“Bara dhufu haati hiyyeessaa mucaashee baratee xumure malee, reenfa simachuu hinqabdu”-Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaa

Finfinnee: Waggoota lamaan darban dhaabbileen barnootaa olaanaa dirree beekumsa ittigalaafan osoo hintaane kan itti walgalaafatan ta’ee darbeera. Yunvarsiitiiwwan mootummaa baay’een jeequmsi keessatti uumamuun qabeenyi barbadaa’eera, lubbuun abdii boriis karaatti hafeera.

Dhaabbilee barnootaa muraasarraa kan hafe harki caalaansaanii rakkoo kanaaf saaxilamoo waan turaniif maatii hedduun ilmaansaanii gara dhaabbilee barnoota olaanaatti erguurra waan qaban duguuganii of biratti barsiifachuu filataa turan. Warri kanaaf humna hinqabnemmoo ijoolleesaanii akka waan barnootatti osoo hintaane waraanatti erganii imimmaansaanii dhangalaasaa erguuf dirqamaniiru.

Bara dhufu garuu kun rakkoo ta’uu akka hinqabneefi haati hiyyeessaa mucaashee barate malee reenfa simachuun dhaabbachuu qaba jechun Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanaa Wiixata darbe bara 2012f kallattii hojii ifaa ta’e kaa’uun abbootii ga’ee irratti mariisiiseera.

Ministirri ministeerichaa Piroofesar Hiruut Waldamaariyaam akka jedhanitti, bara dhufu sirni baruufi barsiisuu naga qabeessi dhaabbilee hunda keessatti akka gaggeeffamuuf sirna hojmaataa qaamoleen hundi ittigaafatamummaasaanii ba’achuu danda’an qophaa’eera. Bu’uuruma kanaan tokko tokkoon raawwataa ittigaafatamummaa taa’eef ba’achuu qaba; ta’uu baannaan hojii hordooffiifi to’annoo cimaa hojjechuun tarkaanfii barbaachisaan kan fudhatamu ta’a.

Gorsaan ministeerichaa Doktar Alamaayyoo Kabbadaa waltajjicharratti akka ibsanitti, bara bajataa 2011tti mootummaan dhaabbilee barnootaa qarshii biliyoona 23 ramadee hojjetaa tureera. Kunis bajata pirojaktii guddaa tokkoof oolu kan caaluudha.

Mootummaan kana hunda kan baasuuf lammii baratee rakkoo hiikuu horachuuf malee kan rakkoo uumuu qabaachuuf akka hintaane kaasanii, bara 2012tti garuu dhaabbileen barnootaa kan ilaalchi siyaasaafi amantii itti calaqqisifamu osoo hintaane, kan beekumsiifi dandeettiin keessaa argamu akkasumas, gaafa alaa jeeqamu kan jeeqaman osoo hintaane furmaata kan taa’an taasisuuf  xiyyeeffannaa olaanaan akka hojjetamu addeessu.

Kanaafis maatiidhaa kaasee hanga ministeerichaatti qoodni hojiifi ittigaafatamni qophaa’uu eeranii, qooda kana keessatti rakkooleen keessoofi alaa kan hiikaman akka ta’u himu.

Akka kanaan duraa jeequmsi yommuu uumamu qaama tokkotti quba qabuun ni hafa kan jedhan Doktar Alamaayyoon, raawwataan hundi kan ittigaafatamu ta’uu ibsu. Sababa nagaa dhabuutiin qabeenyoonni manca’an kasaaraa mootummaa qofa ta’uunsaaniis hafe barattoonni abbummaadhaan dormii keessa jiraatan qulqulleeffachuu, qabeenyaafi gamoowwan eeguu, akkasumas, dareewwan barnootaa eeguun dirqamasaanii akka ta’u himu.

Kanaafis osoo gara dhaabbilee barnootaa hindhufiin aanaa jiraatanitti marii kan gaggeessan ta’uu himanii, marii kanaan booda unka ittigaafatamummaasaaniifi maatii ykn guddistoonni isaanii itti mallatteessan aanaarraa fidanii dhufuun dirqama akka ta’u hubachiisu. Isaa booda qabeenya baduu kamiifuu ittigaafatamni kan isaaniifi kan maatii ta’a jedhu.

Pirezdaantiin Yunvarsiitii Amboo Doktar Taaddasaa Qana’aa yaada nuu kennaniin, qaamni hundi ittigaafatamummaa fudhachuun gaarii ta’us, barattoota duudhaa waljaalachuu, walkabajuufi tokkummaa barsiisuuf ofitti dhiheessanii mariisuun jiraachuu baannaan seerri qofti ga’aa akka hintaane kaasu.

Gama kanaan yunvarsiitiinsaanii fakkeenyummaan akka ka’u eeranii, keessumaa hoggansi barataa dhaggeeffatu waan turef barana rakkoo nageenyaa tokko malee hojjechuusaanii dubbatu. Muuxannoon kunis baratamuu akka qabu gorsu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

5 Comments to ““Bara dhufu haati hiyyeessaa mucaashee baratee xumure malee, reenfa simachuu hinqabdu”-Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaa”

  1. Pingback: etax
  2. Pingback: w69

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *