“Gareen biyyaalessaa atileetiksii Itoophiyaa diigamuun daran na gaddisiise” – Irreessaa Tolasaa Qottuu

Itoophiyaan sadarkaa addunyaattis ta’u Afrikaatti walmorkiiwwan ispoortii hedduurratti ni hirmaatti. Kanneen keessaa qabxii olaanaa galmeessisaa kan jirtu ispoortii atileetiksiitiini. Kanaanis “Dirreen atileetonni Itoophiyaa irratti hinhirmaanne dirree dorgommii hinfakkaatu” hanga jedhamutti ga’ameera.

Atileetota  gootota sadarkaa biyyoolessaatti injifannoo dachaa gonfachaa turaniifi beekaman duuba leenjistoonni gootonni seenaa gootummaa hojjetan akka jiran dagatamuu hinqabu.

Gootota ergama irraa eegamu bahatanii dhaloota birootti dabarsanii kabajamuun addunyaa tanarraa darban keessaa abbaa ispoortii Itoophiyaa Obbo Yidnaqaachoo Tasammaafi leenjisaa atileetota Itoophiyaafi Afrikaa, Obbo Nigusee Roobaa hojiin isaanii bu’uura ispoortii atileetiksii keenyaa waan ta’eef yoomiyyuu hindagataman.

Har’a ammoo iddoosaanii bu’uudhaan dhaloota kanaaf seenaa hojjechaa kan jiran keessaa tokko IrreessaaTolasaa Qottuuti yoo jenne dhugaarraa waan fagaatu miti. Leenjisaa garee biyyaalessaa atileetiksii Itoophiyaafi atileeti garee biyyaalessaa duri  kun ergama irraa eegamu bahataa jira.

Turtiisaa mana barumsichaatiin ispoortii atileetiksii hordofuudhaan fiigicha meetira 400, 800fi kuma tokkoofi 500 mana barumsasaa bakka bu’uudhaan dorgommiirratti hirmaachuun meedaaliyaa argachuu jalqabe.

Bu’uuruma kanaan wayita umriisaa 18 ga’u gara Raayyaa Ittisaa, Kutaa Mahaandisii jedhamutti makame. Ammaan tana ammo pirezidaantii waldaa leenjistoota bulchinsa magaalaa Finfinneefi hojii raawwachiiftuu koree federeeshinii atileetiksii magaalattii ta’ee hojjetaa jira.

Akkasumas atileetota adda addaa  leenjisaa jira. Kutaan Qophii Gaazexaa Bariisaas tapahawwan Afrikaa guutuu Morokoo, Raabaatti adeemsifamaa jiru sababeeffachuun leenjisaafi atileetii duraanii kana wajjin dhimmoota gara garaarratti gaafdeebii taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseeraa dubbisaa gaarii.

Bariisaa: Eenyurraa, yoom, eessatti dhalatte?

Leenjisaa Tolasaa: Kanin dhaladhe abbaa koo Obbo Qottuu Tirfeefi haadha koo Aadde Muluu Shabuurraa Onkoloolessa 28 bara 1943 akka moggaasa duriitti Shawaa Lixaa, Aanaa Alam Ganaa, Ganda Gejjaa Dheeraa jedhamutti.

Bariisaa: Yeroo daa’immumaa kee akkamiti dabarsite?

LeenjisaaTolasaa: Daa’imummaa koo akkuma ijoollee baadiyyaa kamuu hoolotaafi jabbilee tikisuudhaaniin dabarse. Dirree keessa asiifi achi fiiguudhaan hiriyoota koo wajjin taphadheera. Yeroo haati tiyya ollaatti na ergitus dafee fiiguudhaan ergaa qaqqabsiiseen deebi’a. Kanumarraa kan ka’een haati tiyyaa “Billaacha koo” jettee na waamaa turte.

Bariisaa: Akkamitti gara Finfinnee dhufte?

Leenjisaa Tolasaa: Finfinnee kanan dhufe bara 1953 waggaa 10fa  kiyyatti. Maatiin kiyya osoo hindhagahin  dhokadhee badeen fira wajjin dhufe. Abbaan kiyya na barbaacha iddoon ani jiru dhufus dideen Finfinneetti hafe.

Bariisaa: Barnoota eessatti baratte?

Leenjisaa Tolasaa: Mana Barumsaa Sadarkaa 1fa Manan duraanii kan ammaa Intarnaashinaal kominiitii Iskuul jedhamu kan naannawa qubata xayyaaraa duriitti argamuttin hordofe.

Bariisaa: Ispoortii atileetiksii akkamitti jalqabde?

Leenjisaa Tolasaa: Daa’immumaa kiyya kaasee fiigichan jaaladha. Mana barumsaa kiyyattis yeroo haara galfannaa hiriyoota koo wajjin kubbaa miilaan taphadha. Yeroon kutaa shanaffaa baradhu Waxabajii 30, guyyaa ayyaanni maatii mana barumsaatti kabajamu dorgommii atileetiksi meetira 400fi 800tin dorgomee tokkoffaa ba’uudhaan mo’adhe.

Akkasumas shaampiyoonaa manneen barnootaa guutuu biyyaa bara 1958 Istaadiyoomii Finfinneetti adeemsifametti mana barumsaa  koo bakka bu’ee fiigicha meetira kuma tokkoofi 500n mo’adhee meedaaliyaa warqiifi waancaa argadhe. Bu’uurri beekamtii kiyyaas dorgommii kana jechuun nan danda’a.

Bariisaa: Ati miseensa Raayyaa Ittisaafi atileeti beekamaa turte. Mee waa’eesaa nutti himi?

Leenjisaa Tolasaa: Eeyyee. Ani miseensa raayyaa lafoo ta’uun kanan mindeeffame bara 1962 ture. Baruma sana leenjii loltummaatiif kutaa  Mahaandisii jedhamutti ramadame. Eddiin leenjii fixeeyyis kutuma kana keessattin hojii jalqabe. Raayyaa Ittisaa, kutaawwan barbaadametti yoo ramadamteyyu ispoortii hojjechuun dirqama. Anis daa’immuumaarraa kaasee ispoortii waanan jaaladhuuf bakkan barbaade galuu kiyyatti gammadeen shaakala ciminaan ittifufe.

Yeroo sana ispoortiin kutaalee Raayyaa Ittisaa adda addaa bakka Mootiin biyyaa, Atsee Hayilasillaaseen argamanitti waggaa afuritti al tokko qophaa’aa ture. Anis Kutaa kiyya bakka bu’uudhaan hiriyoota koo wajjin shaakala olaanaa gochuudhaan qophaa’en ture.

Haata’u malee ani dargaggeessa waan ta’eef leenjisaan keenya atileetota muuxannoo qaban filachuudhaan akka dorgoman maqaasaanii ajajootaaf beekisise. Wayita shaakalli adeemsifamutti ajajoonni waan hordofaniif “Maalif isa hambiftan? gaaffiin jedhu ka’e. Leenjisichis “Inni daa’ima, muuxannoos waan hinqabneef isa hambisnee warra muuxannoo qabaniifi buleeyyii hirirsinne’’ jennaan, ajajaan akkan filamu ta’ee fiigicha meetira kuma tokkoofi 500n tokkoffaa ta’uun waancaafi meedaaliyaa warqii argamsiise.

Akkasumas fiigicha meetira kuma shaniin xinnumaaf durfamee lammaffaa ba’uun meedaaliyaa meetii fudhachuu kiyyatti ajajoonni gammadanii turan. Wayita gara kutichaatti deebinus badhaasawwan adda addaa badhaafameera.

Qabxiin shaampiyoonicharratti argadhe kanaan iji ajajaa waraana lafoo narra bute. Osoon hinturin gara  kilaba Waraana Laffoo (“Midir Xoor”) jedhamutti makamuudhaan atileetota beekamoo wajjin  leenjii jalqabe.

Bariisaa: Garee atileetiksii biyyaalessaatti akkamitti makamu dandessee?

Leenjisaa Tolasaa: Akkuman jedhe yeroon waraana lafoof filatamu atileetota beekamoo wajjini dorgommaan ture. Fiigicha meetira kuma shaniin waanan mo’adhuuf leenjisaan garee biyyaalessaa Itoophiyaa, Obbo Nigusee Roobaa waamicha naaf godhe. Bu’uuruma kanaani kanan garichatti makame.

Bariisaa: Dorgommiiwwan biyya keessaatti shaampiyoonaawwan atileetiksii biyyoolessaa adda addaarratti hirmaachuun kee beekamaadha. Qabxiin kee maal fakkaata ture?

Leenjisaa Tolasaa: Biyyaa keessatti bara 1962 irraa kaasee shaampiyoonaawwan manneen barnootaa Magaalaa Finfinneefi guutuu biyyaa, dorgommiiwwan kutaalee Raayyaa Ittisaa, shaampiyoonaawwan Kilaboota Itoophiyaarratti akaakuuwwan ispoortii atileetiksii adda addaatiin hirmaadhee mo’adheera.

Akkasumas shaampiyoonaawwan atileetiksii Afrikaafi Addunyaa, Taphawwan Guutuu Afrikaa, dorgommii qaxxaamura biyyoolessaafi taphawan Olompikiirratti hirmaaaadhee waancaafi meedaaliyaawwan adda addaa badhaafamera.

Keessumaa ALA Adoolessa 28 bara 1981 dorgommii qaxxaamura biyyaa 9fa Ispeen, Maadiriiditti adeemsifametti atileetota beekamoo maqaa masoo, Galaana Magariisa (“The Green Flood”) jedhamuun hanga ammaatti beekaman wajjin hirmaadhee Itoophiyaan dhuunfaadhaan lammaffaa, gareedhaan ammoo tokkoffaa ba’uun meedaaliyaa warqiifi meetii akka argattu  gochuun gahee narraa eegamu baheera.

Olompikii Mooskoo kan bara 1980 adeemsifametti fiigicha meetira kuma shaniin afraffaa ba’us falmii gareedhaan  taasisneen Itoophiyaan atileet Miruts Yifxariin meedaaliyaawwan lama akka argatu seenaa yoomiyyuu hindagatamne hiriyoota kiyya wajjin hojjedheera.

Bariisaa: Hiriyoonni kee kanneen yeroo sana addunyaarratti ciminaan beekaman heddu ta’anis, Mirutsiifi Mahaammad Kadir wajjin baay’ee walitti siqxu jedhamaa sababnisaa maali?

Leenjisaa Tolasaa: Dhugaadha. Aniifi Mahaamad Kadir, akkasumas Isheetuu Turaafi Yohaannis Mahaammad kilaba tokko keessa turre. Machaal duri, kan wayita Ammaa Raayyaa Ittisaa jedhamuudhaan beekamu keessa turre. Kaampii tokko keessa jiraachaa turre. Kilabaanis iddoo tokkotti leenjina. Kanaafuu yeroo tokkollee addaan hinbaanu.

Miruts Yifxar atileetii kilaba Humna Qlleensaa waan ta’eef kilabaan adda adda jirra. Haata’u malee hundi keenya garee biyyaalessaatiif iddoo tokkotti shaakalla. Leenjisaan keenyas tokkuma. Dorgommii biyyoolessaatiif yeroo baay’ee nuti sadan  hunda caalaa carraa hirmaannaa argataa turre. Miruts, Mahaammadiifi ani kutaa tokko keessa ciisna. Iccitii keenyas namni biroo hinbeeku.

Akkasumas  sadan keenyayyuu fiigicha meetira kuma 10fi kuma shanii waan fiignuf dorgommiirrattis wajjin hirmaanna.Wayita dorgommii keessa gallus injifannoon sadan keenya harkaa akka hinbaanne gareedhaan hojjechuun walgargaarra.

Fiigicha meetira kuma 10tti Miruts Yifxar wayita marsaan lama xumuramuuf hafu akkaataa nama dinqisiisuun dorgomtoota keessaa loyee bahuudhaan dursa. Mahaammad ykn ani isatti aannee lammaffaafi sadaffaa baana. Nus ta’u leenjisaan keenya gammachuu guddaadhaan dirree keessatti walhammanna.

Miruts hiriyaa biraa hinqabu. Anaafi Mahaammadi Kadiiri hiriyoonnisaa. Atileetonni marti hiriyoota ta’uu keenya waan beekaniif nu jidduu hingalan. Miruts atileetii guddaadha. Eenyu biratu kabaja guddaa waan qabuuf nus ni kabajna. Inis kanaaf nutti siqa.

Bariisaa: Akkuma beekamu dorgommiiwwan biyya keessaafi biyyoota adda addaarratti qooda fudhachuun kee ni beekama eessa eessatti hirmaatte mee?

Leenjisaa Tolasaa: Atileetummaadhaan bara 1962-1976n ture. Walumaagalatti waggoota 14f biyya keessaafi biyyoota adda addaatti dorgomeera. Dimshaashumatti waancaawwan torba, meedaaliyaawwan warqii 12, meetii 10fi nahaasa 18 badhaafameera. Dorgommiiwwan guguddoo ani irratti hirmaadhe Olompikii Muniik, kan Jarmanitti ALA  bara 1972fi bara 1980 Ruusiyaa, Mooskootti adeemsifamerratti.

Shaampiyoonaa atileetiksi addunyaa kan bara 1973 Xaaliyaan, Roomitti adeemsifamerratti Afrikaa bakka bu’ee meetira kuma shaniin hirmaachuudhaan 5fa ba’eera.

Shaampiyoonaawwan addunyaa kanneen biyoota adda addaatti adeemsifaman irratti hirmaachuudhaan qabxii gaarii argadheera. Keessumaa dorgommii meetira kuma shanii kan Ingiliz, Magaalaa Geetisheeditti adeemsifametti atileetota addunyaarratti beekaman mo’achuudhaan waancaa warqiifi meedaaliyaa warqii akkasumas, badhaasawwan adda addaa argachuu kiyyatti yoomiyyuu nan gammada.

Bariisaa: Yeroo dorgommii keessanii sana atileetonni beekamoon addunyaa eenyufaa turan?

Leenjisaa Tolasaa: Yeroo sana ardii tanarratti atileetota akka sinbiraa bararantu ture. Keessumaa Afrikaarraa atileetota keenya kanneen akka Miruts Yifxar, Mahaammad Kadir, Yohaanis Mahaammad ,Isheetuu Turaafaan kanneen dinqisifamaniidha.

Akkasumas  Awuroppaarraa lammiin Filaandi kan fiigee hindadhabne Laaseeveeree, Porchugaalirraa Kaarloos Lopeez, Awustiraaliyaarraa Robarti Dikaasteelaa warreen maqaa olaanaa addunyaarratti qabaniidha. Atileetonni Keeniyaa, Jibuutiifi Morookoo yeroo sanas ciccimoo turan.

Bariisaa: Gara leenjisumaatti akkamitti galte? Eessafaatti  barumsa leenjii atileetiksi  fudhate?

Leenjisaa Tolasaa: Leenjii isa jalqabaa  sadarkaa tokkoffaa biyya keessattin hordofe. Bara 1976 ammoo ji’oota jahaaf  Gamtaa Ruusiyaa duriitti hordofee dippiloomaadhaan eebbifameera. Akkasumas Keeniyaa, Naayiroobiitti leenjii Waldaan Federeeshinii Atileetiksi Addunyaa (“IAAF”)n kenname hordofee dippiloomaa sadarkaa biyyoolessaatti beekamu fudhadheera.

Akkasumas biyyoota Awuroopaafi Afrikaa adda addaatti koorsiiwwan heddurratti hirmaachuudhaan muxxannoon qabuun  barsiiseera.

Bariisaa: Muuxannoo kanaan kilaboota biyyaafi garee biyyaalessaatiif eenyu fa’aa leenjiste?

Leenjisaa Tolasaa: Leenjisuu kanan jalqabe bara 1977 kilaba Buna Itoophiyaati. Kilaba nahorate, Machaal (“Waraana Lafoo”) bara 1978-1982 leenjisuudhaan atileetota beekamoo horadheera. Akkasumas bara 1977-2000 garee atileetiksii biyyaalessaa leenjiseera.

Biyyaa alatti ammoo garee biyyaalessaa atileetiksi Baahireen leenjisuudhaan qabxii gaarii galmeessisaniiru. Yeroo baay’ee atileetonni biyyoota adda addaa dhuunfaadhaan waan naan mari’ataniif muuxannoon qabuun gorseera.

Sadarkaa kilabaatti  Buna Itoophiyaatiif atileetota maqaa gaarii qaban kanneen akka Hajii Bulbulaafi Fissahaa Abbabaa, wayitan Machaal turetti Addis Abbabaafi Abrahaam Asaffaa, Mugariif ammoo Gazaahaany Abarraa, Tasfaayee Tolaa, Tasfaayee Jifaar, Qananiisaa Baqqalaa, Taarikuu Baqqalaa, Katamaa Nuguseefaa leenjiseera.

Garee biyyaalessaa keessaa ammoo atileetota duri Fiixaa Baay’isaa, Hayilee Gabrasillaasee, Miliyoon Waldee, Asaffaa Mazgabuu, gootota Olmpikii, Daraartuu Tulluufi Geexee Waamii, kanneen ammaa keessaa Qananiisaa Baqqalaa, Masarat Daffaar, Ijigaayyoo Dibaabaafi Xirunash Dibaabaa, Silashii Sihin, Taarikuu Baqqalaafi Massalach Malkaamuu  leenjiseera.

Bariisaa: Komishinii Ispoortii Oromiyaa siifi Obbo Yaamii Kabbadaatu hundeesse jedhamaa dhugaadhaa?

 Leenjisaa Tolasaa: Komishinii Ispoortii Oromiyaa sadarkaa biirootti anaafi Obbo Yaamii Kabbadaatu hundeesse. Yeroo sana ogeessoonni hinturre. Hojiinsaa cimaadha. Sababiinsaa hojjetaa muuxannoo qabu argachuuf rakkisaa waan tureefi.

Haata’u malee Obbo Yaamii Kabbadaa Komishinarii Komishinii Ispoortii Oromiyaa, ani ammoo ittigaafatamaa qajeelcha leenjifi waldorgommii ta’uudhaan hojjechuu jalqabne. Sana booddeedha ijoollee Oromoo warreen Komishinii Ispoortii Itoophiyaa keessa hojjetaniif waamicha goonee biiricha humna namaatiin kan cimsine.

Eddii humni namaa fooyya’ee booddee federeeshinoota adda addaa gurmeessuudhaan abbaa itti goone. Gandaa kaasee hanga sadarkaa godinaatti biirolee gurmeessuudhaan sochiin ispoortii  Oromiyaa akka babaldhatu taasifame.

Kanumarraa ka’uun sadarkaa Oromiyaatti bara 1986 yeroo jalqabaatiif godinaalee Oromiyaa 12 jidduutti shaampiyoonaan Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti adeemsifame. Bu’uura yeroo sana kaa’ameen osoo addaan hincitiin shaampiyoonichi hanga ammaatti waggaa waggaadhaan gaggeefamaa jira.

Bariisaa: Oromiyaan galaana atileetotaati jedhamaa sababiinsaa maali?

Leenjisaa Tolasaa: Oromiyaan galaana atileetootaati kan jedhamuuf sadarkaa biyyaalessaatti shaampiyoonaawwan yeroo yeroodhaan gaggeeffamurratti atileetonni Oromiyaa waancaafi meedaaliyaawwan qophaa’an akkuma jirutti haxaa’anii waan fudhataniifi. Akkasumas Itoophiyaa bakka bu’uudhaan shaampiyoonaawwan biyyoolessaarratti hirmaachuuf kan filataman atileetotuma naannichaa  burqaniidha.

Atileetonni ammaan tana addunyaarratti maqaa olaanaa qaban hundisaanii jechuun ni danda’amaa kan argaman Oromiyaarraayi.

Naannoon Oromiyaa kilaboota atileetiksii 20 magaalota adda addaatti hundeessuudhaan dargaggoonni dandeettii qaban akka hirmaatan taasisuusaatti naannolee biroorraa adda.

