Yunivarsitiin Jigjigaa hojii baruu barsiisuu bara 2012f qophii gaarii taasisaa jiraachuu beeksise

Jigjigaa: Yuunivarsitiin Jigjigaa hojii baruu barsiisuu bara 2012f qophii gaarii taasisaa jiraachuu bara barnootichaa barattoota haaraa kuma sadiif 612 simatee kan barsiisu ta’uu  beeksise. 

Pirezidaantii eeggataan yunivarsitiichaa,  Doktar Abdii Ahmad akka jedhanitti, yunivarsitichi hojii baruu barsiisuu bara 2011 milkaa’inaan xumuruun kan bara 2012f ammoo qophii gaarii taasisaa jira. Yeroo ammaa ammoo barattoota ganna baratan simatee barsiisaa kan jiru ta’uus himaniiru.

Yunivarsitichi naannoo ummata horsiisee bulaa keessatti waan argamuuf ummata naannichaa %85 ol fayyadamoo taasisuuf hojiilee adda addaa raawwateera jedhanii, qorannoowwan rakkoo horsiisee bultootaa furuuf taasifamaniin boolli bishaanii qotamee rakkoo bishaanii furuun hojii qonnaarrattis akka hirmaate ibsaniiru. Yunivarsitichi bakka horsiisee boltoonni jiranitti beelladootni isaanii tajaajila talaallii akka argatan taasiseeras jedhan.

Dhukubboota beelladootarraa namatti darban to’achuufis hojiileen adda addaa raawwatamuu kan himan pirezidaantichi, biqiltuuwwan dhaabuudhaanis kunuunsaafi eegumsa naannawaarratti hirmaachaa kan jiran ta’uu eeru.

Yunivarsitichi qorannoowwan rakkoolee ummataa furanirratti xiyyeeffatee hojjechaa jirachuu himanii, qorannoowwan adeemsifamanis  hojiitti hiikamanii ummata fayyadamoo taasisaa jiraachuu himaniiru.

Yunivarsitichi keessumaa rakkoolee hawaasa horsiisee bultootaa furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu Dr. Abdiin ibsanii, horsiisee bultoonni  ijoollee saanii akka barsiifataniifis deggarsa barbaachisu taasisaa jiraachuu himaniiru.

Yunivarsitichi rakkoon nageenyaa akka hinmudanneefis wantoota rakkoo nageenyaafi walitti bu’iinsaa ta’uu danda’an dhabamsiisuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuufi bara barnootaa bara 2012 rakkoo nageenyaa tokko malee hojii baruu barsiisuu itti fufuuf qophii gahaan taasifamuu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

6 Comments to “Yunivarsitiin Jigjigaa hojii baruu barsiisuu bara 2012f qophii gaarii taasisaa jiraachuu beeksise”

  1. Pingback: truck towing

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *