Geejjiba motorarraa bilisa ta’e, fayyaafis faayaafis

Finfinnee: Waggoota 27n dura magaalattii keessa namni jarjare saaykiliidhaan, namni suuta adeemuu barbaade immoo miilaan tarree galee adeema. Kan saaykilii qabu gaafas magaalattiitti heddummaachuusaatiin daandiin of danda’aan tajaajilichaaf oolu sadarkaa gaafatamuurra gahee ture.

Keessattuu dhaabbileen misoomaa guguddoon sadii magaalaa sanatti argamuunsaanii immoo geejjiba qilleensa naannawa hinfaalle, balaa tiraafikiif hinsaaxille, jabeenya qaamaatiif barbaachisaa ta’e kana tumsuu keessatti shoora olaanaa taphatanii jiru.

Warshaan simintoo, warshaan huccuufi baaburri yeroo sana magaalaa sana keessa turan hojjattootasaanii dhuunfaa dhuunfatti saaykilii bitanii kennaafi turaniiru. Kanaanis aadaan saaykiliin socho’oo iddoowwan hunda caalaa magaalaa har’a baajaajiifi taaksiin sochii nama dhorke, Dirre Dhawaatti dhalate.

Kufaatii sirna Dargii booda gara abbootii dhuunfaatti kan deebi’an dhaabbileen kunniin, kanaanis kennaan saaykilii sanaan dura hojjattootaaf kennamaa tures dhaabbatee  baajaajiifi taaksiin iddoosaa qabate.

Har’a immoo waggoota 27 booda seenaan saaykiliidhaan imaluufi faayidaansaa yaadatamee Dirre Dhawaatti pirojektiin geejjiba akkasii deebisuu eegalame.

Magaalattiitti daandiin kiiloomeetira 20 ta’u imaltoota miilaafi saaykilii qofaaf ijaaramuu kan himan Abbaa Taayitaa Geejjiba Federaalaatti daarikterri deeggarsaafi to’annoo daandiiwwan magaalaafi baadiyyaa Obbo Baayyuu Mulugeetaa, kunis geejjiba motorarraa bilisa ta’e horachuuf projektii isa jalqabaa kan taasisu ta’uu dubbatu.

Daandiin zoonii indaastiriirraa gara magaalaattiitti geessu kun konkolaataa motoraa tokkollee kan hinkeessummeessine yemmuu ta’u, daandiiwwan akkanaa iddoo hundatti babal’isuun ba shoora olaa laa tiraafikii yeroo ammaatti ummata miidhaa jiru hir’isuu keessattis naa kan taphatu ta’uu ibsu.

Magaalota geejjibni saaykilii keessatti baratamoo turan kanneen akka Hawaasaafi Bahaar Daaris sadarkaa ittaanuun pirojektichaan kan dhuunfataman ta’uu ibsaniiru.

Faalama qilleensaa addunyaaf sodaa guddaa uumaa jiru dandamachuudhaaf geejjibni aararraa bilisa ta’e filannoo jalqabaa ta’uu “UN Habitat”tti ogeessi pilaanii magaalotaa Obbo Abel Isxifaanos, keessattuu magaalotatti  faalamni qilleensaa kun sadarkaa yaaddessaarra gahuu dubbatu.

Faayidaa dachaa miilaan deemuufi saaykilii fayyadamuu irratti hubannoo cimaan ijaaramuu akka qabuufi dhawaata dhawaataan immoo hirkattummaa konkolaataa jalaa bahuuf tarsiimoo dhimmoota kanneen jajjabeessu qopheessuun murteessaa akka ta’e himu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011

Recommended For You

3 Comments to “Geejjiba motorarraa bilisa ta’e, fayyaafis faayaafis”

  1. Pingback: Webb Schools

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *