Hariiroo dippilomaasii milkaa’aa ardii Eeshiyaatti qaari’e

Finfinnee: Ministirri muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad eddii gara aangootti dhufanii haala kanaan dura dursitoota Itoophiyaatiin hinbaramneen yeroo gabaabaa keessatti biyyoota heddu biraa gaaffiin na daaw’adhuu dhiyaachaafii jira.

Bardheengaddaa yeroo kana biyya ollaa kan taate Ertiraarraa eegalanii biyyoota Afrikaa biroo darbees Ameerikaa, Awurooppaa akkasumatti biyyoota Arabaatti walduraa duubaan daaw’annaa milkaa’ina qabu taasisanii turuunsaanii ni yaadatama.

Daaw’annaasaanii kanaanis lammiileefi dhalattoota Itoophiyaa dhimma biyyasaaniirratti falaasama ida’amuu, dallaa jibbiinsaa diiguun riqicha jaalalaa ijaaruu jedhuun mariisisanii walshakkiifi walgaarreffannaan ture akka karaatti deebi’u taasisaniiru.

Doktar Abiyyi oggaa biyyoota adda addaatti daaw’annaa taasisan akkuma jechama “Dhagaa tokkoon simbira lama” jedhamu san lammiilee biyyattii sababoota gara garaatiin manneen hidhaatti gidiraa argaa turan hiiksisanii xiyyaara ofiitin fidanii dhufuufi kanneen dhokkubsatan gaafachuun gocha sadarkaa hoggansa biyya kanaatti raawwatamee hinbeekne raawwataniiru. Kanaanis qalbii ummata biyyattiifi addunyaa hawataniiru. Biyyoonniifi dura bu’oonni biyyootaas gochootuma isaan araara buusiifi dhiifamaan raawwatan dinqisiifachuun akka daaw’annaaf isaan afeeraa jiru.

Bu’uuruma kanaan tibbanas biyyoota Eeshiyaa lamaan teknolojiidhaan daran badhaadhan, Kooriyaa Kibbaafi Jaappaanitti guyyootaaf daaw’annaa taasisaniiru. Daaw’annaasaanii kanaanis dura bu’ootaafi ittigaafatamtoota dhaabbilee adda addaa wajjin dhimmoota gara garaarratti mari’ataniiru.

Daaw’annaa Kooriyaa Kibbaatti taasisaniin pirezidaantii biyyattii, Muun Jee’iin akkasumas pirezidaantii Baankii Egziimiifi ittigaafatamtoota hojii kaampaanota adda addaafi sagantaa afeerraa irbaataarratti lammiilee Itoophiyaa wajjin mari’ataniiru. Marii lammiilee Itoophiyaa wajjin taasisaniin lammiileen bakkuma jiran taa’anii falaasama ida’amaatiin biyyasaanii akka utuban gaafataniiru.

Doktar Abiyyi daawa’annaasaanii kanaan bakka awwaalchaa lammiilee Itoophiyaa wayita lola Kooriyaa aarsaa ta’an itti awwaalaman abaaboo yaadannoo kaa’aniiru.

Dhaabbata saayinsiifi teknolojiis daaw’atanii hojmaatasaarratti ibsi kennameera. Dhaabbatichi ammaan tana Yunivarsitii Saayinsiifi teknolojii Adaamaa wajjin hariiroo qaba. Dhaabbanni akkanaa Itoophiyaatti hundeeffamuu akka barbaadanis ittigaafatamtoota dhaabbatichaatti himaniiru.

Marii Baankii Egziim wajjin taasisaniinis pirojektonni adda addaa doolara miliyoona 600m baasan hojjetamaa jiraachuun ibsameera. Kaampaaniin Saamsaangi Itoophiyaatti akka invasti godhuufis Doktar Abiyyi pirezidaantii dhaabbatichaa gaafataniiru.

Marii pirezidaantii biyyattii wajjin taasisaniinis biyyoonni lameen dhimmoota afur jechuunis eegamsa naannawaa, saayinsiifi teknolojii, komishinii ministirootaa waajjimmaa hundeessuufi kenniinsa tajaajila viizaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Itoophiyaafi Kooriyaan ALA bara 1963 hariiroo garlamee kan eegalan yoo ta’u, garee jilaa kanaaf Kooriyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Shafarraa Shigguxee lammiilee Itoophiyaa achi jiraatan wajjin ta’uun simataniiru.

Haaluma walfakaatuun daaw’annaa Jaappaanitti taasisaniin dhaabbilee adda addaa kan daaw’atan yoo ta’u, yaa’ii Tiikaad 7 irrattis gitasaanii Shiinsoo Abee wajjin hirmaataniiru. Kaampaaniin Tooshibaa Itoophiyaa dhufee damee anniisaa ji’ootarmaalirratti akka hirmaatu afeeruusaanii odeeffannoon Waajjira Ministira Muummeerraa arganne ni ibsa.

Oduudhuma walqabateen Doktar Abiyyi Ahmad afeerraa gitasaanii Beeniyaamiin Neetaaniyaahuurraa dhiyaateefiin boru Israa’el akka daaw’atan Embaasiin biyyattii Itoophiyaatti argamu feesbuukiisaarratti kan ibse yoo ta’u, sagantaa kanaan qondaaltota biyyattii wajjin akka mari’ataniifi dhaabbata saayibarii ittisaa biyyattii dabalatee dhaabbilee adda addaa akka daaw’atan ibsameera.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

9 Comments to “Hariiroo dippilomaasii milkaa’aa ardii Eeshiyaatti qaari’e”

  1. Pingback: dultogel
  2. Pingback: slot99
  3. Pingback: chat sites

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *