Haaromsi manneen barnootaa Finfinnee dhibbentaa 86.9rra gahuun himame

Finfinnee: Hojiin haaromsuu manneen barnoota mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Waxabajjiitti eegalame dhibbantaa 86.9rra gahuu Biiroon Barnoota Bulchiinsa magaalichaa beeksise.

Abbaan Adeemsa Hojii Dhimmoota Kominikeeshiinii birichaa  Obbo Abbabaa Charinnat Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka himanitti, magaalaa Finfinnee keessatti manneen barnootaa mootummaa waliigalaan 488 jiran ji’oota lama keessatti qarshii miliyoona 800 oliin haaressuuf karoorri qabamee saffisaan hojjetamaa jira.

Haala kanaan hanga har’aatti manneen barnootaa oolmaa daa’immanii 99, sadarkaa 1fa 259fi sadarkaan 2fa  66 waliigalaan manneen barnootaa 424 haaressuun danda’ameera jedhan.

Hojiin haaromsa manneen barnootaa kun abbummaadhaan biiroo konistiraakshinii magaalichaatiin durfamaa jiraachuusaa kan himan Obbo Abbabaan, biirichi immoo dhaabbilee gorsitootaa 168 mindeessee  hojicha raawwachiisaa  jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbileen gorsitootaas hojicha saffisiisuuf akkasumas carraa hojii bal’inaan uumuuf waldaalee IMX 623 hirmaachisaa jiraachuusaas eeraniiru.

Sochii hanga ammaatti jiruun manneen barnootaa mootummaa  magaalattii 488 keessaa 424 haaromfamanii xumuramuusaaniifi isaan hafan immoo hanga Hagayya 30 bara 2011tti xumuruuf kallattiin kaa’amuusaa himaniiru. Hojii qabame kana milkeessuuf garuu hawaasni manneen barnootaa tumsa gochuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Hojiin haaromsaa manneen barnoota mootummaa kunneen biiroo konistiraakshinii bulchiinsa magaalichaatiin raawwachiifamaa kan jiru yoo ta’u, qulqullinni hojichaafi faayinaansiinsaa garuu Waajira Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin gaggeeffamaa jiraachuu hubachuun danda’ameera. 

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

6 Comments to “Haaromsi manneen barnootaa Finfinnee dhibbentaa 86.9rra gahuun himame”

  1. Pingback: fox888
  2. Pingback: UWIN789
  3. Pingback: Guns For Sale

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *