Dirre Dhawaatti lafa invastimentiif fudhatame dalleessanii kaa’uun ittifufuun ibsame

Finfinnee: Lafa invastimentiif fudhatan dallaa itti ijaaranii kaa’uun haaromsaa asiis ittifufaa jiraachuu Ittigaafatamaan Waajjira  Karooraafi Misooma Dinagdee Magaalaa Dirree Dhawaa beeksisan.

Ittigaafatamtichi Obbo Girmaa Tasammaa ibsa Kamisa darbe Finfinneetti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, lafti maqaa invastimentiin fudhatame akkuma kaleessaa dallaan itti ijaaramee taa’aa jirachuu eeraniiru.

Lafti maqaa invastimentiin fudhatame kun rakkoo hojidhabdummaa dargaggootaa hedduu fura jedhamee yaadamus hojiitti seenuu dhabuunsaanii  ilaalcha maal nadhibdeefi hordoffii dhabuurraa kan madde ta’uus dubbataniiru.

Komiin rakkoo hojidhabdummaa kaleessaa dargaggootaan ka’aa ture sosochii invastaroota kanaan furama jedhamee hojiitti seenamuu kan ibsan Obbo Girmaan harkifannaan abbootii qabeenyaa laafuun hordoffii mootummaaf hudhaa ta’aa jiraachuu beeksisaniiru.

Akka Magaalaa Dirree Dhawaatti simannaan invastimentii yeroorraa yerootti dabalaa kan jiru ta’us abbootiin qabeenyaa kallattiin hojiitti seenaa jiran muraasa ta’uus ni dubbatu.

Dameen invastimentii kun hordoffii walirraa hincinne barbaada kan jedhan ittigaafatamichi kanneen kutannoo hojii qabaniifi hinqabne adda baasanii fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf sosochiitti galuu ibsaniiru.

Invastaroonni lafa fudhatanii dalla itti ijaaranii kaa’an adda baafamuu kan himan Obbo Girmaan, yeroo qabameef keessatti hojiitti seenuu baannaan baankii lafaatti akka dabarfamuu danda’u kaasaniiru.

Yeroo ammaatti lakkoofsi invastaroota Dirree Dhawaatti seenaa jiranii dabalaa jiraachuus eeranii, invastaroonni biyya keessaa 155fi dhalootaan Itoophiyaa ta’anii biyya alaarraa dhufan 30 kaappitaala qarshii biliyoona 2.4 galmeessisanii eeyyama fudhachuusaanii beeksisaniiru.

Kun ta’us invastaroonni kunniin humna guutuudhaan hojiitti waan hingalleef carraa hojii isaanin uumame gadaanaadha jedhaniiru.

Haata’uutii komiin invastarootarratti ka’u akkuma jiru gama mootummaanis hanqinni bu’uuraalee misoomaa kanneen akka bishaanii, ibsaa, daandii  waliin  gahuu  dhabuun milkaa’ina hojii invastimantiif hudhaa ta’uu beeksisaniiru.

Karoora gama babal’isa invastimantiitiin qabame milkeessuuf hordoffiifi deeggarsi  mootummaa fooyya’uu akka qabus ittigaafatamichi dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

One Comment to “Dirre Dhawaatti lafa invastimentiif fudhatame dalleessanii kaa’uun ittifufuun ibsame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *