“Sirna barnootaa naannoo keenyaa kan hinhordofne waliin araarama hinqabnu” -Biiroo Barnoota Oromiyaa

Finfinnee: Torban kana Oromiyaa keessatti manneen barnootaa dhuunfaa sirna barnootaa naannootiin ala barsiisanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jira. Kunis maatii barattootaafi daldaltoota siyaasaa biratti komii kaasuus Biiroon Barnoota Oromiyaa dhimma kanarratti araarama akka hinqabneedha kan ibsu.

Magaalota tarkaanfii fudhachuu eegalan keessaa Magaalaan Sabbataa tokko yoo taatu, Bakka Bu’aan Hogganaa Waajjira Biiroo Bornootaa Magaalattii Obbo Abarraa Dhinsaa akka jedhanitti, Sabbata keessa manneen barnootaa dhuunfaa oolmaa daa’immanii 141fi sadarkaa tokkoffaa 82 walumaagala 223tu jiru. Kanneen keessattis bu’uura sirna barnootaa Oromiyaatti barnoonni damee lamaan jechuunis, damee Afaan Oromoofi damee Afaan Amaaraatiin kennama.

Ta’us manneen barnootaa dhuunfaa bal’inaan Afaan Amaaraafi Ingiliffaa qofaan barsiisaa, Afaan Oromoo immoo akka akaakuu barnootaa tokkootti kennaa turuu eeranii, achi keessatti dhalataa Oromootiif carraan afaan ofiin barachuu kennamuu waan qabuuf kana akka sirreessaniif sochii taasifameen manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 26 Afaan Oromootiin barsiisuu eegaluusaanii ibsu.  

Akka isaan jedhanitti, kanneen ulaagaa biiroon barnootaa baasee fudhachuuf heyyamamoo hintaane ja’arratti ammoo tarkaanfiin fudhatameera. Akka qajeelfamaatti erga barataan kutaa seenee barnoota eegalee booda cufuun hindanda’amu.

Kanaafuu, bara 2011 keessa hojii to’annoofi deggarsaa marsaa lamaan kan taasifame yoo ta’u, kanaanis akeekkachisni kennamuufis sirreessuu waan hindandeenyeef cufamaniiru. Murtoon kunis sirriifi yeroosaa kan eeggateedha. Kana qofa osoo hintaane bara 2009 irraa kaasee akka sirreessaniif irra deddeebiin itti himamaa tureera.

Manneen barnootaa kunniin sirna barnootaa  naannichaa kabajuu dhiisuun ala sadarkaa taa’een ala akaakuu barnootaa kan akka Ji’oolojii, meekaanikaaliifi kkf kan barsiisan ta’uu kan himan Obbo Abarraan, kanneen cufaman keessaa shan oolmaan daa’immaniisaanii kan hincufamne yoo ta’u, tokko garuu oolmaa daa’immaniifi sadarkaa tokkoffaan isaa cufamuu addeessaniiru.

Manneen barnootaa tarkaanfii irratti fudhatame waan jedhaman yoo sirreeffatan bara 2013 hojiitti seenuu akka danda’an eeranii, bara 2012 garuu hojii baruu barsiisuu adeemsisuu hindanda’an jedhaniiru. Maatiin ijoolleesaanii achitti barsiifataa turanis manneen barnootaa naannawasaanii jiranitti akka simatamaniif xalayaan waan barreeffameef waanti isaan yaaddessu akka hinjirre ibsaniiru.

Hogganaan Ittaanaan Waajjira Barnoota Godina Arsii Obbo Adam Sayid gamasaaniin, godinicha keessa akka waliigalaatti manneen barnootaa dhuunfaa sirna barnootaa naannoon alaafi istaandaardiin ala barsiisan oolmaa daa’immanii 76, sadarkaa tokkoffaa 31fi sadarkaa lammaffaa tokko jiraachuu eeranii, kanneen keessatti hojii supparviizyinii taasifameen oolmaa daa’immanii shaniif ofeeggannoon xumuraa kennameera jedhu. Kunneen warra meeshaa barbaadamu hinguunne, bakka daa’imman itti taphataniifi mana fincaanii hinqabne ta’uu kaasanii, kana malees warri kaan kanneen eeyyama hinharomfanne yoo ta’an isaan yeroo jiru keessatti dafanii akka xumuran taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanneen sirna barnootaatiin ala barsiisanirratti ammoo sakatta’iinsa cimaa taasifameen tarkaanfiin fudhatamuu eegaluu kaasanii, baay’inni akka godinaatti jiru kan hinqindoofne waan ta’eef hojiin hojjetamu kan ittifufu ta’uu himu.

Dhimma kanarratti Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo yaada gabaabaa gaazeexaa keenyaaf kennaniin Mootummaa Naannoo Oromiyaa kanneen sirna barnootaa naannichaa hinfudhanne waliin araarama tokkoyyuu akka hinqabne hubachiisaniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

6 Comments to ““Sirna barnootaa naannoo keenyaa kan hinhordofne waliin araarama hinqabnu” -Biiroo Barnoota Oromiyaa”

  1. Pingback: Highbay
  2. Pingback: suicide bombing
  3. Pingback: webcam tokens

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *