Doktar Abiyyi ji’oota 17 keessatti badhaasota 13 hammaarratan

“Itti diiganii dhahuun; callaafi cidii gargara baasa. Horfi horfinee ilaallaa horfootu lootuu balleessaa. Itti dhiiganii fidanii lubbuu danuu kaffalan aarsaa, itti hinlaafinaa jabeessaa gatii qabsaa’ota kaleessaa” jedhe weellisaan.

Lammiin barootaaf dhiigaa, mankaraaraa, hidhaafi hacuuccaan dararama jala ture kan diigamuu qabu diigee, lootuu horfee dhabamsiisee, aarsaa dhiigaafi lubbuu hadhaa’aa kaffaluun hayyu duree ijaafi keessoo saba bal’aa ta’e aangootti ol baafachuu kan danda’e yoo ta’u, innis Ministira Muummee Itoophiyaa, Doktar Abiyyii Ahmadi.

Gahumsi hoogganummaa Doktar Abiyyi galmeessisaa jiran Itoophiyaa laaqiifi dhiittaa mirgaa keessaa baasee dirree dimokraasiitti kan baase yoo ta’u, sagaleen saba bal’aa jaarraawwan hedduuf hacuuccaa sirnaan ukkaamfamee ture dhohee akka bahu taasiseera.

Kan sagaleensaa ukkaamamee tures asin jira jechaa sagaleesaa dhageessisaa hudhaa kokkeesaa baafachuun mirgiifi fayyadamummaansaa  kanaan dura jalaa sarbamee ture akka kabajamuuf haalli mijataan uumameera.

Hamattuun waan feete jettus gahumsi hoggantoonni haaromsaa qabatamaan agarsiisaniifi galmeessisan Itoophiyaarra darbee nageenya Afrikaa Bahaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa taphataa jira.

Keessumaa tarkaanfiin  Doktar Abiyyi waldhabdee Itoophiyaafi Ertiraa jidduu ture furuuf fudhatan hawaasa addunyaa biratti fakkeenyummaan eeramaa  jira.

Itoophiyaatti jijjiirama waaraa fiduuf meeshaa waraanaa akka furmaataatti fudhachuun sirrii akka hintaane kan amanu mootummaan haaromsaa Itoophiyaa, eddii falaasamni yaada mo’ataa lafa qabachuu eegalee Itoophiyaan boquushee ol qabattee akka deemtu karaa saaqeera.

Fakkeenyummaan mootummaa haaromsa Itoophiyaa caalmaa yaadaatiin deeggaramu kun biyyarra darbee nageenya Afrikaa bahaatiif  furtuu ta’ee tajaajilaa jira.

Haata’uutii namoonni caalmaa yaadaatti hinamanneefi karaa qaxxaamuraatiin seermaleessummaa babal’isuun dirree dimokraasii dhabamsiisuu barbaadaniifi walqixxummaa sabootaafi sablammiileetti hinamanne  tokko tokko sirna tarkaanfachiisaa kana jalaa miila butuuf otoo wixxirfatanii mul’atu.

Mootummaan haaromsaa  Doktar Abiyyii Ahmad hogganamu yaada tarkaanfataa biyyaafi addunyaa jijjiiru diriirsuun aadaa waraana jaalalaan  injifachuu hojiitti hiikuunsaa beekamtiinsaa akka dabalu godheera.

Kanumarraa ka’uunis Doktar Abiyyi Ahmad ji’oota 17 aangoo qabatan keessatti hojiilee fakkeenyummaan eeraman waan raawwataniif beekamtiifi badhaasawwan gonfataniiru, argataniiru.

Mootummaa haaromsaa Doktar Abiyyiin durfamu bu’aa aarsaa hadhaa’aa wareegama qaalii lubbuufi dhiigaan argame waan ta’eef isaanis dadhabe, nuffe osoo hinjedhiin sa’aatii 24:00 hojjetaa jiru.

Karoorriifi raawwiinsaanii walsimataa waan ta’eef akkasumas kallattiin siyaasaa diriirsan hirmachisaa ta’uusaatiin ijjiifi gurri hawaasa addunyaa gara Itoophiyaatti akka garagalu godheera.

Kanaanis qondaaltota akka addunyaatti karoorriifi raawwiinsaanii walsimateefi milkaa’aa galmeessisan keessaa Doktar Abiyyi  tokko ta’uun hanga Roobii darbeetti badhaasawwan 13 dhuunfataniiru.

Haaluma kanaan badhaasonni 1. African Garand medal, 2. Golden Plate Award, 3.African leader ship magazine person of the year,4.Chatam House,5.UNESCO peace Prize,6. Katarian Award, 7. Peace National Award UAE, 8. Peace Prize process Award,9. Nish an Award From Saudi Arabia, 10.PHC Leader ship One by one,11. Media House Award,12. World Tourism Award fi 13. Hessian Peace Award kanneen jedhamaniidha.

Injifannoo cululuqaa Doktar Abiyyi gama siyaasaa, hawaasummaafi dinagdeetiin agarsiisaa jiran akkasumas nageenya waaraa biyyasaaniifi ollaasaanii qabatamaan mirkaneessuuf yeroo gabaabduu aangootti dhufan kana keessatti galmeessisan badhaasota kanneen akka guurratan maqaan Itoophiyaas ol ka’ee akka waamamu taasiseera.

Hoggansi  Doktar Abiyyi Itoophiyaaf boqonnaa haaraa ta’ee tajaajiluu kan eegale yoo ta’u, saboonniifi sablammiileen kanaan dura mirgisaanii jalaa ugguramaa ture sagaleensaanii akka dhagahamu haala kan mijeesseedha. Isaan rakkoo Itoophiyaan itti jirtu hiikuun ala Afrikaaf akkasumas ardiilee birootiif nama wabii dhaabatu akkasumas nama dubbatee amansiisuudha.

Akka falaasama Kaarli Maarkisitti bakka namni jiru walitti bu’insi jira. Bakka walitti bu’insi jiru jijjiiramni jira. Jijjiiramni Itoophiyaa keesstti galmaa’aa jirus hudhaaleedhaan qoramaa galmaa’aati kan jiru.

Qormaatichi ololawwan keessootiin kan ibsamuudha. Ololtoonni dirree dimokraasii bal’ateef dahoo godhachuun harqoota gabrummaa akkoofi akaakayyuunsaanii lammiileerratti fe’aa turan deebisuuf kanneen wixxifatan yoo ta’u, jaarraa 21fa kana keessa ilaalcha akkasii gudunfatanii mootummaa haaromsaa  tarkaanfataa faana dorgomuu dadhabuurraa kan maddedha.

Humni harcaatuufi mufataan imalicha gufachiisuuf shira xaxus deeggarsa sabootaafi sablammiilee waan hinqabneef wixxifannaansaanii eessayyuu hinga’u.

Ta’us shira xaxamu akka laayyootti ilaalanii bira darbuunis sirrii miti. maayii hinbaasu jedhanii salphaatti ilaaluun sirrii waan hintaaneef olaantummaa seeraa mirkaneessaa deemuun xiyyeeffannaa argachuu qaba. Ummanni bal’aanis kana keessatti qoodasaa bahachuu qaba.

Qaamoleen shira xaxanii jijjiiramicha laamshessuuf mirga argataniin dahatanii socho’aa jiran sirna federaalizmii walqixxummaan sabootaafi sablammiilee mirkaneesse diiguun bulchiinsa gabroomfataafi dulloomaa leellisaa jiran waan ta’eef kichumatti adabadhu, jedhamuu qabu.

Akkuma “Mimmixni harkaan dhaaban deebitee nama gubdi” jedhamu san warreen har’a Itoophiyaaf nutu beeka jechuun nageenya biyyittii booressuuf akka saree maraatuu olii gadi fiigan warra kaleessa biyyaa ari’ataman, hidhamanii turaniifi qabsoo mootummaa haaromsaa kanaan kanneen ijjisaanii banameedha.

Namni jaalala biyyaa qabu akkasumas qabsoo dimokraatawaa taasisuuf gahumsa qabu caalmaa yaadaatiin mo’ee argamuu osoo qabuu ilaalcha boodatti harkisaafi waanjoo gabrummaa deebisanii boquu sabaaf sablammiileerratti fe’uuf yaalii taasisaniin nageenyi lammiilee yaaddoo keessa akka galuuf sababa ta’aa jiraatanillee hojii fakkeenya gaarii Doktar Abiyyii Ahimad addunyaa ajaa’ibsiisee badhaasota isaan gonfachiise fa’iin waaroo salphinaa uffachuunsaanii hinoolu.

Keessumattuu aadaa tola ooltummaa gabbisuuf sosochi biqiltuu dhaabuu, naannawa qulqulleessuu, mana dadhabaa ijaaruu, dhukkubsataa gaafachuu hariiroo biyyoota ollaa si’ataa taasisuuf hojii isaan hojjechaa jiranis harkatti busheessuuf yaalii harcaatonniif booddeetti harkistoonni taasisaa jiran waljalaa waan cime fakkaatus haalichi kan fashalaa’u irree tokkoomeen waan ta’eef saboonni cunqurfamoon shira kanarratti dammaquu qabu.

Doktar Abiyyi hoogganaa ciccimoofi qaarisiisanii yaadan addunyaan qabdu keessaa isa tokko ta’uusaanii hojiin harkasaanii qabataaan lafarratti mul’achaa jiru kan ragaa bahuuf yoo ta’u, addunyaan bu’a qabeessummaasaanii arge gahumsa hooggantummaa isaan agarsiisan hubachuun badhaasota adda addaa isaan gonfachiisaa jira.

Lammiin biyyaas kana hubatee warreen imala Doktar Abiyyi gufachiisuuf  abjootan beekumsa mitiitii hamilee ittiin isa tumsan tokkollee of harkaa akka hinqabne akka beekan itti agarsiisuu qaba.

Silaa gahumsa osoo qabaatanii yaada tarkaanfataa sabaafi sablammiilee hirmaachisu  diriirsuun deeggarsa sagalee ummata bal’aan biyya hoogganuu danda’u ture.

Walumaagalatti Doktar Abiyyi qondaala siyaasaa, hawaasumma, dinagdeefi addunyaan ammaan tana barbaaddu keessaa isaan tokko ta’uusaaniin badhaasonni guguddoo kennamaafii jiru lammii kan boonsudha.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

13 Comments to “Doktar Abiyyi ji’oota 17 keessatti badhaasota 13 hammaarratan”

  1. Pingback: buy lsd online
  2. Pingback: Holosun optics
  3. Pingback: Panzer Arms USA
  4. Pingback: check that
  5. Great job site admin! You have made it look so easy talking about that topic, providing your readers some vital information. I would love to see more helpful articles like this, so please keep posting! I also have great posts about Thai-Massage, check out my weblog at UQ4

  6. Pingback: BAU Diyala
  7. Pingback: this

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *