“Hojidhabdummaan ammallee rakkoo dargaggoota godinichaati” -Obbo Asmaraa Ijaaraa (I/A/B/ G/ Wallagga Bahaa)

Naqamtee: Hojidhabdummaan ammaalle rakkoo dargaggoota isa hamaa ta’uu Godinni Wallagga Bahaa beeksise.  

Bulchaa Ittaanaan Godina Wallagga Bahaa, Obbo Asmaraa Ijaaraa ibsa addatti gaazexaa Bariisaaf kennaniin, rakkoon hojidhabdummaa dargaggoota godinichaa hubaa jiru yeroorraa gara yerootti dabalaa deemuunsaa yaaddoo ta’aa jiraachuu ibsaniiru. Yaaddoo dargaggootarratti ba’aa ta’aa jiru kana furuuf bajanni qabamee hojiitti seenamus, waliin ga’insarratti hanqina mudateen komiin dargaggootaa kun akkaataa karoorfameen ikamuu dhabus dubbataniiru.

Yaalii kanaan dura hudhaa kana furuuf taasifameen dargaggoonni dhibbeentaa 60 carraa hojii uummachuu kan argatan ta’uu eeranii,  yeroo ammaatti dargaggoonni kuma 23 ol eeggattummaa jala jiraachuu kaasaniiru. Dargaggoota eeggattummaa hojii jala jiran kana hundeessuuf qarshiin miliyoona 150 qabamee jiraachuufi rakkoon waliin ga’insaa mudachuu waan danda’uuf mootummaan xiyyeeffannoo kennu akka qabu ittaanichi himaniiru.

Kun kan ta’eefis dargaggoonni hedduu yeroorraa yerootti dhaabbilee barnootaa gara garaa keessaa eebbifaman dabalaa deemuu wajjin walqabatee rakkinichi akka hammaachuu kan kaasan Obbo Asmaraan, magaalaan Naqamtee dargaggoota Wallagga afran keessaa baba’anii barataniif wiirtuu ta’uusheen ammo rakkinichi magaalattii keessatti daran akka bala’atu taasisuusaa ibsaniiru.

Hudhaan kun xiyyeeffannoo argachuun dafee furamuu yoo dhabe yaaddoo ta’uu kan eeran bulchaa ittaanaan kun, humni nama baratee hedduu bakka jiru kanatti misoomni indastirii paarkii, warshaaleefi ijaarsawwan gara garaa dhibuun hudhichi yeroorraa yerootti akka hammaatu taasisaa waan jiruf kanneen irratti xiyyeeffatamu qaba jedhaniiru.

Godinichi albuudawwan gati jabeessa gara garaan kan guutame ta’us hanga ammaatti damee kanarratti hojjetamuu dhabuunis akkasumas, midhaan zayitaa, bunni akkasumas, misoomni jallisiif ooluu  mijataa ta’e osoo jiru deeggarsiif xiyyeeffannoon itti kennamuu dhabuunis madda komii dargaggootaa ta’uu addeessaniiru.

Deeggarsi ammaan tana taasifamaa jiru jajjabeessaa ta’us itti fufiinsa akka qabaatuufi rakkoon waliin ga’insaa akka hinmudanneef mootummaan maddawwan komii dargaggootaa ilaalcha keessa galchee akka hojjetu gaafataniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

3 Comments to ““Hojidhabdummaan ammallee rakkoo dargaggoota godinichaati” -Obbo Asmaraa Ijaaraa (I/A/B/ G/ Wallagga Bahaa)”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *