Buufaaleen xiyyaaraa haaraa shan qarshii biliyoona afuriin ijaaramuufi

Finfinnee: Buufataalee xiyyaaraa biyya keessaa digdamaa ol kan qabu Daandiin Qilleensa Itoophiyaa, dabalataan buufataalee haaraa afur qarshii biliyoona afuriin ijaarsisuuf karoorsuusaa beeksise.Hojiin dizaayinii ijaarsa buufataalee haaraa kanneeniis kan xumurame ta’uu ibsameera.

Manaajarri Korporeeti Kominikeeshinii Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Asiraat Bagaashaawu Kibxata darbe gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif akka ibsanitti, kutaaleen hawaasaa biyyattii jireenyasaanii fooyyeffatan geejiba lafaarraa kan qilleensaa filachuun magaalota addaddaatti imalaa jiru.

Fedhiin Daandii Qilleensa Itoophiyaatti fayyadamuu biyyuma keessattiyyuu yeroodhaa yerootti dabalaa waan jiruuf buufataalee haaraa afur (Goree-Mattuu, Yaa’a Bal’oo, Nagellee  (Gujii), Dabra Maarqosiifi Miizaan Amaan/Benchi Maajiitti) qarshii biliyoona afuriin ijaarsisuuf karoorri qabameera; dizaayiniin ijaarsasaas xumurameera jedhan.

Dirreewwan xiyyaaraa kanaan dura magaalota torba keessa turan kanneen akka Naqamtee, Dambi Doolloo, Roobee, Shiree, Godee, Kombolchaafi Jinkaa keessatti ammoo iddoowwan imaltootni itti keessummeeffaman ijaarsisuuf hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.

Kanaanis kan Dambi Doolloofi Naqamtee walfaana ijaarsisuuf caalbaasiin biyyoolessaa baheera jedhan. Wayita ammaas ijaarsi buufata xiyyaaraa Dambi Doolloo dhibbantaa 98rra kan gahe yoo ta’u, kan Naqamtee garuu ijaarsarra jiraachuusaa himaniiru. Qabiyyeewwan lafaa dirree xiyyaaraaf kennamerrattis komiin qonnaan bultootarraa dhiyaachaa waan tureef gama mootummaatiin furamaa akka jiru dubbataniiru.

Buufataaleen xiyyaaraa yeroo dheeraaf tajaajilaa turanis haala ammayyaawaa ta’een suphamaa jiraachuusaanii ibsanii, dizaayiniin dirree xiyyaaraa Bahaar Daariifi Maqalee irra deebiin fooyyeffamaa jiraachuu beeksisaniiru. Magaalota biroo keessattis bifuma walfakkaatuun kan hojjetaman ta’uus ibsan.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa barana qofa imaltoota miliyoona sadii oliif biyya keessatti tajaajila geejibaa kennuusaas hubachuun danda’ameera. Kanaanis sochiiwwan hawaas-dinagdee si’eessuu keessatti qoodasaa bahachuunsaa ibsameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011

Recommended For You

3 Comments to “Buufaaleen xiyyaaraa haaraa shan qarshii biliyoona afuriin ijaaramuufi”

  1. Pingback: lucabet88

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *