Qajeelfamichi rakkoolee hojii albuudaarratti mudatu ni hir’isa jedhame

Finfinnee: Qajeelfamni “Qajeelcha Bulchiinsa Eegumsa Naannawaa Omisha Aadaa” jedhu rakkoolee hojii albuudaa karaa aadaatiin gaggeeffamurratti mul’atu hir’isuu akka danda’u Ministeerri Albuudaafi Boba’aa beeksise.

Ministeerichatti Daayirektarri Jijjirama Qilleensaafi Naannawaa Obbo Hayiluu Taklaab marii qajeelfamicharratti Kamisa darbe Finfinneetti gaggeeffamerratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, qajeelfamni kun hojiileen albuudaa karaa aadaatiin wayita hojjetaman dhiibbaa inni naannawarratti geesisu hambisuu kan gargaarudha jedhaniiru.

Kunis wayita lafti qotamuufi bakkeewwan magariisaa manca’an dhiibbaa inni jijjirama qilleensaarratti uumu salphaa akka hin taane himanii, qajeelfamichi bosona cirameefi lafa magariisaa qootame haalatti irra deebiin misoomsuun danda’amurratti kan xiyyeeffatu ta’uu dubbataniiru.

Kanaafis ogeessonni sadii Siwiidiin deemuun torban sadiif leenji’anii erga deebi’anii booda ji’oota 10f pirojektii qopheessaa turuusaanii daayirektarichi himanii, pirojektiinsaanii qajeelfamoota rakkoolee hojii albuuda baasuu karaa aadaatiin  mudatuuf furmaata ta’uu ibsaniiru.

Ogeessota sadan  keessaa tokko kan ta’an Abbaa Taayitaa Misooma Albuuda Oromiyaatti Daayirektarra Eeyyamaafi  Bulchiinsa Albuudaa Obbo Zawudee Taaddasaa gamasaaniin, qajeelfamichi eeyyamni albuuda karaa aadaa baasuurratti otoo hinkennamiin dura haala qabatamaa naannawa albuuda itti baasan adda baasanii akka hubatan ni dirqisiisas jedhaniiru.

Kana malees wayita hojiitti galan dhiibbaa naannawarratti uumamu dursaanii ittisuu akka qabaniifi erga uumame haala kamiin damdamachiisuu akka qaban kallattii kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Qajeelfama kanarratti biyyoonni Afrikaa afur Itoophiyaa, Zaambiyaa, Keeniyaafi Taanzaaniyaa kan ofkeessatti hammatu yoo ta’u, marii bal’aan irratti gaggeeffameera.

Wayinisheet Kaasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

2 Comments to “Qajeelfamichi rakkoolee hojii albuudaarratti mudatu ni hir’isa jedhame”

  1. Pingback: incestuous sex

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *