Finfinnee: Obbo Xilaahun Geetaachoo daldaltoota mooraa Dhaabbata Gabaa Omisha Qonna Oromiyaa Buraayyuu, naannawa Ashawaa Meedaa jedhamutti argamu keessatti iddoo kireeffatanii hojjetaa jiran keessaa isaan tokko.
Akka isaan jedhanitti, xaafii kiiloo tokko qarshii 30n gurguraa jiru. Gatiin xaafii garmalee akka dabalu kan taasise daldaltoota seeraan alaafi faddaaltota. Qonnaan bulaa biratti xaafiin kiiloon tokko hanga qarshii 25tti gurguramaa jira.
Dhaabbatichi daldaaltota seeraan alaafi faddaaltotaan waan mo’ameef kaayyoo hundaa’eef milkeessuu hindandeenye. Sababa kanaan mootummaas ta’e ummatni faayidaa barbaachisu argachaa kan hinjirre ta’uu dubbatu.
Gatiin midhaan akaakuuwwan gara garaa guyyaa guyyaan dabalaa jiraachuu kan himan Obbo Xilahuun, keessumaa gatii xaafii tasgabbeessuun dhimma xiyyeeffannaa olaanaa barbaadu ta’uu dubbatu.
Aadde Alam Yirgaas daldaltoota dhaabbatichaa keessaa isaan tokko yoo ta’an, gatiin midhaanii guyyaa guyyaan dabalaa waan jiruuf bitattootatti gatii daballee himuu yaadda’aa jirra jedhu. “Namni nyaata malee jiraachuu waan hindandeenyeef gatiin dabalus gungumaatuma waanuma harka jiruun bitataa jira. Nus bu’aa gaarii argannee utuu hintaane hojii malee hinteenyu jennee hojjechaa jirra. Mootummaan gatii gabaa midhaanii tasgabbeessuuf daldaltoota seeraan alaa, faddaaltotaafi abbootii qabeenyaa midhaan bitanii kuusanirratti to’annoofi hordoffii cimaa taasisuu qaba” jedhu.
Aadde Zakkiyaa Saanii bitattoota dhaabbatichatti arganne keessaa isaan tokko. Akka isaan jedhanitti, gatiin midhaanii guyyaa guyyaadhaan dabalaa jira. Gatiin midhaanii torban tokko keessatti kiiloo tokko irratti hanga qarshii 20 dabaleef bituufis dhiisuufis fala wallaaleen jira. Daakuu qamadii kiiloo tokko irrattis torban tokko keessatti qarshii afur dabaleera. Gatiin midhaanii guyyaa guyyaan dabalaa waan jiruuf maatiin ijoollee isaanii waa nyaachisu hanga dhabutti gahaa jira.
Namni daabboofi shaayii, biddeeniifi shiroo nyaatee bulu hanga dhabutti gaheera kan jedhan Aadde Zakkiyaan, mootummaan qaala’inni jireenyaa kun maal irraa akka madde sirriitti qoratee gatii gabaa tasgabbeessuu irratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba. Daballiin gatii midhaanii haala amma jiruun kan itti fufu taanaan keessumaa namootni harka qal’eeyyiin daran waan miidhamaniif mootummaan hirpha barbaachisu akka taasisuuf gaafataniiru.
Gatiin midhaanota adda addaa guyyaa guyyaan dabalaa kan jiru ta’us gatiin gabaa dhaabatichaa kan daldaltoonni naannawaa ittiin gurguranirra fooyya’aa ta’uus himaniiru.
Dargaggoo Moosisaa Eebbisaa dhaabbatichatti, Ogeessa Odeeffannoo Gabaati. Akka isaan jedhanitti, haalli gatii gabaa yeroo ammaa kan bara darbeerra baay’ee dabalee jira. Bara darbe xaafii kuntaalli tokko qarshii kuma tokkoofi 800 kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa qarshii kuma 300 olitti gurguramaa jira. Gatiin xaafii kun haala kanaan akka dabalu kan taasise hanqina omishaa utuu hintaane daldalli seeraan alaa babal’achuufi abbootiin qabeenyaa midhaan hanga hayyamameef %25 ol bitanii waan kuusaniifi.
Qaala’ina jireenyaa sababa kanaan mudachaa jiru furuuf mootummaan to’annoofi hordoffii cimaa taasisuudhaan rakkoon kun furmaata akka argatu taasisuu qaba jedhu.
Hoji geggeessaan dhaabbatichaa Obbo Hayiluu Dajanee akka jedhanitti, daldalli seeraan alaa babal’achuun, abbootiin qabeenyaa seeraan ala midhaan bitanii kuusuufi daldalaan gatiin gabaa boru dabaluu danda’a jedhee midhaan bite gabaaf dhiyeessuu dhiisuufi bitataan gatiin midhaanii boru dabaluu danda’a jedhee midhaan hanga yeroof isa barbaachisuu ol bituun sababoota gatiin midhaanii akka dabalu taasisaa.
Qaala’ina gatii mudate kana furuuf mootummaan keessumaa omishaafi omishtummaan akka dabalu taasisuu, daldaltoota seeraan alaa, faddaaltotaafi abbootii qabeenyaa seeraan ala midhaan bitanii kuusan irratti tarkaanfii barsiisuu danda’u fudhachuu qaba kan jedhan Obbo Hayiluun, akkasumas gatii gabaa tasgabbeessuuf qooda fudhattoota waliin hojjechuu akka qabu himu.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011
7 Comments to “Daballiin gatii hanga namni waan nyaatee bulu dhabutti ittifufuu hinqabu”