“Ciminni hoggansaa jijjiirama hawaasarratti fideen madaalamuu qaba” -Obbo Shimallis Abdiisaa

Adaamaa: Walgeettii bakka buu’ota hawaasa bal’aa, galma tokkotti kaayyoo tokkoof waamame, Oromoofi Oromiyaan bara xumurametti maal keessa darban? Ciminniifi dadhabbiin ture maali?  Bara haaraa kanatti immoo dadhabbii darberaa maal barannaafi ciminoota turan (tokkummaa Oromummaa) hoo akkamiin itti fufsiifnaan ajandaa walgeettii tuutichaati.

Aanaanis ta’ee godinni Oromiyaa waamicha kanarraa hafe tokkos hinjiru.  Walumaa galatti, hooggansa sadarkaa hundaattu egeree Oromiyaatiif galma tokkotti walga’ee haasa’a pirezidaantii ittaanaa naannichaatiin yaa’iisaa jalqabe.

Hooggansa ofiisaatii hannarraa fagaatee madda hannaa gogsuu danda’u horachuun karoora ijoo bara haaraa ta’uu Waltajjii Raawwii Hojii Mootummaafi Dhaabaa Magaalaa Adaamaatti taa’amaa jirurratti kan himan Obbo Shimallis, kanaan booda hojiin hooggansa hundaa hojii qabatamaafi jijjiirama hawaasicharratti fide qofaan madaalamuu kan qabu ta’uu dubbatu.

Hooggansi hundi boqonnaa qabsoon Oromoo irra gahe hubatee hooggansa yeroon barbaadu kennuun hooggansa ce’umsa hoogganu kamirraayyuu kan eegamu ta’uu ibsaniiru.

Qonna hammayyeessuun, faayinaansii sirnaan hoogganuun, daldala seera qabsiisuun, seera alummaa gogsuufi invastimentii faayidaa ummataa mirkaneessuu danda’u babal’isuun hojii ijoo bara haaraa ta’uu eeru.

Naannolee ollaafi sabaafi sablammoota biyyattii waliin hariiroo cimaa uumuun cimee kan ittifufu ta’uufi hojii hojjatamu kamuu irratti odeeffannoon wayitaawaa ta’e ummataaf kan kennamu ta’uu ibsaniiru.

Barri darbe akka Oromoottis ta’ee ODPtti injifannoowwan gurguddaan kan itti  galmaa’an  ta’uu  kan himan immoo waajjira giddugaleessa ODPtti Ittigaafatamaan Ijaarsa Siyaasa Baadiyyaa Obbo Awwaluu Abdii, hayyoonni Oromoo hedduun ce’umsicha amananii fudhachuufi tokkummaan Oromoo yeroo kamuu caalaa mirkanaa’uu dubbatu.

ODPn Oromoo Oromiyaan ala jiraatu hundi iddoo jiraatu maratti eenyummaasaatiin boonee akka jiraatuuf tattaaffii gochaa turuu himanii, Oromoonni naannoo Amaaraa keessa jiraatan (Wollo) afaansaaniitiin akka barataniif hojiin eegalamuusaa ibsu.

ODPn yeroo ammaa miseensota miiliyoona 2.5 kan qabu ta’uusaa kan himan Obbo Awwaluun, miseensotniifi hooggansi tokko tokko garuu guyyaa guyyaa miseensa ODP, halkan halkan immoo miseensa paartii biroo ta’anii rakkoo uumaa kan jiran ta’uus ni eeru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

4 Comments to ““Ciminni hoggansaa jijjiirama hawaasarratti fideen madaalamuu qaba” -Obbo Shimallis Abdiisaa”

  1. Pingback: PHUKET VILLA

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *