Finfinnee: Baatiin 13fan lakkoofsa baraa biyya keenyaa keessumaa kan baranaa sagantaa biyyaalessaa “Qaam’e ida’amuun” jedhuu kaleessarraa eegalee matadureefi qophiilee adda addaatiin kabajamaafi yaadatamaa jira.
Haaluma kanaan; Qaam’een 1 guyyaa badhaadhina kan bakka bu’e yammuu ta’u, waltaasisummaa Waajjira Ministira Muummeetiin geggeeffame. Qaam’een 2 guyyaa nageenyaa yammuu ta’u, ministira Nageenyaa, Aadde Mufaariyaat Kaamiiliin hogganama.
Qaam’een 3 guyyaa biyyaan boonuu yammuu ta’u, kantiibaa ittaanaa Magaalaa Finfinnee, Injiinar Taakkalaa Uumaatiin duurfama. Qaam’een 4 guyyaa moggaasa dimokraasii jedhu kan argate yammuu ta’u, ministira Geejibaa, Aadde Daagmaawiit Mogasiin hogganama.
Qaam’een 5 guyyaa haqaa jedhamuun kan moggaafame yommuu ta’u, Abbaa Alangaa Federeelaa Obbo Biraanuu Tsaggaayeetiin hogganama. Qaam’een 6 ammoo guyyaa tokkummaa biyyaaleessaa jedhamuun yaadatamee oola.
Gaazexaan Bariisaas guyyoota kanneen keessaa guyyaa nageenyaa har’a, Qaam’ee 2fi guyyaa haqaa Qaam’ee 5 qophiilee gara garaatiin kabajamaa jiruufi kabajamu ilaalchisuun dargaggootaafi ittigaafatamtoota hojii tokko tokko haasofsiineerra.
Guyyaa nageenyaa har’a kabajamu sababeeffachuun gaafannee yaadasaa Gaazexaa Bariisaatiif kan ibse Qeerroo Amaanuu’el Tarfaasaa jiraataa magaalaa Adaamaa yoo ta’u, Qaam’een 2 guyyaa nageenyaa jedhamee, nageenyaaf iddoo guddaan kennamee yaadatamuunsaa sirrii ta’uu kaasee, nageenyi garuu waan guyyaa mara yaadatamuu qabuudha jedha.
Nageenyi yoo hinjiraanne, biyyi, ummati, ba’anii galuun, hojjechuun, barachuun, ijaaruun, guddisuufi kkfn hindanda’amu kan jedhu qeerroon kun, waan gatijabeessa ta’ee kanammoo akka nu barbaachisu hubachuun guyyaa mara bakka itti kenninee socho’uu akka barbaachisu hima.
“Kanaafis qeerroon, qarreen, daa’imman, maanguddoonniifi kutaaleen hawaasaa hundi bifa, sanyii, korniyaafi amantiin osoo walhinqoodiin nageenya ofii, naannawaafi kan biyyaa kabachiisuun irraa eegama. Keessumaa dargaggoonni eenyuyyuu caalaa nageenyi akka eegamuuf dursanii hiriiruu qabu. Wantoota nageenya jeeqaniif meeshaa ta’uurra hubannaadhaan tarkaanfachuu qabu” jedha. Barri 2012s hunduumaaf bara nageenyaafi badhaadhinaa akka ta’uuf hawwii qabu ibseera.
Qarree Ayyaantuu Qajeelaammoo jiraattuu Magaalaa Finfinneeti. Akka isheen jettutti, jiraachuun nageenyaa waantota hundaaf bu’uura. Bakka nageenyi hinjirretti bor yaaduu mitii daqiiqaa tokkoo jiraachuuf wabiin hinjiru. Ba’anii galuun, fiiguun, boqochuun, yaaduun, barachuun, of guddisuun, biyya jijjiiruun yoo nageenyi jiraate qofa.
Wantooti waggoota hedduuf itti dhama’ame humniifi beekumsi itti ba’ee ijaarame tokko bakka nageenyi hinjirreetti daqiiqaa gidduutti barbadaa’uu danda’a kan jettu qarreen tun, ilmaan maatiifi biyyi ija irra kaa’attes ba’anii hafuu ni danda’u; kanaaf nageenyi waa hunda keenya ta’uu hubachuun kunuunsuun akka barbaachisu dubbatti.
“Ajandaa guddaafi murteessaa jiraachuuf wabii ta’ee kunis yeroo mara sammuu namaa keessa taa’uun kunuunfamuufi eegamuu qaba. Keessumaa dargaggoonni bara dhufu dhaabbilee barnoota olaanaa seenan, hojiitti kan babba’an, dhaabbilee garagaraarraa eebbifamaniifi haalota garagaraa keessa jiran nageenya biyyattii tiksuun waggaan haaraa kan waan gaarii qofa itti dhageenyu akka ta’uuf imaanaa fudhachuu qabna. Barichis kan milkii akka ta’uun hawwii guddaan qaba” jetti.
Abbaan Alangaa Federaalaa Birhaanuu Tsaggaayee ibsa guyyaa Haqaa Qaam’ee 5 bara 2011 sadarkaa biyyaatti kabajamu ilaalchisuun ibsa Kibxata darbe nuuf kennaniin, mataduree, “Ani seeraaf nan abboomama” jedhuun akka kabajamuu eeraniiru.
Xumura baatiin haqaa matadureedhuma kanaan kabajamaa tureefu guyyaa haqaa Qaam’ee 5 bara 2011 ayyaaneffamu sababeeffachuun qaamolen haqaa federaalaa agarsiisaa kaleessarraa eegalee hanga iftaaniitti turu buufata qorannaa yakkaa duraan ‘Maa’ikalaawwii’ jedhamee beekamu qopheessaniiru jedhan.
Agarsiisichaan fakkiiwwan kenniinsa haqarratti xiyyeeffatanii qophaa’aniifi hojiileen qaamolee haqaa of keessaa qaban ummataaf dhiyaachuusaaniis himaniiru. Qaam’ee 4 bara 2011 ammoo Mana Sirreessaa Qaallittiitti daaw’annaan akka taasifamuufi sirreeffamtoota wajjin mariin kan geggeeffamu akkasumas, sagantaan xumura guyyaa haqaa Qaam’ee 5 galma Barkumeetti namoota kuma 15 ol hirmaachisuun kan raawwatamu ta’uu beeksisaniiru.
Guyyaa haqaa kana sababeeffachuun hojiin milkaa’inootaafi hanqinoota mudatan addaan baasuu akka raawwatames eeranii, haalonni gama lameeniinuu jiran ummataaf kan ibsaman ta’uu dubbataniiru.
Barreeffamni milkaa’inootaafi hanqinoota waggaa tokko darbe keessatti galmaa’aniifi mudatan agarsiisan qophaa’ee mariin naannolee hunda hirmaachise geggeeffamaa jiraachuus ibsaniiru. Guyyicha sababeeffachuun sirreeffamtoota kuma tokko caalaniif dhiifamni akka taasifamuufi sirreeffamtootaaf kennaan qophaa’uu eeraniiru. Bakki mirgi lammiilee itti sarbamaa ture, ‘Maa’ikalaawwiin’ ummataaf banaa ta’uunis hiika guddaa qaba jedhaniiru.
Guyyoonni hafanis qophiilee adda addaatiin waa’elchamanii kan kabajaman ta’u.
Charinnat Hundeessaafi Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011
8 Comments to “Qaam’ee ji’a ida’amanii ce’uu”