“Barri haaraan qabeenya sirnaan itti fayyadamnu” -Ministeera Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

Doktar Abiyyi Ahmad ergaa bara haaraa ummata biyyattiitiif dabarsaniin barri haaraa qabeenya hintuqamne haaraa ta’uu kan himan, qabeenya kana garuu sirnaan itti fayyadamuufi qisaaseessuunis kan danda’amu ta’uu dubbataniiru.

Carraa barri haaraan nuu kennetti fayyadamnee filannoo keenya sirreessuuf of qopheessuun murteessaa ta’uu himanii, ummanni biyyattii waan gaarii filachuudhaan isaan cinaa akka dhaabbatu gaafataniiru.

“Barri haaraan barruu abbaa fuula 365 wanti tokko irratti hin barreeffamneeti” kan jedhan Doktar Abiy, Itoophiyaanotni nama ta’uu keenya qofa osoo hintaane, jagna ta’uu keenya addunyaaf yeroo itti  galmeessinu ta’uu qabas jedhaniiru.

Jaalala dhugaa hojiin agarsiisuun, garaa bal’achuuniifi waljibbiinsarraa fagaachuu dhimmoota bara haaraatti dursi kennamuufii qabu yemmuu ta’u, barri haaroofti nageenyi biyyaaleessaa akka uumamuufis tumsi hawaasa hundaa murteessaa ta’uu ibsu.

Abdii kan qabaannu naannawa keenyatti nageenyi, keessoo keenyatti immoo jaalalli yemmuu jiraate qofa jedhan.

Barri moofaan darbe carraan harka keenya galeefi qormaatni  kan ittiin walmake ta’uusaafi kanaanis gama tokkoon gadda gama biraan immoo gammachuu, abdiifi sodaan kan itti walmarqaa turan ta’uuf ibsaniiru.

Nuti ummanni Itoophiyaa filannoo keenya nageenyaafi jaalala taasifachuudhaan biyya tokkoomteefi nageenyishee mirkanaa’e uumuu qabna jedhaniiru.

Barri moofaan darbe safartuu hedduun yemmuu madaalamu bara milkii kan ture ta’uu kan himan immoo Pirezdaanti Saahlaworq Zawudee, rakkoowwan  yeroo adda addaatti mul’achaa turan akkuma jirutti ta’ee wantootni gaggaariin hedduu kan itti raawwatame ta’uu dubbatu.

Dhimma biyyaarratti lammiin hundi qixa hirmaachuu danda’uun immoo milkii ijoo ta’uu eeranii, bara haaraa kan simannus waan darbe dagachaa osoo hin taane, isa biyyaafi ummataaf ta’u filachaa ta’uu akka qabu dhaamaniiru.

“Biyyi keenya kan nurraa barbaaddu waan humna keenyaan oliitii miti” kan jedhan Pirezidaantittiin, hundi keenyaa waan humni keenya eeyyame yoo hojjanne biyya jaalalaafi nageenyaa uumuun salphaa ta’uu ibsu.

Tokkummaa keenya yoo  mirkaneessineefi gufuuwwan hunda karaarraa maqsine egereen biyyattii bu’ura cimaarratti ijaaramte abdii haaraa akka horattuuf kan gargaaru ta’uus dubbataniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 3/2012

Recommended For You

3 Comments to ““Barri haaraan qabeenya sirnaan itti fayyadamnu” -Ministeera Muummee Doktar Abiyyi Ahmad”

  1. Pingback: best nakara cheats
  2. Pingback: valorant cheats

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *