Akkamiif attamitti jirtu. Torban gaarii dabarsinee akka walitti deebine nan abdadha. Jirtuu garuu? Sa’aa namni alaa manni, maatii waatiin nagumaa?
Amma kunoo sa’aatiin isin wajjin haasa’aa jiru kanatti magaalaa Shaambuu keessan asiif achi shaa shambaa jechaa olee dadhabee jennaaniin mee xiqqoo ishee boqo’a je’ee sireekoorra ciise. Akkuman xiqqooshee ciiseen hiriyaankoo Ba’aatuu je’amtu a’aa bittaa jettee sireekoo reebdee nadammaqsite. Animmoo ofiikoo’aa duwwaa otoo hinta’in Aabbaafaatu a’aa baay’ee baa’eefii akkan ufuuf bilbilanii na akeekkachiisaniiru. Egaa hammana magaalaa Shaambuu keessa jiraachuukoo yoon isin beeksise amma immoo waanin magaalaa sana keessaa taajjaben tokko tokkoon isiniif tarreessa jechuuf jedheen waayeen magaalattii tarreeffamees ta’ee barreeffamee dhumuu waan hindandeenyeef waanuma muraasan keessaa isiniif kaasa.
Magaalli Shaambuu magaala goototni akka Hayiluu Garbaabaa keessaa bahaniidha. Hayiluu Garbaabaa jechuun nama cimaa hiriyaa Hayilee Fidaafaa tureefi qabsoo ummata Oromoo keessatti iddoo guddaa qabu ta’uu namoonni baay’een dhugaa ba’uufi. Namni kun bara jaatamoota keessa yeroo barattoonni hiriira bahanii lafti qoteebulaaf haakennamu jedhanii bahan sanitti warroota adda durummaadhaan bahan keessaa isa angafaa ture. Hayiluun kun kan biraa haa hafuutii gootummaa keessa darbee nama harreetti uffata guutuufi karabaatii uffisee masaraa motummaa galchee ciigoodhaan mootummaa Haylasillaasee arraabse ture. Garuumee namni kun hammam cimaafi nama kaayyoo ta’uu isaa kan irraa hubannu ta’uu isaa nuuf barreeffamee kaa’amuu dhabuun isaa hammam akka seenaadhumti kaleessaa fagoo nutti ta’ee jiru hubanna.
Ajaa’iba! Harreetti uffata guutuu uffisuu. Ofii akkamumatti safareet harreedhaaf uffata suufii isheedhaaf ta’u ho’isiiseefi? Suufii’umti inni ho’isiiseef sunhoo isa akkamiiti. Silas bareedinnaanis ta’ee qulqullina isaatiin kan Haylasillaaseen uffaturraa waan gadi aanu natti hinfakkaatu. Maaliif jennaan jaarsicha isa kanaan ciigoodhaan xuquudhaaf karoorfame waan ta’eef. Jaarsimmoo yeroo baay’ee uffanni isaan uffatan kan biyya Ingiliiziifaatii dhufu waan ta’eef baay’ee mi’aa ta’uu mala. Ani amma kana taa’ee yommuun yaadu suufii miti karavaatii’umti harrettii sanirratti hidhame yoona kana gatiin isaa ana kana irraa jala na uffisuu danda’a ta’a. Ayii yaa Hayiluu Garbaabaa! Achiin boodahoo akkamittiin itti uffisan laata? Harrettiinhoo ani waan akkanaa hin raawwadhu jettee diduu dhiisuun isheeyyuu qabsoo bara sanii keessaa harka qabaachuu malti. Kana jechuun hacuuccaa bara sanii san namaa miti belladoonniiyyuu mormaa turan jechuu dandeenya.
Egaa magaalaa goonni akka Hayiluu Garbaabaa keesssaa bahe keessaan jira. Mee turaa gaabiin miilakootti uffadheeru waan narraa bu’eef uffadheen isinitti deebi’a. Hammasitti waan ajajattan dhugaa. Yookiin immoo qaama keessan sosochoosaa. Maal egaa akkuma maas ispoorii magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee keessatti labsamee sana ji’a ji’aan malee ispoortii kana hojjechuuf fedha hinqabdan moo? Lakkii yaajarana ispoortiin baay’ee nubarbaachisa. Haasaatti qabameen gaabicha tursiisee kunoo miillikoo nahadoodee sochoosuun dadhabe.
Yaa qorra Shaambuu! Tibba kanammoo namni kamiyyuu yeroodhaan gara mana isaa galee ciciisa. Kanumarraa kan ka’ee yeroodhuma sa’aatii tokko ta’u magaalattiin akka waan nama tokko of keessaa hin qabneetti onti. Umurii komaandi poostii haadheeratuutii waan baay’een taajjabaa jira. Umriin komaandi poostii haa dheeratuun jedheeyii? Maaloo maaloo maaloo… waanti akka nageenyaa barbaachisu jiraa laata? Ani gamakootiin nyaata, mana jireenyaafi uffatatti aansee nageenyan hawwa malee waan biraa hin hawwu. Nageenyi yoo jiraate misoomni jiraata, nageenyi yoo jiraate dagaaginni jiraata, nageenyi yoo jiraate qabeenya umamaas ta’ee namtolcheetti dhimma baanee ofis ta’ee biyya keenya hiyyummaa keessaa baasuu dandeenya.
Maarreekaa magaalli Shaambuu kan akkas qorritu kun sababa komaandi poostiitiin ittuu diilallaa’uun ishee ana akka nama tokkootti nagaabbisiisus akkuma waliigalaatti ummanni biyyattii nimiidhama. Ummanni miidhame jechuun immoo biyyis akkasuma miidhamuun ishee waan ooluu miti. Erga hoteelli ishee sa’aatii muraasa booda ‘mashataa’ gurgurachuu hindandeenyee, erga namni sa’aatii barbaadetti akka garaa isaa keessa deemee bashannanee akka fedha isaatti bakka yaada isaa gahuu hindandeenyee. Erga kan bitu bitatee kan gurgurus sa’aatii barbaadetti gurgurachuu hindandeenyee, erga konkolaachisaan osuma karaa deemuu itti galgalaa’ee sa’aan kudha lama guunnaan qorra nama kotteessu san keessa keellaarra bulee… guddinni nuti hawwuuf deemnu akkamitti dhugoomuu danda’aree? Kanaaf ani akka nama tokkootti nageenyi waaraa ta’e magaalattii keessatti bu’ee namni jireenya isaa isa idilee deebi’ee magaalli qorrituun kun akka oo’itun fedha.
Kan biraa wanti nagubee nawaxale magaalattiin magaala badhaatuu magaalotan hamma yoonaa arge keessaa haala taa’umsa isheetiin soorettii ta’uu dandeessuudha. Maali magaalli haalli taa’umsa ishee akkanatti bareedu? Gaara gara dhiha magaalattiitiin jiru tokkorra dhaabattanii yommuu ilaaltan waanuma ajaa’ibaa argitu. Magaalattiin gaarreen baay’ee yommuu ilaalamaniiyyuu akkasumaan nama hawwataniin kan maarfamte yommuu ta’u, gaarreen kana jala bishaan guddaan akka haroo tokko ciisee argama. Osoo silaa magaalli kun hamma yoonaatti qaama ishee daaw’atu qabaattee yoona kana hawwata turiizimii ta’uurra darbee giddu gala guddaa ta’uufis carraan ishee olaanaadha.
Lafa silaa turistii irratti wal nyaatu ta’uu dandeessi ture. Maal qabamee osoon torban tokkoof gaggeessaa waajjira aadaaf turuzimii godinichaa ta’ee… silaa wanin godhu anumatu beeka. Kan biraa immoo haalli qilleensa isheefi kan Boqojjii garaagarummaa waan tokko waan hinqbneef carraan isheen giddugala atileetikiisiis ta’uu itti dandeessu laayyoo miti. Qilleensa akkanaa barbaacha eessaa ka’anii namoonni dhufan akka wanti shakkamu hinjiruuyyu silaa. Ammas osoon komishinarii komishinii ispoortii ta’ee waanin godhu beeka jechuuf jedheen edaammoo aangoo barbaacha lubbuu dhabuunuu jira jedheen yaadakoo deebisee liqimse.
Quruxmmiidhumti hara san keessaa haramu silaa ummata Finfinnee mitii ummatuma biyya keenyaa guutuu sooruu hindanda’uu? Qurxummii jennaanin tibba darbe yeroon Finfinnee ture tokkon ijoolleekootiif foon qurxummii bituuf ‘supparmaarketii’ tokkoon lixe. Yoonakaa foon qurxummii gosa adda addaa tarree galee jiru argee isaan keessaa kan qalbiinkoo najaalatte keessaa fudhadhee herreegasaa kafaluuf deeme. Yoona kana gatiin isaa kanin ani yaadeen dachaa ta’e. Nan rifadhe. Maaliif jennaan foon qurxummichaa biyya alaatii sharafa biyya alaatiin dhufe. Yoona nan aare. Dafeen isa dhiisee kanuma biyya keessaa fudhadhee ijoollee kootiif bitee gale. Egaa argituu kan qabnus biyya alaatii fichisiisaa jiraanna. Akkamittiin guddannaree?
Torban torban hoosee isiniif haata’u jechaa yaada qabdan karaa email kelbemeg@gmail.com naaf barreessuu dandeessu.
Qalbeessaa Magarsaa: Barnoota Gaazexessummaatiin
maastarsii qaba. Barreessaa, Daarektaraafi
Piroodiwusarii diraamaati.
kelbemeg@gmail.com
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011
5 Comments to “Fira gaafa golfaa alagaa gaafa kolfaa”