Bariisaa: Kilaboota heddu gurmeessuudhaan beekamta. Maqaasaanii nuu eertaa?

Leenjisaa Tolasaa: Akkuman dubbadhe kilaboota heddu gurmeesseera. Kilaba Buna Itoophiyaa, Mogor, kilaboota manneen Sirreessaa Oromiyaafi Poolisii Oromiyaafaa gurmeessuun  atileetota addunyaarratti beekaman horadheera.

Bariisaa: Hojii olaanaa hojjetteeta. Oolmaa hojjeteef maal  argatte?

Leenjisaa Tolasaa: Wayitan atileeti ture Mootummaan Hayilasillaasee sa’aatii warqii, Mootummaan Dargii qarshii, muudama dhibbaalaa hanga Irreessaa Kumaatti naa kenneera. Mootummaan ADWUI ammoo qarshii na badhaaseera.

Akkasumas Mootummaan naannoo Oromiyaa, dhaabbileen ispoortiifi kilabonni adda addaa qarshiifi waraqaa beekamtii gara garaa na badhaasaniiru.

Bariisaa: Ammaan tana gareen biyyaalessaa atileetiksii Itoophiyaa diigameera, leenjistoonnis ari’amaniiru, haalli akkanaa ispoortii atileetiksiirratti rakkina hinuumuu?

Leenjisaa Tolasaa: Bu’uurri ispoortii biyya kilaboota. Kilaboonni jiraannaan atileetonni jiru. Atileetonni jiraannaan ammoo gareen biyyaalessaafi leenjisaa cimaan jira jechuudha.

Bakka gareen biyyaalessaa hinjirretti atileetiis ta’u leenjisaan garee biyyaalessaa hinjiraatu. Bakka gareen biyyaalessaa hinjirretti ammoo biyyattiin atileetotaafi leenjisaa bakka bu’uun shaampiyoonaawwan  biyyoolessaarratti hirmaatu hinqabdu jechuudha.

Akkuma beekamu ammaan tana gareen biyyaalessaa diigamuusaatti atileetonni wayita shaampiyoonaawwan biyyoolessaa adeemsifamuuf guyyoonni muraasni hafan walitti qabamuun shaakalu. Atileetonni bakka tokkotti shaakaluun sirriitti waan wal hinbarreef qabxiin argamu gadi bu’aadha.

Yeroo baay’ee leenjistoonni durii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa wajjin marii taasisnus qaamni nu dhaggeeffatu hinjiru. Kanaafuu ispoortiin atileetiksii balaa guddaa keessa jira. Federeeshinichi yoo ejjennoosaa geeddaruu baate shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaafi tapha Olompikii bara 2012 nu eegaturraa qabxii eeguun rakkisaa ta’a.

Bariisaa:Turtii kee kana keessatti kan sigammachiiseefi sigaddisiise jiraa laata?

Leenjisaa Tolasaa: Umrii kiyya keessatti waan baay’eetu naqunname. Hundasaa dubbachuu hinbarbaadu. Haata’u malee kanin itti gammade shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa kan Ingiliz, Magaalaa Geetisheeditti adeemsifamerratti mo’achuudhaan meedaaliyaa warqiifi waancaa fudhachuu kiyya.

Akkasumas wayita atileetoonni ani leenjisu shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaafi Olompikiirratti riikardii fooyyessuudhaan mo’atan gammachuu guddaatu natti dhagahama.

Wanti nagaddisisu ammoo kilabni an hundeesse atileetota beekamoo addunyaa horate, Mogor diigamuusaati. Kilabni Mogor atileetota kanneen akka Gazaahany Abarraa, Tasfaayee Tolaa, gooticha dorgommii qaxxaamura biyyaa, Olompikiifi shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Qananiisaa Baqqalaa, Taarikuu Baqqalaafi Ganzabee Dibaabaafaa horate diigamusaati.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Suurri Daanyee Abarraatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

One Comment to ““Gareen biyyaalessaa atileetiksii Itoophiyaa diigamuun daran na gaddisiise” – Irreessaa Tolasaa Qottuu”

  1. Pingback: steenslagfolie

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *