Godinaaleen Oromiyaa Lixaafi Kaamaashiin nageenyasaanii deebifachaa jiru

-Caasaaleen mootummaa diigaman deebi’aniiru

Asoosaa: Waggoota sadan darban keessa godinaaleen Oromiyaa Lixaa sadeen (Wallagga Bahaafi Lixaa, Qellam Wallaggaa)fi Beenishaangul Gumuzirraa godinni Kaamaashii sababa shira siyaasaatiin nageenyasaanii tikfachuu hindandeenye ture.

Kanarraa kan ka’e lammiileen kuma 200 ol ta’an qe’eefi qabeenyasaaniirraa kan buqqa’an yoo ta’u, lubbuu namoota nagaa hedduus galaafachuunsaa yaadannnoo yeroo dhiyooti. Wayita ammaa garuu godinaaleen kunneen tumsa abbootii Gadaafi amantii, akkasumas qaamolee nageenyaafi kutaalee hawaasaa addaddaatiin nageenyasaanii guutummaatti deebifachaa akka jiran beekameera.

Bulchaan Godina Kaamaashii Obbo Taarikuu Kumarraa Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, waggoota sadan darban keessa sababoota addaddaatiin walitti bu’iinsi uumamaa waan tureef lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafateera; qe’eefi qabeenya horatanirraas akka buqqa’an godheera.

Itoophiyaa Lixaatti lafti qonnaa gabbataan keessumaa ammoo godinni Kaamaashii hojii qonnaaf mijataa waan ta’eef, abbootiin qabeenyaafi kutaalee hawaasaa garagaraatiin daran kan barbaadamuudha jedhan. Abbootiin qabeenyaa kunneen ammoo fayyadamummaa isaanii karaa seeraan ala mirkaneeffachuuf jecha  sabootaafi sablammoota gidduutti walqoqqoodinsa uumuuf shira siyaasaa xaxaa akka turan dubbataniiru. Kunimmoo tooftaa jallinaa isaan itti fayyadamaa turan waan ta’eef, gaaga’ama guddaa dhaqqabsiisuu danda’eera jedhu.

Akka godinichaatti rakkoolee uumamaa turan furuudhaaf  qajeelfama hoggansa olaanaa naannichaafi koomaand poostirraa kennamu hojiirra oolchaa turreerraa jedhanii, wayita ammaas haalli nageenya godina Kaamaashii guutummaatti deebi’aa akka jiru ibsaniiru. Lammiileen qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’uun gara godinaalee Oromiyaa lameenii (Wallagga Bahaafi Lixaatti) baqatanis deebi’uun jireenyasaanii gaggeeffachaa jiruu jedhan.

Hoggantoota itti gaafatamummaa isaanii seeraan bahachaa hinturrerrattis tarkaanfiin seeraa kan fudhatame yoo ta’u, irra caalaatti bakkasaaniirraa kaafamuusaanii eeraniiru. Nageenyi amma argames haala itti fufiinsa qabuun akka mirkanaa’uuf hoggansi sadarkaa sadarkaan jirus kutannoon hojjechaa jiraa jedhan.

Bulchaan Godina Wallagga Bahaa Obbo Saamsoon Birraatuu gamasaaniin akka jedhanitti, waggoota darban keessa haalli nageenya godinichaa sadarkaa yaaddeessaarra ture. Keessumaa ammoo shirri siyaasaa aanaaleefi gandoota godina Kaamaashii waliin waldaangessanirratti raawwatamaa waan tureef, lammiileen nagaa qe’eefi qabeenya horatanirraa akka buqqa’an taasiseera.

Rakkoo nageenyaa uumamee ture furuudhaaf godinnisaanii qaamolee nageenyaa Oromiyaafi federaalaa waliin ta’uun hojjechaa akka ture ibsaniiru. Kanaanis qaamolee ergama addaddaa fudhachuun badii guddaa geessisanirratti tarkaanfiin seeraa fudhatameera jedhanii, lammiilee buqqaafamanis gara qe’eefi qabeenyasaaniitti deebisuun danda’ameera. Namoota godina Kaamaashiitti deebi’uuf fedhii hinqabne ammoo carraan hojii kan uumameef ta’uus dubbataniiru.

Haalli nageenya godinichaas sadarkaa abdachiisaarra jiraachuu eeranii, itti fufsiisuuf garuu hunduu dhimmamuu akka qabus yaadachiisaniiru. Miseensotni paartilee siyaasaa godinicha keessatti sochii taasisaa jiranis karaa nagaan qofa kaayyoofi sagantaasaanii beeksifachuu qabuu jechuun himaniiru.

Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Eeliyaas Ummataas haalli nageenya godinasaanii kan duraarra abdii qabeessa ta’uusaa kan ibsan yoo ta’u, caasaaleen gandaa guutummaatti diigamanii turan tumsa ummataatiin deebi’anii ijaaramuusaanii dubbataniiru. Dandeettii raawwachiisummaa hoggantoota aanaaleefi gandoota godinichaa cimsuufis hojiileen bal’aan hojjetamaa tureeraa jedhanii, kanaanis bu’aan barbaadamu argamuu danda’eera.

Haalli nageenya godinichaas wayita ammaa sadarkaa amansiisaarra gahaa waan jiruuf, hawaasni martuu fuulasaa gara misoomaatti naanneffachaa akka jirus himaniiru. Itti fufsiisuuf  ammoo godinnisaanii abbootii Gadaafi amantii, qeerroofi qarree, akkasumas qaamolee nageenyaa waliin ciminaan hojjechaa jira jedhaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

(Suurri Tshaayi Nugusee)

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

4 Comments to “Godinaaleen Oromiyaa Lixaafi Kaamaashiin nageenyasaanii deebifachaa jiru”

  1. Pingback: ks quik
  2. Pingback: my webcam
  3. Pingback: chat room

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *