Duudhaaleen jaalalaafi obbolummaa rakkoolee kamiifuu furmaata

Itoophiyaatti waggaa darbe yeroo jalqabaatiif Komiishiniin Araaraafi Nageenyaa labsiidhaan hundaa’uunsaa ni yaadatama. Kaayyoon hundeeffama komiishinichaas rakkoolee walitti bu’iinsaa furuun biyyattiitti araaraafi nageenya mirkaneessuudha.

Rakkoo walitti bu’iinsaa furuufi nageenya mirkaneessuuf dhuudhaalee jaalalaafi obbolummaan waliin jiraachuu ummata biyyattii laafaa dhufe jabeessuun dhimma ijoo irratti hojjetamuu qabuudha. Komishinichi dhimma araaraafi nageenyaarratti Wixata darbe dhimmamtoota wajjin marii adeemsiseera.

Walittiqabaan Komiishinichaa Kaardinaal Biraanayasuus Suraafeel akka jedhanitti, walitti bu’iinsa kamuu araaraafi dhiifama taasisuudhaan bira darbuun nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Kanaafuu ummatni Itoophiyaa yeroo ammaa waliisaatti araaramuufi dhiifama walii taasisuun duudhaa jaalalaafi nagaan waliin jireenyaa laafee ture jabeessuu akka qabu dhaamaniiru. Komiishinichis dhimma araara buusuufi nageenya mirkaneessuurratti xiyyeeffatee qaamolee dhimmichi ilaallatu wajjin hojjechaa kan jiru ta’uus ni himu.

Nageenyaafi araara hundi keenya hawwinu biyyattii keessatti mirkaneessuuf hundi keenya waliin hojjechuu qabna kan jedhan kaardinaalichi, Itoophiyaan yeroo ammaa biyyoota ollaashee wajjin nageenyaafi hariiroo cimaa qabdi. Araarri biyyattiin Ertiraa waliin taasiftes daran kan ajaa’ibsiifamuudha. Rakkoon nageenyaa, walitti bu’iinsiifi buqqaatiin lammiilee garuu biyyattii keessatti mul’achaa jira. Itoophiyaan biyya argama dhala namaati jechaa laga, gosaafi gaaraan adda walqooduun sirrii akka hintaane dubbatu.

Ummatni Itoophiyaa duudhaa nagaafi jaalalaan waliin jiraachuusaatiin ni boona kan jedhan walitti qabaan komiishinichaa, duudhaan jaalalaafi obbolummaan waliin jireenya ummatichaa daran cimee akka itti fufuuf komishinichi miidiyaaleefi qaamolee dhimmichi ilaallatu walin hojjechaa jira.  Qaamolee walitti bu’an gidduutti araara buusuun nageenya mirkaneessuun hojii ijoo komiishinichaa ta’uus eeranii, hojii kana milkeessuuf abbootii amantii, jaarsolii biyyaafi abbootii Gadaa  gahee irra eegamu akka bahataniif gaafataniiru.

Qaamolee walitti bu’an gidduutti araara buusuun dhiifama akka walgaafataniifi akka waliif dhiisan taasisuun nageenya mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa qaba kan jedhan Kaardinaal Biraanayasuus, komiishinichis rakkoo nageenyaa bakkawwan adda addaatti mudatan furuuf ummata keessa gad bu’ee hojjechaa kan jiru ta’uu himaniiru.

Ministeera Nageenyaatti, Qorataan Dhimmoota Nageenyaafi Walittibu’iinsaa Obbo Abbabaa Ayinatee barreeffama yaada marii waltajjicharratti dhiyeessaniin akka jechanitti, ummatni Itoophiyaa duudhaalee araaraa gabbataa  qaba.

Rakkoo walitti bu’iinsaa bara darbe Magaalaa Buraayyuutti uumammee ture sababeeffachuun miidhaa dargaggoonni magaalaa Arba Mincitti qaqqabsiisuuf turan jaarsoliin biyyaa Gaamoo marga qabatanii jilbeeffatanii dargaggoota miiraan oofamanii miidhaa qaqqabsiisuuf turan tasgabeessaniiru. Duudhaan kun akka babal’atu taasisuun nageenya mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himu.

Duudhaa araaraa ummata biyyattii bira jiru qoratanii babal’isuun nageenya mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba kan jedhan Obbo Abbabaan, haadholiin Siiqqees walitti bu’iinsa ittisuufi araara buusuu keessatti gahee olaanaa qabu. Kanaafuu duudhaalee araara buusuufi walitti bu’iinsa ittisuuf gargaaran qorachuudhaan babal’isuufi kanneen laafanii turan jabeessuun barbaachisaa ta’uu himu.

Duudhaan jaarsummaafi araara buusuu  rakkoolee nageenyaa qaamoleen haqaafi mootummaa furuu hindandeenye furuu danda’u kan jedhan qorataan kun, duudhaa laafaa dhufe jabeessuu keessatti abbootii amantii, abbootii Gadaafi jaarsolii biyyaa gahee irraa eegamu bahachuu akka qaban eeraniiru.

Nagaan yoo jiraate malee abbootiin qabeenyaa qarshii isaanii dhangalaasanii hojiilee misoomaa adda addaa irratti hinhiraamaatan. Nagaan yoo jiraateedha miira sodaa malee nagaan bahanii galuun kan danda’amu. Walitti bu’iinsi jiraannaan nageenyi hinjiru. Nageenya mirkaneessuuf ammoo maddoota walitti bu’iinsaa qoratanii furuun barbaachisaadha. Walitti bu’iinsi erga uumamee boodas qaamolee miidhaa qaqqabsiisaniifi miidhaan irra gahe gidduutti araara buusuudhaan nageenya buusuun barbaachisaa ta’uu himu.

Qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota biratti lafti qonnaafi kaloon horii maddoota walitti bu’iinsaati kan jedhan qorataan kun, paartiilee siyaasaa biratti ammoo maddi walitti bu’iinsaa taayitaa ta’uu danda’a. Hanqinootnis maddoota walitti bu’iinsaa ta’uu danda’u. Araara buusuufi nageenya mirkaneessuuf maddoota walitti bu’iinsaa beekuufi adda baasuun barbaachisaadha jedhu.

Haala yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiruun eenyu akka miidhaa qaqqabsiiseefi eenyurra miidhaan akka gahe adda baasuun rakkisaadha kan jedhan Obbo Abbabaan,  rakkoo kan uume sirnicha. Sirnicha keessatti ammoo lammii kanatu miidhaa qaqqabsiise, lammii kanarra miidhaan gahe jedhanii adda baasuun rakkisaadha.  Kun ammoo hojii araaraafi nageenya buusuu keessatti qormaata ta’eera jedhu.

Walitti bu’iinsa guutummaatti hambisuun hindanda’amu. Garuu lammiin tokko lammii biraa utuu hinmiidhin waldanda’anii jaalalaafi obbolummaan yoo waliin jiraatan walitti bu’iinsa hir’isuun ni danda’ama. Walitti bu’iinsi yoo mudates araara buusuun rakkoo nageenyaa uumame dafanii furuun barbaachisaadha. Rakkoo walitti bu’iinsa mariiifi waliigalteedhaan furuun kan danda’amu  ta’uu dubbatu.

Yeroo baay’ee adda addummaan yaadaa, hiyyummaa, rakkoo mana jireenyaafi qaala’inni jireenyaa maddoota walitti bu’iinsaa ta’uu danda’u kan jedhan qorataan kun,  kanaafuu maddoota rakkoo walitti bu’iinsaa kana furuu irratti xiyyeeffatanii hojjechuun dhimma xiyyeeffannaa guddaa barbaaduudha. Araara buusuun hojii rakkisaafi dadhabsiisaa ta’us nageenya mirkaneessuu keessatti ammoo gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu himu.

Araara jechuun walitti bu’iisa raawwate dhiisanii nageenya mirkaneessuuf fuulduraatti tarkaanfachuudha.  Qaamni miidhaa qaqqabsiiseefi miidhaan irratti raawwatame dhiyaatee dhiifama ykn araara waliif kan taasisusu yoo ta’eedha nageenyi mirkanaa’aan uumamuu danda’a jedhu.

Haala yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiruun  paartiilee ADWUI afran gidduu hariiroo gaariin hinjiru kan jedhan Obbo Abbabaan, paartiilee morkattootaa gidduus nageenyi hinjiru. Ummataafi mootummaa gidduus ahriiroo cimaan hinjiru. Ta’us akka biyyoota biroo badiisaafi dhumiinsa  keessa hingalle.  Haata’u malee rakkooleen bakkeewwan adda addaatti uumaman ni jiru. Rakkoolee kunneen furuuf hojiileen raawwatamaa kan jiran ta’uu himu.

ADWUIn balleessaisaa amanee ummata dhiifama gaafateera kan jedhan Obbo Abbabaan, seenaa Itoophiyaa keessatti mootummaan ummata dhiifama gaafatu baay’ee hinturre. Hojiin araaraa kun guyyaa Doktar Abiyyi Ahmad paarlaamaa irratti ummata dhiifama gaafataniin jalqabe. Yeroo ammaa ammoo Komiishiniin Nagaafi Araaraa labsiidhaan hundaa’ee hojicha itti fufiinsaan hojjechaa kan jiru ta’uu dubbatu.

Guddina dinagdeefi hariiroon hawaasummaa keenya jijjiiramuun walqabatee duudhaan jaalalaafi obbolummaan waliin jireenyaa, hangafa, abbaa, haadhaafi  maanguddoo kabajuufi nama biraatiif yaaduu keenyaa laafaa dhufeera kan jedhan qoratichi, dhuudhaaleen kunneen sirna barnoota biyyattii keessas hinjiran. Duudhaaleen biyyattiin araara buusuufi nageenya mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa waan qabaniif dhuudhaalee laafaa dhufan jabeessuuf abbootiin amantiifi Ministeerri Barnootaa gumaacha irraa eegamu bahachuu akka qaban yaadachiisu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

4 Comments to “Duudhaaleen jaalalaafi obbolummaa rakkoolee kamiifuu furmaata”

  1. Pingback: sex children 10
  2. Pingback: hihuay
  3. Pingback: Morpheus8

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *