“Dhimmi Barnoota Afaan Oromoo dhimma mariif hindhiyaanneedha” -Obbo Shimallis Abdiisaa

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimmi Barnoota Afaan Oromoo dhimma mariif hindhiyaanneefi guddina afaanichaaf xiyyeeffannoo addaatiin akka hojjetu pirezidaantii ittaanaan mootummaa naannichaa,  Obbo Shimallis Abdiisaa beeksisan.

Caaseffamni barnoota biyyattii maal akka fakkaatu ilaalchisee ibsa Ministeerri Barnootaa kenneen odeeffannoon Afaan Oromoo waliin deemu gonkumaa kan hojii qabatamaa jiru hinibsineedha jedhanii, dhimma Afaan Oromoorratti araaramni tokkollee akka hinjiraanne ummanni hubachuu  akka qabu himan.

Angoon Manneen Barnootaa Sadarkaa 1fa Bulchuu, sirna barnootaa qopheessuu, qorumsa kutaa 8fa qopheessuufi soroorsuun qabxii murteessuu aangoo naannoof kenname waan ta’eef kanatti eenyuyyuu bu’uu akka hindandeenyeefi akkuma kana duraa Afaan Oromootiin barnoonni kennamu akka itti fufus ibsan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Afaan Oromoo guddisuuf hojii hojjetu daran babal’isee bakka kana dura hinbaratamnettillee akka baratamuuf hojjechaa akka jiru ibsanii, kanaafis waliin tumsuu qabna jedhaniiru.  

Manneen barnootaa dhuunfaa Naannoo Oromiyaa keessatti kaarikulamii naannichaatiin ala hojjetanirrattis barana tarkaanfii cimaa fudhachuuun kan sirreeffamu  akka ta’es ibsameera. 

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

5 Comments to ““Dhimmi Barnoota Afaan Oromoo dhimma mariif hindhiyaanneedha” -Obbo Shimallis Abdiisaa”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: bệnh HIV
  3. Pingback: grayzone cheats

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *