Keessummaan keenya har’aa Weellisaa Doktara Kabajaa Artisti Alii Shabboo. Aliin abbaasaa Obbo Shabboo Waddoofi harmeessaa Aadde Hamidaa Mawludirraa ALA bara 1942 Dirre Dhawaatti dhalate. Artistiin kun keessumaa sirbasaa “Dinbushee Galaa” jedhamuun caalaatti ummata biratti beekama.
Artistoota Oromoo keessaa yeroo jalqabaatiif meeshaa muziqaa gitaaraan taphachuu kan eegale artisti Aliidha. Artistiin maanguddoo waggaa 77 kun dhiyeenya kana Yunivarsitii Haramaayaarraa doktoreetii kabajaa argateera.
Wellisaa beekamaan kun yeroo Afaan Oromootiin dubbachuufi sirbuun hin yaadamnetti guddina afaaniifi aadaa Oromootiif nama qabsoo cimaa taasiseefi aarsaa guddaa kaffaleedha. Nutis gaafdeebii dhiyeenya kana magaalaa Jigjigaatti artisticha wajjin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Bariisaa: Bakka dhalootaafi haala barnootaa keessanii gabaabaatti nuuf ibsaamee.
Artisti Alii: Magaalaa Dirre Dhawaattin dhaladhee guddadhe. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa bakkuma dhalootaa kiyyattin baradhe. Akkuman barumsaa sadarkaa lammaffaa xumureenan sirbaatti seene. Haatiifi abbaan kiyya erga narraa du’anii booda hawwisoo Arfan Qal’oottan seene.
Bariisaa: Hawwisoo Arfan Qal’ootti akkamiin seentan?
Artisti Alii: Namni Ismaa’eel Mahaammad jedhamuufi tapha aadaafi muuziqaa Oromootiin beekamu tokkotu ture. Namni kun sirba aadaa Oromoo, Shaggooyyee jedhamus ni taphata. Akkasumas sirba cidhaa aadaa Oromoo weellisaa ture. Anis isuma fakkeenya godhadheen sirbatti seene; Hawwisoo Arfan Qalloottis makame. Yeroon sirba jalqabetti waanin walaloo hinqabneef maqaa abbaa kiyyaatiin akkas jedhee sirbuu jalqabe.
Ana Alii Shabboo, Shabboo Waddoo Umar
Umar Saalii Baroo, Baroo Burqaa irraa
Hidda lafaa qonnee dadad…jechuun.
Aniifi Ismaa’eel akka walaloo sirbaa barbaannu Abubakar Muusaa (Abbaa Walaloo)tti himne. Innis walaloo sirbaa qopheessee nuu kenne. Ismaa’eel walaloo Abubakar yeedaloodhaan miidhagsee sirbasaa jalqabaa kan akkas jedhu baase.
Ija lameen kuulaa, yaa ililii birraa
Osoo naan haasoftee sii wajjinin oolaa
Bareedduu hundarraa eessumatti walgarraa
Silaa walagarree barrisuu barraa.
Bara 1962 yeroo haati warraa Hayilasillaasee duute utuu ummatni gaddarra jiruu Abubakar ammas walaloo sirbaa nuu qopheessee weellisa ittifufne.
Walaloo waan hinqabneef sirboota Hindiifi Sudaan dhaggeeffannee yeedaloosaa gara Afaan Oromootti jijjiiruudhaanis taphanneerra. Otuma kun kanaan jiruu ijoollee Arfan Qalloofi dargaggoota wajjin qabsoo Oromoo keessattis hirmaachuu jalqabne.
Bariisaa: Sirbi yeroo jalqabaatiif sagalee ittiin qarattan kami? Sirboota akkamiis weellisaa turtan?
Artisti Alii: Sirba ‘’Asheeta Shumburaa, Ija Lameen Kuulaa’’ kan jedhamuunin sagalee qaradhe. Yeroo sana sirba kamiifuu yeedaloo anaafi Ismaa’eeltu baasaa ture. Sirboonni keenyas haala kanaan Hawwisoo Arfan Qalloo keessatti beekamaa ture. Sirboonni keenya yeroo sanaa harki caalu sirboota siyaasaa turan. kanaafis dhiibbaawwan adda addaa nurra gahaniiru.
Bariisaa: Walaloo yeedaloo sirba Sudaanirraa gara Afaan Oromootti weellistaniin keessaa nuu eeraa mee?
Artisti Alii: “Way atii way atii
Tanin jaalle atii
Eessaa baatee atii
Bareeda kee atii
Way maalii gayaa
Hayaatii hayaatii
Ahubbukii antii
Ahubbukii antii
Kahubbi lidaatii
Maa anil hayaat
Yaa ta mormin alaabaa
Sii jaallee sin dhaabaa
Si hin jibbuu, hin jibbuu hin jibbuu
Si hin jaallee akkan je’uu
Naa’aanu sa’aadaa ahbaabaa
Wa naahanulmawaadaa kullaabaa
Addub addub addubi
Si hin jibbuu, hin jibbuu hin jibbuu
Ishaa’allaah kariim
Wajjii gallaa je’ii” kan jedhuudha
Bariisaa: Kaaseettii sirba keessan jalqabaa yoom baaftan? Sirba kamiinis beekamtan?
Artisti Alii: Kaaseettii sirba kiyya jalqabaa bara mootummaa Dargiin baase. Isas Buufata Raadiyoo Harar geessee akka beekamu taasise. Kaaseettiin kiyya jalqabaa sirba:
“Qotee bulaa ammas qotee bulaa
Inni cunqurfame hundi waliigalaa
Dhugaan mirqaanfadhaa ka’aa hirribarraa
Diina tumsaa keessan ilaalaa addaan baraa
Hadhaawaa boora’aa yeroof haafakkaatuu
Dhugaan booda garuu bakkasaa hinhanqatuu
Cabanii baqanii tattaafatan malee
Haqa bilisummaa argachuun hinmallee” jedhamuuni.
Bariisaa: Sirboota meeqa qabdu?
Artisti Alii: Wallaahi! Ani lakkoofsa sirboota kiyyaa hinbeeku. Sirbi ani dhuma kana irra baase garuu akkas jedha.
“Maaliif bilisoomtiif Oromiyaa jibbanii
Qabeenyuma keenyaan kan keenya jedhanii
Jaarraa tokko guutuu sobaan jiraatanii
Aayyoo tee magartuu, abbaa keetis jagnaa
Utuu jagni jiruu gad hinjedhin diinaaf” kan jedhuudha.
Dhiiraafi shamarree walfuudhanii sireerratti walqaaneffatan ilaalchisuudhaan sirba akkana jedhus baaseera.
“Hiree walitti nu fidee
Qooda jireenyaa addaan filachuuf
Ilmaan horree bultii ijaarrachuuf
Gammannee dabarsuuf wajjin waarinsaa
Bultii qabanii taa’uun gammachuu dur hinqabnee
Kabaja mataa ofii qabanii taa’uun bultii murteessinee
Waallee ni dabartii kanaafuu bultiin mana ta’uu hubannee
Kanaafuu bultiin mana koo malee jiruun jiruun naaf hinmi’oofnee”.
Sirbi kun warri walfuudhan lamaan akka walhinqaaneffanne gochuudhaan sodaafi qaanii gidduusaanii jiru balleessa. Hawwisoowwan Oromiyaa hunda keessatti hirmaachaan ture. Ani wallee muuziqaa nan facaase malee maallaqa tokkoyyuu irraa hinarganne.
Bariisaa: Walaloo eenyufaatu isinii kennaa ture?
Artisti Alii: Maammad Qophees walaloo sirbaa baay’ee naa kenneera. Qarshii tokkollee narraa hinbarbaadu. Ani isaan baay’een boona innis anaan ni boona.
Bariisaa: Yoom, akkamitti biyyaa baatan?
Artisti Alii: Yeroo ABOn biyyaa ba’en anis karaa Jibuutii ba’e. Oromoon Jibuutii jirus haala gaariidhaan nasimate. Hawwisoon ABO, Caffee Gadaas Jibuutii ture. Anis hawwisicha waliinan ture. Yeroo sana waltajjii muuziqaa guyyaa tokkootiin hanga qarshii miliyoona sadii walitti qabaa turre. Waltajjicharratti sirba akkas jedhun sirbaa ture. Jibuutii keessatti rakkoo guddaan dabarse.
“Biyya bilisoomsuuf WBO ta’ee lolee
Sirni walabummaa ta’uu badullee
Oggaan bobbaa galuu dirree lolaa oolee
Darbee darbee isin yaaduun koo hinoollee
Ilmaan kiyya lameen, Boontuuf Magarsaa
Jabaadhaa jabeessaa barnootarratisaa
Seenaa Oromoodhaa hundumaa agarsiisaa”. Eddiin Jibuutii waggoota 10f turee booda gara Awustiraaliyaatti qajeele.
Bariisaa: Weellisummaa maddiitti hojii biraa hinyaallee?
Artisti Alii: Yaaleera malee. Fakkeenyaaf yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin beeksisa biiznasii natu hojjete. Kanaanis kaampaanota qoricha aspiriinii, pilipsii, Warshaa Sukkaaraa Wanjiitiif omishasaanii beeksiseera. Walaloon ittiin beeksisaa ture keessaa kan ittaanu ni eerama.
“Tolfamaa filamaa
Jaalatamaa namaa
Philipsii raadiyoo
Gaarii waliif himaa,
Gaarii waliif himaa
Philipsii raadiyoo Galgalaa ganamaa
Barbaaddanii hin dhabdan bakkayyuu argamaa
Philipsii dhagaa baatirii
Hundarraa beekkamee
Hammaatee hin laafatu
Sibiilaan tolfamee
Sibiilaan tolfame
Aspiroon dawaan isaa jabaa
Aspiroon bishaaniin liqimsi
Aspiroon fayyisaa dhukkubaa
Oo.. yoo mataan si dhukkubee
Dufkakaafi laydaa
Ohoo ohoo ohoo dafee si dhaqqabaa
Aspiroon aspiroon aspiroon
Wanjii sukkaar wanjii
Bunaafi hojjaa wajjiin jabeenna sii kennaa
Kuruph jedhii kuruph jedhii wanjii
Dastaa karameellaa
Karameellaa hundaa caalaa
Laalaa gaa biyya teenyaa
Alla waa mi’eenyaa
Haa bitannuu maaliif teenya
Dastaa karameellaa
Akkam bareedaa, bareeda sirraa
Hidhadhu sa’aa Ooris harkarraa
Akkam bareedaa, bareeda sirraa
Hidhadhu sa’aa Ooris harkarraa”
Bariisaa: Dhimmoota hawaasummaa biroorratti hoo hinweellisnee?
Artisti Alii: Weelliseeera malee. Keessumaa dhimmoota hawaasummaafi siyaasaan walqabatanirratti weelliseera. Walaloon kunis kanuma keessatti kan eeramuudha.
“Eessaan narraa rafaa wayii
Way waa natti hin tollee
An kiyya jaalallee,
Tokkicha koo kuullee,
Ijaan arguu dhiisii,
Hin dhageenye oduullee,
Hin dhageenye sagalee.
Fageenyaa hin dhabinaa
Yoo dhageessan oduu
Qilleensarra hafee
Dachii samii gidduu
Ciniimmuu hiikama hin qabneenin miidhamee
Seenaa narraa hin baatuu yaadaan rarraawee
Yoo kutee dhageessan haajaa xiida diroo
Liphiidha itti gartan naa tilmaamaa dhiiroo
Naasuufi gammachuun garii aada hamaa
Ambayyoo too baasaa mee nallee hin jajinaa”
Kan biraas jira. Innis kunooti.
“Ijoollee afran qalloo dardara ammaan tanaa
Ka’aa hirribarraa koottaa wal barannaa
Koottaa ni taphannaa tapha ammaan tanaa
Ka’aa hirribarraa koottaa ni bobbaanaa
Koottaa ni agarraa asumaan ol kaanaa
Koottaa ni sossoonaa waan nu boonsu goonaa
Ka’aa hirribarraa seenaa barreessinaa”
Waltajjiiliirratti afeeramee weelluu walaloonsaa kanatti aanee dubbifamu sirbeera.
“Qeerroon biyyaa yoo takka lole
Of duuba hin deebi’uu cabsee galuu malee
Aadaa isaatii duulli
Heera isaatii duuti
Dhiiga deeqqifataa dirree lolaa irratti”
Kanaafi kanneen birootiin walqabatee sirna Dargii keessa rakkoo guddaan narra ga’eera.
Bariisaa: Turtiin Awustiraaliyaa hoo maal fakkaata ree? Artist Alii: Yeroon Awustiraaliyaa dhaqes Oromootni achi jiraatan haala gaariidhaan na simatan. Mootummaan Awustiraaliyaas mana naa kenne. Qarshiis akka gaariittan argachuu jalqabe. Awustiraaliyaatti ijoolee afurin godhadhe.
Biyyattiitti nama ijoollee godhateef qarshii guddaatu kennama. Anis haala kanaanan qarshii guddaa argachuu jalqabe. Qarshiin argadhuunis ummata Oromoofi firoota kiyya gargaaruun jalqabe. Yeroo ammaa ijoollee 14n qaba. Hundisaaniiyyuu guguddataniiru. Awustiraaliyaa waggoota 19n jiraadhe. Ammas achuman jiraadha.
Bariisaa: Jijjiirama yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiru akkamitti ilaaltu?
Artisti Alii: Yeroo ammaa guutuu ta’uu baatus Itoophiyaa keessa bilisummaan ni jira. Bilisummaa dhugaan xiqqoo hinqabdu. Yeroo ammaa rirmaafi daana’oo, geergoofi qiinqinii guddina keenya duubatti deebisan dhabamsiisuurratti xiyyeeffachuu qabna.
Xiqqoo ta’ullee Oromoon bilisoomeera. Waanti guddaan yeroo ammaa nurraa eegamu tokkummaa keenya cimsuudha. Ummatnis yeroo ammaa sirriitti dammaqeera. Namni gubatee hinbeekne ibiddaan taphata. Nuti waan hunda arginee barreerra. Amma kan nubaasu tokkummaa keenya cimsachuun guddina biyya keenyaatiif hojjechuudha.
Jijjiramni Itoophiyaatti mul’achaa jiru daran nama gammachiisa. Sirbi Oromoo amma sadarkaa addunyaatti sirbamaa jira. Qabsoo hoggansi haaromsaa Doktar Abiyyi Ahmad, Obbo Shimallis Abdiisaafi Jawaar Mahaammadfaan taasisaa jiran gargaaruu qabna. Tokkummaa sabootaafi sablammoota biroo wajjin qabnus daran cimsuudhaan tokkummaafi giddina Itoophiyaatiif hojjechuu qabna.
Bariisaa: Akkamitti gara biyyaa dhuftan?
Artisti Alii: Yunivarsitiin Haramaayaa na waamnaanin dhufe. Yunivarsitichi eebba barattootaasaarratti doktareetii kabajaa naa kenneera. Doktareeticha argachuu kiyyatti hedduun gammade. Sirnicharrattis seenaa kiyya yeroo ijoollummaa kiyyaa kaasanii seenaa ani irraanfadhe na yaadachiisaniiru. Gaafa sana ana qofa osoo hintaane Oromoofi addunyaa maratu gammade.
Bariisaa: Gara fuulduraatti maal hojjechuu yaaddu?
Artisti Alii: Ummata gorsuu, barattoonni barnootatti akka ciman gorsuu, tokkummaa cimsuu. Yeroon yeroo itti waa’ee jaalalaa, nagaafi tokkummaa itti labsaniidha malee yeroo sirbaa walfixaa, walajjeesaafi diina kee barbadeessiin itti sirbamumiti. Rabbi biyya keenya akka nuuf qajeelchuufis nan kadhadha. Yaa Rabbi diina keenya ajjeesi utuu hintaane, yaa Rabbi diina keenyatti nu araarsi jennee kadhachuu qabna.
Namni kamuu balleessaa ni dalaga. Qubni keenya tokko yoo madaa’e kunnee ofirraa gatna utuu hintaane yaallee fayyifanna. Nutis abalu hattuudha, abalu kana balleesseera jennee balaaleffachuurra gorsinee deebifachuu qabna. Ammaan booda biyyaaf dalaguu malee hojii biraa hinqabu.
Bariisaa: Gara biyyaatti deebi’uu hin yaadnee?
Artisti Alii: Miilli kiyya tokko asi jira miilli kiyya biraan ammoo Awustiraaliyaa jira. Ammaan booda miila kiyya Awustiraaliyaa jiru gara biyyaatti deebisuufan jedha.
Bariisaa: Waa’ee Gaazexaa Bariisaa maal beektu?
Artisti Alii: Qabsoon koo inni duraa gaazexicha deggeruudha ture. Gaazexaan kun kan Arfan Qallooti. Bariisaan Afaan Oromootiin maxxanfamuun gaazexaa jalqabaati. Gaazexichi yeroo ammaa jijjiirama gaarii agarsiisaa jira. Kana caalaa guddachuu qaban jedha.
Natsaannat Taaddasaatiin
Suurri Gabaaboo Gabreetiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011
Hiya! I know this is kinda off topic nevertheless I’d figured I’d ask.
Would you be interested in trading links or maybe guest authoring
a blog article or vice-versa? My blog goes over a lot of the same subjects as
yours and I think we could greatly benefit from each
other. If you happen to be interested feel free to shoot me an email.
I look forward to hearing from you! Fantastic
blog by the way!
This paragraph is actually a pleasant one it helps new net viewers,
who are wishing for blogging.
Hi i am kavin, its my first time to commenting anyplace, when i
read this paragraph i thought i could also create comment due to
this sensible post.
Awesome post.
I’m not sure the place you are getting your information, but
great topic. I must spend some time finding out more or understanding more.
Thanks for excellent information I used to be on the lookout for this info for my mission.