifamaa qopheessuun sirreeffamtoonni kuma 45 caalan akka hiikaman taasifameera. Kana malees dhiifamaan akkasumas himannaa addaan kutuun sirreeffamtoonni sanuun akka hiikaman ta’eera.

Seeronni komiifi gaaffiin irratti ka’aa turan akka fooyya’an taasifamuunis dhimma akka hojii gaariitti eeramuu qabuudha. Kan hojjetame fooyyessasaa qofa otoo hintaane eenyutu akka fooyyesseefi adeemsa akkamii keessa akka darbe akka qaama cimaatti qoranne. 

Gumii mariisistuu

Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa jalatti gumiin mariisistuu hundaa’eera. Gumiin kun namoota qaamolee hawaasaa adda addaa keessaa babahaniifi keessumaa damee kan keessatti beekumsaafi muuxannoo akkasumas naamusa gaarii qaban miseensummaan kan hammateedha. Ogeessonni seeraa dhibba tokko caalan karaa gumii kanaa adeemsa fooyyessa seerotaa keessatti qooda fudhataniiru.

Haalatti seeronni fooyya’an

Keessumaa seeronni otoo hinfooyya’iin rakkoon seericha keessa jiru maal akka ta’e, seerichi sadarkaa biyyoolessaa kan eeggateefi haala qabatamaa biyya keenyaa kan mil’ate ta’uufi dhiisuusaa addaan baasuun fooyyessuuf tattaaffiin taasifame akka milkaa’inaatti kan fudhatamuudha. Seera tokko gaariidha kan jechisiisu fooyya’uusaa qofa otoo hintaane adeemsa keessa darbeedha.

Sana booda qabiyyeensaa akkasumas hawaasaafi qaamolee dhimmamtootaa hirmaachisuunsaa kan ilaalamu ta’a. Kanaaf seerota fooyya’an kanneen kan hojjetan qaamolee eeraman kanneeni. Kanas jiddugalummaa kamuurraayyuu bilisa ta’uun raawwaatan.

Adeemsa kanaan seeronni danuun kan fooyya’an yoo ta’u, kanneen keessaa seera daldalaa fooyya’e qofa akka fakkeenyaan eeruun ni danda’ama. Seera kan fooyyessuun kan eegalame bara 1984tti. Seerri bara dhufu kan ragga’u ta’us kan fooyya’e garuu waggoota tokko darbe kana keessatti. Seerri naamusa yakkaa waggoota dheeraa fudhates kan fooyya’e wagguma darbe kana keessatti.

Imaammata haqa yakkaa

Imaammanni haqa yakkaa dhimmoota ammayyaa kan of keessatti qabate ta’us naamusa yakkaa waan liqimseef hojjechiisuu hindandeenye. Garuu seerichi seera guddaafi daran bu’uura ta’eedha. Kunis seerota fooyya’an keessatti eerama. Seeronni farra shororkeessummaa, tola ooltummaa, filannoo, jibbiinsaafi kanneen biroon hojiilee waggoota tokko keessatti raawwanneedha.

Biyya keenya, iddoowwan walitti bu’iinsonni turanitti argamnee haalicha addaan baasuun qulqulleessinee himata banuu dandeenyeerra. Kanaanis waggaan tokko darbe kun yeroo shakkamtoota seeratti dhiyeessuuf tattaaffiin itti taasifame waan ta’eef akka milkaa’inaatti kan eeramuudha.

Mirga namummaa, hattummaafi gaafatamummaa

Keessumaa gama sarbama mirga namummaafi hattummaatiin  seerotasaanii fooyyessuun akkuma jirutti ta’ee balleessitoota seeratti dhiyeessuun waantota lamaaf fayyada. Tokkoffaa qaamoleen miidhaa qaqqabsiisan oggaa seeratti dhiyaatan yoo xiqqaate miidhamtoonni boqonnaa sammuu argatu.

Lammaffaa qaamoleen amma jirru ammoo gaafatamuun akka jirru beeknee seeraafi seera qofa kabajuun hojjechuu akka filannu nu hubachiisa. Kanaafuu tattaaffiin ittigaafatamummaa mirkaneessuuf taasifame akka qaama cimaatti kan eeramuudha.

Maallaqa hatame deebisiisuu

Kan biyyaa baheefi biyya keessa jiraatees hattummaa wajjin walqabatee maallaqarratti daran hinxiyyeeffatamu; namoota yakka raawwatan hordofanii seeratti dhiyeessuufi hidhuu malee. Kanaanis hojmaata uumuufis ta’e seerasaa baasuuf keessumaa maallaqa hannaan argamu qabuufi deebisiisuuf tattaafanneerra. Kan biyya alaatti bahes akka deebi’uuf hanga tokko itti deemneerra. Kunis gaarii ta’uu hubannneerra.

Ragaarratti hindaa’anii hidhuu

Qajeelfamni shakkamaa “Qulqulleeffannee hiina malee hiinee hinqulqulleeffannu” jedhamu sirnaan hojiirra oolaa jira. Fakkeenyaaf dhimmoonni hannaafi sarbama mirga namummaa dhimma ji’oota sadii/afur ta’aniif qorannaarra turaniidha. Kana jechuun otoo namoota hinqabiin ji’oota eeramaniif  qorannaarra turre. Eddii qabamanii qorachuun akka seeraatti rakkoo qabaachuu baatus hanga danda’ameen garuu namoonni yeroo dheeraaf mana hidhaa akka hinturreef ragaalee funaannee dhibbaa dhibbaatti ta’ullee baatu sadarkaa namoota himachuuf nu dandeessisurra jirra.

Qajeelfamni kan jedhu qorannoon ragaarratti hundaa’e akka geggeeffamuudha. odeeffannoon funaaname qofti gahaa waan hintaaneef gara ragaatti jijjiiramuu qaba. Kanaafuu odeeffannoo  walittiqabannee gara ragaatti jijjiiruudhaani kan namoota qabne. Eddii haala kanaan qabamee jechasaa kenna. Keessumaa hannaa yoo ta’e horannisaafi sanadoonni biroo yoo jiraatan  qulqullaa’uu qabu. Kanaafuu dhimmoonni kunniin yeroo fudhatu. Kanneen hunda keessa dabarree himanni kan baname yeroo gabaabaa keessatti.

Fakkeenyaaf ‘Meeteek’ ilaalchisee eeruuwwan 58 caalantu dhufe. Haala hunda  jechuun nama dandeessisuun himanni banamee kanneen muraasa ta’an ofirraa ittisaa jedhamanii ofirraa ittisaa jiru. Kanaafuu haala kanaan dhimmi yeroo dheeraa fudhate hinjiru jechuun ni danda’ama. Sababiinsaas hundarratti himanni akka banamu taasisneerra. Sarba mirgaa, hannaafi walitti bu’iinsota uumamanii turanirratti himata banneerra. Ammaan tana kan harka keenyarratti hafe dhimma Waxabajjii 16 qofa.

Dhimma Waxabajjii 16

Raawwiin yakka Waxabajjii 16 qaamoleen caasaa mootummaa keessa jiran aangoo mootummaarra ta’anii waan ta’eef qorannicha walxaxaa taasisa jechuudha. Hattuu wajjin taanee hattuu qabuun ulfaataa waan ta’eef qorannicha walxaxaa taasisa. Eeruun dhufe danuudha. Garuu maal ta’uu danda’a, eenyutu qindeesse,  kan jedhurratti xiyyeeffannee qulqulleeffataa jirra. Gara caaluun dhumaa jira. Beekamtii mana murtiitiin adeemsifamaa jiraatii kun yeroo gabaabaa keessatti kan hojjetameedha.

Adeemsi murtii biyyattii  keessa ture maal fakkaata kan jedhus ilaaluun ni danda’a. Amma garuu nuti yeroo gabaabaa keessatti murtii kennisiisna.

Yakkamaa dabarsanii kennuu

Yakkamaan seera jalaa miliquuf ni dhokata. Firri ykn hiriyaansaa akka seeratti hindhiyaanneefkan gorsu jiraachuu mala. Akkuma beekamu ammaan tana namoota danuudha seeraan kan barbaadnu; biyya tokko keessatti waanti ‘yakkamaa dabarsanii kennuu’  jedhamu jiraachuu waan hindandeenyeef jechuudha. Poolisiin federaalaa ajaja mana murtii qabatee biyyattiitti bakka kamuu deemee nama barbaadamu qabuu waan danda’uuf shakkamtoota seeratti dhiyeessuurratti rakkoo guddaan hinjiru.

Hariiroo naannolee wajjin jiru

Hariiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaafi naannolee jidduu jiru gaariidha. Guyyaa haqaa kabajamaa turerratti hubannoo kenninee iddoowwan hundatti kabajameera. Kana malees Abbaan Alaangaa Federaalaa naannoleetti damee qabaayyu. Dameelee kanneen cufneeti naannoleef bakka bu’ummaa kan kennine.

Hudhaalee mudatan

Waggaa tokko darbe keessatti Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa hojiilee hedduu raawwateera. Ta’us gama olaantummaa seeraa mirkaneessuutiin ammas hudhaa guddaafi ijoo nu mudate ce’uu dhabuudha. Olaantummaa seeraa biyya keenyatti sadarkaa ummanniifi nuti barbaadnuun mirkanaa’eera jechuun nu rakkisa. Keessumaa seeraafi bilisimmaa walsimsiisanii deemuu dhabuun ni mul’ata. Humnaafi haalota fakkaataniin mirga ofii kabachiifachuuf yaaluutu hubatamaa jira.

Kana malees shakkamtoota yakka raawwatanii hawaasa keessa jiran seeratti dhiyeessuu dhabuun hudhaalee mudatan keessaa kan eeramuudha. Riirformiin eegalame ittifufiinsa akka qabaatuufi gama kanaanis hudhaan waan jiruuf qaamoleen haqaa seeraafi danbiirratti hundaa’anii sirnaan qindaa’uu qabu.

Gama keenyaanis namoota seeraan barbaadaman seeratti dhiyeessuurratti akkasumas seermaleesummaa saaxiluurratti rakkoon mul’atu ni jira.  Fakkeenyaaf Finfinneedhumatti sababa ragoonniifi himatamtoonni hindhiyaanneef galmeewwan cufaman danuudha. Kun ammoo namni yakka dalagee jiraachuu danda’a waan jechisiisuuf namni oggaa yakki raawwatamu arge kamuu ofiisaatiif jecha dhiyaatee ragaa bahuu qaba.

Gama kanaanis nu bira rakkooleen jiru. Eddii namni ragaa bahuuf dhufee booda haallitti waamnu, keessummeessinuufi utubnu rakkoo qaba. Rakkoolee yeroo dheeraa fudhachuufi deddeebisuurratti mul’atan furuu qabna. Hawaasni deddeebichas nuu obsee dhufuunsaa haqa mirkaneessuufi dhugaan akka bahuuf daran gargaara.

Hanqinoota qaamolee biraa mul’atan

Qaamolee haqaa biraa akka rakkootti kan mul’atu hojiilee keenya teknolojii qunnamtii odeeffannootiin gargaaramnee raawwachuu dhabuudha. Qabiinsa odeeffannoos ta’e ittifayyadama teknolojiirratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna jennee kallattii keewwanneerra.

Yakkamtoota murtii argatan ummataaf ibsuu

Namoota daldala kontirobaandiirratti bobba’an, kanneen biddeena jeessoodhaan makanii tolchanii gurguraniifi yakkoota walfakkaatoo biroorratti bobba’anii itti murtaa’ee hidhaman ummataaf ibsuu dhabuun rakkoo miidiyaaleeti. Kan ibsamuu qabu oggaa hidhaman ykn qorannoof dhiyaatan qofa miti. Oggaa murtiin kennamus hordofanii gabaasuufi ummatatti himuun hojii miidiyaati.

Kontirobaandii, jeessoos ta’e naannessa namootaa seeraan alaarratti sirreeffamaan akkamii akka jiru ogeessonni miidiyaa manneen sirreessaa dhaqanii hubachuufi ilaaluu danda’u. Dhugaa dubbachuuf ibsuurratti nu biras hanqinni yoo jiraatellee dhuftanii isin hindhorkine. Dhaddachis banaadha. Sirumayyuu miidiyaarraa komiin qaba, hojii gama haqaatiin raawwatamaa jiru ummata biraan gahuurratti miidiyaan hinhojjenne; nu hingargaarres.

Hamii ‘filatanii himachuu’ jedhu

Namoonni tokko tokko yeroo ammaa namoota filatanii himachuun jira jedhu. Kun jette jetteedha. Fakkeenyaaf rakkoo bara darbe Finfinneetti uumamee tureen daraggoonni himatamaniifi hidhaman jiru. Burraayyuuttis akkasuma. Magaalota lamaanirraayyuu namoonni seeratti dhiyaataniiru. Yakka raawwatanii ebelu haa hafu, ebelu haa himatamu waanti jedhamu hinjiru. Fakkeenyaaf ABO Shanee wajjin walqabatee waa ka’aa tureera. Isarrattis taanaan nama ajjeesuu, saamicha baankiifi qabeenya gubuutiin himanni banameera.

Qaamni tokko waan hidhameef qaamni biraas hidhamuu qaba waanti jedhamu dhufuu hindanda’u. Nuti kan ilaallu yakki raawwatame moo hinraawwatamne, yakkicha keessaa eenyutu qooda qaba kan jedhuudha malee sabummaasaa, amantiinsaa, dhaloonnisaa, naannoonsaa, gareensaa kami kan jedhamu miti.

Qajeelfama kanaan kun hafeeraa himatamuu qaba waanti jedhamu  dhufuu hindanda’u. Yakkoota qe’eerraa buqqifamuufi kkkn walqabatee Naannoo Kibbaa, Amaaraa, Beenishaangul Gumuz, Oromiyaa, Sumaaleefi Finfinneerraa namoota barbaadaman kuma sadii ol qulqulleessine.

Kanneen keessaa namoota kuma tokkoofi 600 ta’an qabneerra. Kanneen hinqabamnes jiru. Warra hinqabamne kanneen qabuuf adamsaa jirra. Kanaaf waanti jedhamu jette jetteedha. Nuti hojii keenya hojjetaa jirra. Kanaan walqabatee waan jiru qulqulleessuun ni danda’ama.

Ayyaana kabajamaa ture ilaalchisuun

Biyya keenyatti olaantummaan seeraa mirkanaa’ee biyyattiin gara badhaadhinaatti, guddinaatti, misoomaatti akka ceetuuf irreefi humni guddaan ummata. Kan nurraa eegamu humnaafi irree kana waltaasisnee akka hojiirra oolu gochuudha. Gama kanaan mootummaan qaama iddoo biraatti dhufe otoo hintaane ummatuma keessaa kan bahe waan ta’eef biyya keenyatti olaantummaan seeraa akka kabajamuuf keessumaa hawaasni qoodasaa gumaachuu qaban jedha.

Seeraaf abboomamuu

Guyyaan haqaa baranaa mataduree, “Ani seeraaf nan abboomama” jedhuun kabajame. Seeraaf abboomamu jechuun seera kabajanii hojjechuufi socho’uudha. Seeronni bahan qaamolee mootummaa birootiin sirnaan hojiirra oolaa jiraachuu, rakkoo akkamii akka qaban sakkatta’uuf barana daaroktireetii of danda’e hundeessuuf yaadaa jirra. Sadarkaa seeraatti labsiileen kuma tokko caalan bahaniiru.

Seerri tokko tokko seera haadhoodha. Fakkeenyaaf danbiin, qajeelfamniifi hojmaanni labsii tokkotti aanee bahu jiraachuu qaba. Ammaan tana isaan kunniin jiraachuusaanii qulqulleeffachuuf dhaabbilee sadii filannee ofiiti gochuuf sochiirra jirra. Kanaafu seera baasuu qofa otoo hintaane hojiirra oolmaasaanii hordofuurratti hojjetaa jirra.

Murtii dhaabbilee mootummaa kennan qulqulleessuu

Murtiiwwan dhaabbileen mootummaa kennan seera qabeessummaafi  seerarratti kan hundaa’an ta’uun ni ilaalama. Heera keenyarratti hojmaanni mootummaa ummataaf ifaa akka ta’u kan jedhuun dhaabbata tokko bira deemamee murtiin kenname ilaalamu “Kana qajeelfamni na dhorka” yaadonni jedhan ni dhiyaatu. Isaan kunniin odiiti godhamuu qabu jedhamee labsiin bulchiinsaa qophaa’aa jira.

Labsii bulchiinsaa

Labsii bulchiinsaa jechuun dhaabbata tajaajila kennu jechuudha. Dhaabbileen tajaajila kennan tajaajilasaanii haala kamiin kennaa akka jiran kan agarsiisuudha. Labsiin bulchiinsaa kun waajjiraalee ittisa biyyaafi odeeffannoo biyyaalessaa hinilaallatu; waajjiraaleen kunniin kennitoota tajaajilaa waan hintaaneef.

Kallattii egeree

Yeroo ittaanutti ni hojjenna jennee kan yaadne dhimmi tokkoofi guddaan riifoormiiwwann eegalaman ittifufsiisuudha. Kanaanis waggoota sadii keessatti damee haqaatiin jijjiirama bu’uuraa fiduuf karoorfanneerra. Waggoota kanneen keessatti riifoormiiwwan seeraa eegalaman fooyyessinee seeraa baasuu qofa otoo hintaane hojiirra oolmaasaaniis mirkaneessuudhaaniifi hirmaannaa guutamaadhaan isa xumuruudha. Darbees hojiilee hojmaanni bahuufi qabuuf hojmaata qopheessuudhaan haala guutamaa ta’een raawwachuu qabne jennee hojiilee qabanne jiru. Hariiroon hawaasa wajjin qabnus jabaachuu waan qabuuf irratti hojjenna. 

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *