“Biyyattiitti filannoon amantaa ummataa argate hinjiru” -Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

Finfinnee: Filannoon dhufu dimokraatawaa, ifaafi bilisa akka ta’uuf xiyyeeffannaan hojjetaa jiraachuu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa ibsa torbanuma kana keessa kenneen beeksiseera.

Walitti qabduun boordichaa Dubree Burtukaan Miidhagsaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, ittigaafatamummaan boordichaa filannoo bilisa, amansiisaafi dhugaa ta’e gaggeessuu, mirga lammiilee hojiirra oolchuufi murtii ummataa raawwachiisuudha jedhan.

Heerri mirga filachuufi filatamuu lammiilee kan mirkaneessu waan ta’eef boordichis haala barbaadamuufi ittigafatamummaa qabuun filannoo gaggeessuuf hojjechaa jiraachuu eeran.

Akka walittiqabduun kun jedhanitti, filannoowwan hanga ammaatti gaggeeffamaniin filannoon amantaa ummataa argatan hinjiran. Loogmaleessummaa boordichaa mirkaneessuunis hindanda’amne.

Boordichi filannoo dhufu karaa dimokiraatawaa, ifaafi bilisa ta’een gaggeessuuf, filannoon gaggeeffamus amanamummaa ummataa akka argatuuf fooyya’insawwan adda addaa gaggeeffamaa turaniiru, ammas ittifufaniiru. Gurmeessi haaraa boordichaas haala haaraadhaan hanga caasaa dakaatti geggeeffamaa jira.

Kanaaf qaamni kamuu, morkattoonni paartiilee, dhaabbileen akkasumas namoonni dhuunfaa filannoo baroota darbanii ammas irra deebi’uufi, jedhanii yaadu yoo ta’e ilaalchaafi hubannoosaanii sirreeffachuu qabu jedhaniiru.

Filannoo ittaanu haala amansiisaadhaan gaggeessuuf qophiirra jiraachuu himanii, adeemsasa keessattis lammiileen, hawaasni, akkasumas paartiileen boordichi loogmaleessummaan kan hojjetu ta’uu hubachuu qabu jedhaniiru.

Boordichi komii ABOn “Bakka walga’ii dhabuufi  miseensonni koo hidhaman” jechuun dhiyaateef fudhachuun ilaaluusaafi keessumaa bakkatti yaa’iin gaggeeffamu mijaa’eefii yaa’ii geggeeffachuusaa, akkasumas miseensota hidhaman jedhaman ilaalchisees kaan hiikamuusaaniifi kaan ammoo adeemsa murtiirra akka jiru ibsaniiru. Kongirasii Federaalistii Oromoos komiidhuma walfakkaatu dhiyeessuusaa eeraniiru.

Raawwii murtoo ummata Sidaamaa ilaalchisuunis “Karoora hojiifi bajata qopheessuun qaamolee dhimmi ilaallatu waliin Hagayya 30 bara 2011rraa eegalee mari’achaa jirra” jedhaniiru.

Waaynisheet Kaasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Qaam’ee 2/2011

Recommended For You

6 Comments to ““Biyyattiitti filannoon amantaa ummataa argate hinjiru” -Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa”

  1. Pingback: vendidos monetizze
  2. Pingback: click for source
  3. Pingback: More hints
  4. Pingback: do not trust

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *