Labsii Filannoo fooyya’eefi yaada paartiilee siyaasaa

Finfinnee: Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii ariifachiisaa 3fa, bara hojii 4fa Sambata darbe adeemsiseen Labsii Filannoo Itoophiyaa, Galmeessa  Paartiilee Siyaasaafi Naamuusa Filannoo fooyya’ee dhiyaate raggaasiseera. 

Labsicha Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaafi Diimokiraasiitiin kan dhiyaate yoo ta’u, miseensota mana marichaatiin marii bal’aan erga irratti adeemsifamee booda Labsii lakkoofsa 1162/ 2011 ta’uun ragga’eera. Labsichi lakkoofsa 164 kan qabu yoo ta’u, 149 irratti fooyyessi taasifameera.

Paartiin sadarkaa naannootti dorgomu miseensota kuma afur, kan sadarkaa biyyaalessaatti dorgomu ammoo miseensota kuma 10 qabaachuu qaba.  Namni dhuunfaadhaan dorgomu tokko  ammoo deggersa mallattoo miseensota umuriin isaanii 18 ol ta’eefi mirgi filachuu isaanii seeraan eyyamameefi bulchiinsa naannawichaatiin mirkanaa’e kuma shaniifi isaa ol dhiyeessuu qaba.  Dorgomaan dhuunfaa miidhamaa qaamaa yoo ta’e ammoo mallattoo deggertootaa kuma sadiifi isa ol dhiyeessuu qaba akka labsichi eerutti.

Paartiin siyaasaa Mana Marii bakka Bu’oota Ummataaf dorgomu tokko deggersa mallattoo miseensota kuma lamaa kanneen naannawaa filannoon itti adeemsifamu jiraatanii dhiyeessuu qaba. Mana marii naannootiif kan dorgomu yoo ta’e ammoo  deggersa mallattoo namoota kuma tokkoo dhiyeessuu qaba. Dorgomaan miidhamaa qaamaa ta’e Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatiif dorgoma yoo ta’e  deggersa mallattoo namoota kuma tokkoofi 500, mana marii naannootiif dorgoma yoo ta’e ammoo deggersa mallatoo namoota 750 dhiyeessuu qaba labsichi akka ibsutti.

Labsichi akka mul’isutti, hojjetaan mootummaa filannoof kaadhimamaa ta’ee yeroo dhiyaatu yeroo duulli nafiladhaa geggeeffamuufi yeroo filannootti eyyama mindaa malee akka argatu ni taasifama.  Qabeenyaa mootummaa kamittiyyuu fayyadamuus hindanda’u. Kaadhimamaan naannoo filannoo tokkotti dhiyaatu tokko qofa yoo ta’eefi yoo kan du’e ta’e akkaataa gabatee yeroo Boordiin Filannoo baasuun kaadhimamaa haaraan filatamee filannoon kan geggeeffamu ta’a. Namni tokko yeroo tokkotti paartii tokkoo oliif miseensa ta’uu hindanda’u.

Miseensi ykn geggeessaan paartii tokkoo barreeffamaan beeksisuudhaan miseensummaa keessaa ba’uu ni danda’a. Miseensichi kan mana maree federaalaa ykn mana marii naannoo yoo ta’e paaricha qofa osoo hintaane mana maree miseensa ta’eefis miseensummaa keessaa ba’uu isaa beeksisuu qaba. Paartii ykn manni marii xalayaan miseensummaa keessaa ba’uu isa ga’es guyyaa 15 keessatti Boordii Filannootti beeksisuu qaba. Boordichis xalayichi akka isa ga’een maqaa miseensichaa paarticha keessaa ni haqa akka labsichi ibsutti.

 Paartiin tokko ofii isaatiin ykn murtoo boordiifi mana murtiitiin guyyaa diigamee kaasee paartichi ykn hooggantoonni paartichaa maqaa paartichaatiin socho’uu hindanda’an.

Guyyaa filannoon adeemsifamu naannawaa buufata filannootti seera filannootiin ala sochii taasisuufi keessatti hirmaachuun qarshii kuma 80 hanga 100fi hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga sadiitti adabsiisa. Dhorkawwan sochii siyaasaa, filannoofi mirga paartiilee irra kan darbu yoo ta’e ammoo qarshii kuma 30 hanga 50fi hidhaa salphaa ji’a ja’a hanga waggaa tokkootti nama adabsiisa.

Durataa’aa Ittaanaa Paartii Dimokiraasii Ummattoota Walanee Obbo Faaysal Abdullaaziiz BOItti akka himanitti,  gara fuulduraatti haala filannoon dimokiraatawaan ittiin adeemsifamu barbaaduudha malee kan biraa kuffisuuf ulaagaa kan Boordii Filannoo ta’uu hinqabu. Boordiin Filannoo seera raawwachiisaadha malee seera kan baasu miti jedhaniiru.

Miseensi Paartii ‘EZEM’ Obbo Tashaalee Sabiroo akka jedhanitti, labsichi paartiilee siyaasaa hunda kan hirmaachiseefi rakkoolee duraan labsii filannoo irratti mudachaa turan kan furuudha. Seerri paartiilee siyaasaatiif kenname filannoofi dhimma filannoo irratti yaada kennuudha malee seera baasuu miti. Qabxiilee paartiileen siyaasaa fooyya’uu qabu jechuun dhiyeessan sirreessee kan raggaasisu ammoo Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa ta’uu himu.

Gorsituun Kominikeeshinii Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Sooliyaanaa Shimallis BOIf akka ibsanitti, wixinee labsii filannoo irratti qo’annoo ji’a saddeetiif taasifame irratti paartiileen siyaasaa irratti hirmaachaa turaniiru. Koreen seera wixineessus haala qabatamaa biyyaafi biyyoolessaa irraa ka’uudhaan wixineen labsichaa akka gabbatu taasifameera.  Labsichi ragga’ee utuu hinba’in duras yaadawwaniifi komiiwwan paartiileen siyaasaa fooyyessa labsichaarratti dhiyeessaa turan koree dhimmichi ilaalatuun ilaalamee akka ragga’u ta’eera jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

3 Comments to “Labsii Filannoo fooyya’eefi yaada paartiilee siyaasaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *