Finfinnee: Oromiyaatti leenjiin geggeessitoota sadarkaa naannootii hanga gandaatti jiraniif kenname fedhii misoomaa, rakkoo bulchiinsa gaarii ummatni kaasu hundeerraa furuun jijjiiramni akka naannottis ta’e biyyaatti mul’achaa jiru itti fufsiisuuf kan gargaaru ta’uu Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibse.
Hogganaan biirichaa, Obbo Adimaasuu Daamxoo ibsa Kibxata darbe gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, jijjiirama akka naannichaattis ta’e biyyaatti mul’achaa jiru itti fufsiisuuf leenjiiwwan dandeettii raawwachiisummaa geggeessitoota sadarkaa sadarkaan jiraniif kennameera. Leenjiin kun gaaffii misoomaafi bulchiinsa gaarii ummatni kaasaa jiru hundeerraa furuufi jijjiirama mul’achaa jiru itti fufsiisuuf kan gargaaru ta’uu himu.
Humnaafi dandeettii geggeessitootaa guddisuun hojiileen gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaatiin raawwataman hundi beekumsarratti akka hundaa’u taasisuuf gargaara kan jedhan Obbo Admaasuun, akkasumas saffisa jijjiiramichi barbaaduun tarkaanfachuufi komii ummatni jijjiramichi hanga dakaatti gad hinbuune jedhee dhiyeessaa ture furuuf ta’uu eeran. Haaluma kanaan geggeessitoota sadarkaa naannootii hanga gandaatti jiran kuma 80 oliif leenjiin dhimmoota adda addaa irratti kan kenname ta’uu himaniiru.
Geggeessitoota sadarkaa adda addaa irra jiran kanneen naannoodhaa hanga aanaatti jiran kuma 20 ta’aniif magaalaa Adaamaafi Jimmaatti mataduree gara garaa irratti leenjii guyyoota 15 akka argatan ta’eera kan jedhan Obbo Admaasuun, leenjiin kun nageenyaafi dimokraasii mirkaneessuufi gaaffii misoomaafi bulchiinsa gaarii ummatni kaasaa jiru hundeerraa furuuf gargaara. Walumaagalatti naannoodhaa hanga gandaatti geggeessitoota sadarkaa adda addaa irratti argaman kuma 80f leenjiin dhimmoota adda addaa irratti kan kenname ta’uu himaniiru.
Leenjichaa geggeessitoonni naannoodhaa hanga gandaatti jiran waldubbisanii akka hojjetan taasisuufis ni gargaara kan jedhan Obbo Adimaasuun, kallattiiwwan mootummaan kaa’us hanga dakaatti sirriitti hojiirra akka ooluuf bu’aa barbaachisu akka argamsiisuuf kan gargaaru ta’uu dubbatu. Akkasumas geggeessitoota ilaachaafi raawwiidhaan tokkummaa qabu uumuuf kan gargaaru ta’uu addeessaniiru.
Leenjichi matadureewwan qabsooo ummata Oromoofi imala jijjiiramaa, sirna federaalizimiifi heddumminaa, geggeessaa jijjiiramaafi amaloota hoggansa jijjiiramaa, nageenyaafi dimokraasii, saayinsii geggeessummaafi sochii hawaas-dinagdee naannichaa, biyyaafi addunyaa irratti kan xiyyeeffatu ture kan jedhan Obbo Admaasuun, leenjichi miira tajjaajilummaafi kaka’umsa hojii geggeessitoota keessatti uumeera jedhu.
Leenjichi hirmaannaa ummatni nageenyaafi dimokraasii mirkaneessuufi misooma naannichaa si’eessuu keessatti qabu guddisuuf kan gargaaru ta’uu himanii, akkasumas kenniinsa tajaajilaa si’eessuufi fedhii ummataa guutuuf gargaara jedhan. Naannichatti olaantummaan seeraa akka kabajamuufi gama hundaanuu Oromiyaa misoomteefi badhaate uumuudhaan imala biyyaatti misoomsuufi ijaaruuf taasifamaa jiru milkeessuuf kan gargaaru ta’uu addeessu.
Geggeessitoonni leenjichaan booda aasaa mootummaa sirriitti akka hubataniifi ergama isaanitti kenname sirriitti hubatanii hojiin akka mul’isan taasiseera kan jedhan Obbo Admaasuunmiira ni dandeenyaas geggeessitoota keessatti uumeera.
Geggeessitoonni hundi humna guutuudhaan gara hojiitti akka seenan taasiseera. Bu’aan leenjichaa hojii geggeessitoonni fedhii ummataa guutuuf raawwatanii kan gamaagamamu ta’a. Ummatnis geggeessitoota waliin ta’uun jijjiiramicha itti fufsiisuu keessatti gahee isaan irraa eegamu akka bahataniif waamicha dhiyeessaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 11/2011
3 Comments to ““Bu’aan leenjichaa hojii geggeessitoonni fedhii ummataa guutuuf raawwataniin madaalama” -Obbo Admaasuu Daamxoo”