“Hawaasni Musliimaa cimaan bu’uura tokkummaa Itoophiyaati”- Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

Itoophiyaan seenaa guddinaafi babal’ina amantii Islaamaa keessatti biyya bu’uura ganamaa lafa keesseedha. Islaamummaafi Itoophiyaan hiriyaadha; umrii tokko qabu. Islaamummaan Makkaafi Madiinaa itti dhalate ykn kan har’a ardaa jilaa amantichaa godhamanii fudhataman kanneen dura kan inni daa’imee, tirate, jabaatee miilla lamaan dhaabbate asuma biyya keenya, Itoophiyaatti. Barreessitoonni addunyaa tokko tokko Amantii islaamaa addunyaadhaaf kan gumaache Itiyoophiyaa dha jedhu seenaa baqattoota jalqabaa(Al-Muhaajiruun) dhiibbaa  Qureeyshota Makkaa jalaa baraaruuf abbaa amantichaa kan ta’an Nabiyyuu Muhammad hordoftoota isaanii gara biyya keenyaatti erguu isaanii ibsuudhaan.

Adeemsaan garuu biyyi amantiifi lammiilee biyya ormaatiif jannata itti baqatan taate kun lammiilee isheetiif garuu mana dararaa ta’uun dukkanni gabrummaa jaarraa hedduuf irree godhatee dagaage. Afoola

Description: C:\Users\User\Desktop\Facebook\59345337_2518154551529654_7789049742507376640_n.jpg

moofawaa Abisiiniyaa bara dhufaa darbaa “Itoophiyan Odoola Kiristaanaa Galaana Islaamaafi Awaamaa (amantii-dhabeessa)tiin marfamtee (Christian island in the Ocean of Islam and Pagans)dha” jedhu lallabuudhaan seenaa dhugaa biyyattii awwaaluun akka gita bittaa isaaniitiif tolutti addunyaa dhuubaa turaniiru.

Description: C:\Users\User\Desktop\Facebook\61799870_2303132626614414_5926104203238834176_n.jpg

Akka ragaan Ejensii Istaatistiksii Jiddugaleessaa Federaalaa mul’isutti guutuu ummata biyyattii keessaa harki wayyabni walakkaatti siqu hordoftoota amantii kanaati. Kana keessaa ammoo harki guddaan Oromoodha. Ummanni Oromoo sabaafi sabalmmoota biyyaattii keessaa  baay’inaan akkuma tokkoffaa ta’e baay’ina hawaasa muslimaatiinis isa duraati. Oromoofi Islaamummaan jaarraa 13fa irraa eegalee akka walitti dhufan seenaan ni addeessa. Mootummoota Islaamaa bara durii (‘Early Muslim Sultanates’) biyya kanaa keessaa kanneen akka Shawaa, Baallii (Baalee), Shirkaafi Dawwaaroo-naannawa Godina Arsii lafa Oromoorra kan turaniifi hawaasuma kanaan kan bu’uureffamanii

dha.

Bara jiddu-galeessaa qorattoonni seenaa “Medival Period” jettuun keessatti yemmuu addunyaan impaayeroota amantii bu’uureffatanii gulantaa lamatti walqooduun biyya lafaa kana goolan keessatti Oromoon Sirna Gadaasaatiin nagaafi jaalalaan qe’eesaatti jiraata ture. Dhawaataan garuu dhiibbaa humnoota abbaa irree yeroo Sanaa “The Roman and the Ottoman Empire” jalaa bahuu hindandeenye. Giti bittaan kallattiilee lamaan, kibba bahaafi kaabaan itti aggaamame kunis amantii Kiristaanummaafi Islaamummaa daboollattee eenyummaasaa isa ganamaa ukkaamsuudhaan  biyyumasaa irratti gabra taasise. Kanarraa kan ka’e ummanni guddaan Gaanfa Afrikaa hortee tokkorraa madde kaampii ormaa lamaanitti qoqqoodamuun alagaa walitti tahe. Mootummoonni biyyattii jaarraa 15fa irraa kaasee hamma dhiheenya kanaatti aangoorra turanis hacuuccaa kana waliif dhaamuun gadadoo ummatichaa hammeessaa turaniiru.

Akkuma beekamu cunqursaan ummata keenyarra gahaa ture dachaadha; cunqursaa sabaafi gita. Oromoon eenyummaa sabummaasaarra darbee amantii hordofuunis mirgisaa dhiitamaa ture. Hacuuccaan ummata keenyarra gahaa ture dhumaatii jumlaa (‘genocide’) amantiitiini kan inni eegale; Oromoo Walloo akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. Bara Minilikis Oromoonni Arsiifi Harargee gabrummaa eenyummaa sabummaafi amantii isaanii sarbuuf itti dhufe ofirraa faccisuuf aarsaa seenaan yaadatu sana kanfalaniiru.

Gaaffiiwwan mirgaa hawaasi gama kanaan kaasu sirni fiwudaalaa hamma bara Atsee Hayilasillaaseetti ukkaamsuu ittuma fufe. Heerri maqaadhaaf yeroo sana bahes fedhii gita bittootaa qofa guutuuf kan bocameedha. Mootummaan dargii sana booda dhufe ammoo tasumaa beekkamtii dhoowwachuun amantiilee jiran daranuu hacuucuutti gale. Qabsoon waggoota dheeraaf lammiileen biyyattii kabajamuu mirgoota kanneeniitiif taasisan firii buusuu kan inni jalqabe heera mootummaa kufaatii Dargii booda bara 1987 ragga’eeni. Haa ta’u malee kunis murna aangoo siyaasaarratti olaantummaa qabaachaa turaniin raawwiinsaa dabee lammiilee hedduu hidhaafi ajjeechaan akka irra gahuuf sababa taasiseera.

Seenaan kun garuu waggaa tokkoo as yeroo duraatiif bifa argamee hinbeekneen seeneffama(‘rhetoric’) biyyattii hundeerraa geeddare. Oromoon gara aangootti dhufuun wabii sabaafi sablammootaa qofa osoo hintaane walqixxummaa amantiiwwan gara garaas akka tahe qabatamaan mul’ise. Oromoon amantiisaa namarratti hinfe’u, Oromummaas sirna madaqsuu (‘assimilation’) garaagaraatiin eenyulleen fedhiifi fedhii isaatiin qofa akka itti makamu taasisa malee dirqiidhaan “har’aa qabee ati Oromoo dha”  jedhee hin labsu. Kun safuudha.

 Doktar Abiyyi Ahmad ministira muummee tahuun erga gara aangooti dhufanii booda murteewwan jajjaboo barsiifatawwan boodatti hafoo siyaasa geeddaruun hafuura bilisummaa nutti urgeessan. Kanneen keessaayis rakkoolee amantaawwan keessaafi waliisaanii gidduu jiru akkasumas hariiroo mootummaa wajjiin jiru irratti ejjennoo mootummaa sirreessuudhaan gara tokkummaafi jaalalaatti akka cee’an jajjabeessan. Jaarmayaa Majlisaa kan hawaasa muslimaa biyyattii bakka bu’e rifoorm akka godhamu koree cimaa biyyoolessaa ijaaruun haaromsa amantii Islaamaa keessatti eegalan. Haaluma walfakkaatuun amantaa Ortodoksii keessattis wal dhabdee abbootii amantaa gidduu ture furuudhaan tokkummaa gamana jiru gamasittis akka dagaagu raajii guddaa hojjetan.

Hirmaanaa cimaa fi jaalala fulla’aa hawaasa Muslimaatiin ala biyya kana ijaaruus ta’e nageenya waaraa fiduun akka hin danda’amne kan hubatan Dr Abiyyi garaagarummaa abbootii amantaafi hoggansa majlisaa duraanii gidduu jiru furuuf obsaan baatiiwwan sagaliif deeggaraa dhumarratti seensa baatii Ramadaanaa irratti milkiin xumuruun oduu injifannoo qabsoo hawaasi muslimaa jaarraa hedduuf dheebote milkiidhaan akka xumuramu taasisaniru. Waliigalteen, araarriifi jaalalii guyyaa hundeeffama majlisa Haaraa Muftii Duree Haaji Umar Idriisiin hogganamu irratti labsame jaalala hardha ayyaana Iid Al-faxir tokkummaa ajaa’ibsiisaatiin kabajameef bu’uura ol’aanaa ture. Hafuurri tokkummaafi araaraa kuni hordoftoota amantichaa bira darbuun warreen amantii biro hordofan biras gahuun guutuu biyyattii wadaroo jaalalaa haaraadhaan walitti hidhe. Injifannoon guddaan cululuqaan hoggansa ilma Abbaa Gadaatiin arganne kuni “Injifannoo waggaa dhibbattuu hin argannee dha” jedhan Ustaaz Abuubakar Ahmad, miseensa koree haala mijeessituu hundeeffama majlisa haaraa. Tokkummaan Oromoo tokkummaa amantaalee biyyattii dhugoomsuu keessattis wabii  guddaa akka tahefi kabajni ayyaana Iidaa agarsiiftuu ol’aanaa ta’ee mul’ateera. Hawaasi Muslimaa magaalaa Finfinnee baay’ina Kanaan dura argamee hin beekneen miliyoonaan bahee yeroo jalqabaatiif ayyaaneffachuu danda’eera. Waggoota dhibba hedduufis hafuurri jaalalaa yeroo duraatiif qilleensa guutuu Itiyoophiyaatti qilleensa’ee addunyaan akka bara Nabiyyuu Muhammad sanatti akka nu raajeffatu dirqeera. As keessatti obbolummaafi jaalalli addaa hawaasni obbolaa hordoftoota amantaa biraa mul’isan ammoo aduurra ifee akka mul’atu taasiseera. Galata addaatu isaaniin mala. Kana kunuunfatan eeggachuun ammoo ergama dhaloota haaraati.

Waaqayyo Itoophiyaafi Ummattootashee haa eebbisu!

IID MUBAARAK!

Hamiltan Abdulaziz

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

372 Comments to ““Hawaasni Musliimaa cimaan bu’uura tokkummaa Itoophiyaati”- Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad”

  1. Ozempic without insurance [url=https://ozempic.art/#]ozempic online[/url] ozempic coupon

  2. buy semaglutide online [url=http://rybelsus.shop/#]rybelsus coupon[/url] semaglutide online

  3. пин ап казахстан [url=http://pinupkz.tech/#]пин ап казино[/url] пинап казино

  4. пин ап казино вход [url=https://pinupkz.tech/#]пин ап казахстан[/url] пин ап казино онлайн

  5. пинап казино [url=http://pinupru.site/#]pin up зеркало[/url] пин ап

  6. ed drug comparison [url=http://drugs24.pro/#]over the counter ed remedies[/url] best ed pills

  7. mail order pharmacy india [url=http://indianpharmdelivery.com/#]pharmacy website india[/url] pharmacy website india

  8. stromectol lotion [url=http://stromectol1st.shop/#]cheapest stromectol[/url] minocycline 100 mg otc

  9. buy clopidogrel bisulfate [url=http://clopidogrel.pro/#]best price on generic[/url] buy plavix

  10. Cost of Plavix without insurance [url=http://clopidogrel.pro/#]best price on generic[/url] antiplatelet drug

  11. clopidogrel bisulfate 75 mg [url=http://clopidogrel.pro/#]here[/url] Clopidogrel 75 MG price

  12. paxlovid cost without insurance [url=https://paxlovid1st.shop/#]paxlovid price[/url] paxlovid india

  13. пин ап зеркало [url=http://1winci.icu/#]пинап зеркало[/url] пин ап

  14. пин ап казино [url=http://1winindia.tech/#]пин ап казино вход[/url] пинап

  15. пин ап зеркало [url=https://1winci.icu/#]пин ап зеркало[/url] пинап зеркало

  16. пин ап официальный сайт [url=https://1winci.icu/#]пин ап зеркало[/url] пин ап вход

  17. 1xbet официальный сайт [url=http://1winrussia.online/#]1хставка[/url] 1хставка

  18. india online pharmacy [url=http://indianpharm1st.com/#]reputable indian online pharmacy[/url] online shopping pharmacy india

  19. best online pharmacy india [url=https://indianpharm1st.com/#]indian pharmacy paypal[/url] best online pharmacy india

  20. reputable mexican pharmacies online [url=http://mexicanpharm1st.com/#]mexican drugstore online[/url] purple pharmacy mexico price list

  21. Официальный Сайт [url=https://pinupzerkalo.fun/#]пин ап зеркало[/url] Официальный Сайт

  22. sweetbonanzatrpro [url=https://sweetbonanzatr.pro/#]sweetbonanzatr.pro[/url] sweet bonanza oyna

  23. пинап казино [url=https://biznes-fabrika.kz/#]pin up kz[/url] пин ап казино

  24. mexican drugstore online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican drugs[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  25. mexican rx online [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharmacy[/url] mexican drugstore online

  26. Online medicine order [url=https://indianpharm24.pro/#]medicines from India[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  27. amoxicillin without a doctor’s prescription [url=https://pharm24.pro/#]cheap prescription drugs[/url] buy ed pills online

  28. mexican online pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexican drugs[/url] mexican border pharmacies shipping to usa

  29. medication from mexico pharmacy [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy cheap[/url] reputable mexican pharmacies online

  30. mexican mail order pharmacies [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]Legit online Mexican pharmacy[/url] best online pharmacies in mexico

  31. slot siteleri [url=https://slot-tr.online/#]slot oyunlar? puf noktalar?[/url] en cok kazand?ran slot oyunlar?

  32. slot oyunlar? [url=http://slot-tr.online/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] en kazancl? slot oyunlar?

  33. guvenilir casino siteleri [url=http://casinositeleri.win/#]Casino Siteleri[/url] Canl? Casino Siteleri

  34. guvenilir casino siteleri [url=http://casinositeleri.win/#]Casino Siteleri[/url] guvenilir casino siteleri

  35. buy kamagra oral jelly Kam Pharm [url=http://kampharm.shop/#]kamagra[/url] buy kamagra oral jelly Kam Pharm

  36. buy ed pills [url=https://erepharm.com/#]ED meds online with insurance[/url] ED meds online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *